Namichi jalqaba Ji'arra ba'e guyyaa dhalootaasaa 93'ffaatti haadha warraa afraffaa fuudhe

Madda suuraa, THEREALBUZZ
Astiroonootiin duraanii US Buuz Adriin guyyaa dhaloota isaa waggaa 93'ffaa wayita kabajuttii haadha warraa afraffaa fuudhan.
Xiyyaar samii US Apooloo 11 bara 1969 gara hawaatti imalte keessa astiroonotii yeroo jalqabaa imalan keessaa tokko paayilatii kana.
Dura bu'aa ergamichaa Niil Armistiroongiin alatti namoota lama Addeessa ykn ji'a irra miilaan deemaan keessaa tokko.
Astiroonotiin kun gaa'ila isaa arfaffaa kana yoo ibsu ''aniifi haati warraan koo Anca Faur akka dardaraa gammachuu addaa keessa jirra'' jedhan
Namni kun namoota bakkalcharra ejjetanii ammallee lubbuun jiran afur keessaa tokko.
Sagantaa fuudha isaanii Los Anjelesitti qophaaye Adriin tiiwitara gubbaatti qoodaniiru.
''Guyyaa dhaloota koo waggaa 93ffaafi ogeeyyii Aviyeeshinii seena qabeessaan guyyaan kabaja argadhutti jaalalleekoo yeroo dheeraa Dr Anca Faur waliin fi ani gaa'ila raawwachuu keenya yeroon ibsu gammachuuni.''
Haati warraan paayiletii kanaa Dr Faur dubartii ganna 63 yoo ta'an Keemikaal Injineeriingiin PhD qabu.
Dhaabbata abbaa warraa isaanii kanaa Buzz Aldrin Venture jedhamu keessattis pireezidantii itti aantuudha.
Bara 1969'tti tilmaamaan namootni miiliyoona 600 ta'an Neel Armistiroongiifi Buuz Adriin ergama Appooloo 11'n Adeessarra ejjechuun namoota jalqabaa yoo ta'an daawwataniiru. Yeroos seenaa keessatti ta'ii namni hedduun televizhiiniin daawwate ture.
Ergasii Adriin maqaa guddaa guutuu addunyaatti beekamtii argate ta'e. ji'oota achii booda turan keessatti miidiyaaf dubbii gochuu, sagantaa suuraa, affeerraa hirbaaataafi haasaa'aa gochuun qabaman.
Bara 2001 yaada Los Anjeles Taayimsiif kennaniin ''Ergasii wanti hundi sun ni ta'e jedhee hin yaadne ture'' jechuun nama beekamaa ta'uuf akka hin qophoofneefi badaa kan isaanitti hin tolle akka ta'es dubbatanii ture.
Ergama isaanii Appooloo dura Adriin waraana Kooriyaa irratti balaliisaa xiyyaara waraanaa ta'uun tajaajilaa turan.
Bara 2018' tti namni kun dhaabbata bu'aa maallaqaaf hin hojjenne inistitiyuutii Human SpaceFlight jedhamu hundeessaniiru.

Madda suuraa, Reuters












