Bilbiloonni Android saatalaayitiirraa intarneeta argachuuf

Saataalaayitii gara hawaatti ergamte

Madda suuraa, IRIDIUM

Maxxanfame

Waliigaltee haaraan dhaabbilee teknooloojii gurguddaa lama jidduutti dhiheenya kana taasifame, bilbiloonni ismaartifoonii harkaa Android ta'an yeroo gabaabaa keessatti saataalaayitii irraa tajaajila intarneetaa akka argatan kan dandeessisudha jedhame.

Waliigalteen kunis dhaabbata bilbila saatalaayitii Iridium jedhamuufi dhaabbata chiip (chip) oomishu guddicha Qualcomm jedhamu jidduutti taasifame.

Kana jechuunis bilbiloonni Android bakka haguuggiin mobaayilii hin jirreetti saataalaayitii qunnamuun ergaa fudhachuufi ergu ni danda'u.

Meeshaaleen chip jedhamaniifi dhaabbata Qualcomm oomishuus bilbilawwan Android ta'an hedduu keessatti argamu.

Dhaabbanni Apple Fulbaana 2022 keessa omishasaa Iphone 14 irratti danaa saatalaayitii kana beeksisee ture.

Yeroo ammaattis tajaajilichi yeroo balaatiif ergaa barreeffamaa bu'uuraa dabarsuufi fudhachuu qofaaf tajaajila irra oolaa jira.

Dhaabbanni Biritiish bilbila oomishu, Bullitt, Apple dursuun tajaajila saataalaayitii mataasaa beeksisuun kan jalqabaa ture.

Innis faayidaa yeroo ariifachiisaa qofaaf kan oolu yoo ta'u, jalqaba yoo hojiirra oolfamu eddoowwan filataman qofaatti argama ture.

Waliigaltee haaraan ammaa kunis tajaajila wal fakkaataa fayyadamtoota bilbila smartphone ta'an miliyoonotaan gaha taasisa.

Haata'u malee, kana hojiirra oolchuuf dhaabbileen bilbila oomishan haala mijeessuu qabu.

Dhabbanni Iridium sirna bilbila saataalaayitii jalqabaa bara 1997 keessa saataalaayitii isaa jalqabaa gara hawaatti ergeedha.

Bara 2019'tti ammoo haaromsa neetworkii xiyyaarawwan hawaa 75 xumureera.

Saataalaayitoonnis addunyaa mara kan haguugan yoo ta'u, hawaa keessa dachii irraa fageenya km 780 (maayilsii 485) irratti suutaan balali'aa jiru.

Gareewwan saataalayitiiwwan kanneenis wal quunnamuun, odeeffannoo waliif dabarsu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Qualcomm, danaan saatalaayitii haaraa Snapdragon jedhamu chips dursaa keessatti kan dabalamu ta'a jedheera.

Suuta suutaan ammoo taableetiiwwan, kompitaroota laaptooppii akkasumas konkolaatawwan irratti galfamuun osoo quunnamtii yeroo ariifachiisaa qofatti hin daangeeffamne akka hojjatan taasifamu jedhame.

Tajaajilli yeroo balaa tasaa kanfaltii malee kan argamudha.

Konneekshiniin saataalaayitaa bakka haguuggiin hin jirreetti rakkoo hanqina intarneetii (not-spots) furuudhaaf abdii daangaa bilbila harkaa akka ta'u yaadama.

Iddoowwan magaalaafi baadiyyaa biyyoota hedduutti rakkoon hanqina haguuggii intarneetii baramaadha.

Saataalaayitii tajaajilawwan Elan Maask kan akka Starlink fa'in haguuggii biroodbaandii dhiyeessuuf milkaa'inaan hojiirra oolfameera.

Saatalaayitiin biroodbaandii saffisaafi walumaagalatti amanamaa yoo ta'u, garuu ammoo konneekshiniiwwan kebiliifi faayibarii caalaa qaaliidha.

Fakkeenyaaf Chaayinaafi Indiyaa dabalatee biyyoonni tokko tokkoo bilbilli saatalaayitii hojjirra akka hin oolleef kan dhorkaniiru.

Kanaafu hojiirra oolmaan teknoolojii haaraa kanaas kan seera biyyootaa irratti kan hundaa'u ta'a.