Siyaasa Oromoo: Qondaalli duraanii ABO Obbo Damissee Kabbadaa akkamiin yaadatamu?

Qabsaawaa Damisee Kabbadaa Sardaa

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Maxxanfame

Falmaa mirgaa fi siyaasa Oromoo keessatti maqaa guddaa kan qaban obbo Damissee Kabbadaa Sardaa, torbee darbe keessa biyya waggoota 30 oliif keessa jiraatan Kaanadaatti boqotan.

Waldaan Hawaasa Oromoo Kaanadaa Bitootessa 4 ibsa baaseen Obbo Damissee Kabbadaan Bitootessa 3, hospitaala Toorontoo St. Michael’s keessatti yaalamaa erga turanii booda ganna 77' tti boqochuu ibse.

Obbo Damisseen waggoota 30 darbaniif biyya Kaanadaa kan jiraatan ta'us, dargaggummaa fi gaheessummaan isaanii waldhaansoo mirga Oromoo keessa darbe.

Hirmaannaan siyaasa Oromoo keessatti qaban waldaa Maccaafi Tuulama irraa hanga hundeeffama dhaaba Adda Bilisummaa Oromootti.

Waldaan Hawaasa Oromoo Kaanadaa obbo Damisseen Guraandhala 28 mana jireenyaa isaanii keessatti kufanii miidhama irra gaheen waldhaansa argachaa akka turaniifi boodas lubbuun darbuu ibse.

Obbo Damisseen hawaasa Oromoo naannoo Greater Toronto gama hedduun gargaaraa akka turaniifi hawaasichaaf akka abbaatti kan ilaalaman akka ta'e ibseera.

Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti yaaduu fi gumaachuu irraa takkaahuu boodatti hin jedhan ture ittiin jedhu hiriyyoonni isaanii.

Obbo Damissee Kabbadaa Sardaa bara 1945'tti Godina Shawaa Lixaa aanaa Ada'aa Bargaa ganda Duufuu jedhamu keessatti abbaa isaanii Kabbadaa Sardaafi haadha isaanii Furoo Roobii irraa dhalatan.

Akaakayyuun isaanii obbo Sardaa diddaa sirna gita bittaa abbaa lafaa yeroo sanii irratti duula gaggeessuun beekamu abbaan isaaniis akkasuma bara mootii Haayila Sillaasee qabsoo keessa wareegamanii, obbo Damisseen abbaa malee guddatan.

Obbo Damisseen barnoota isaanii Hoolataafi Finfinneetti hordofaniiru.

Nama dheeraafi qaama guutuu qaban waan turaniif waggootaaf garee raayyaa eegduu mootichaa ta'uun tajaajilaniiru.

Hirmaannaan isaanii siyaasa Oromoo gara sadarkaa olaanaatti guddachuu dura warshaa sibiilaa Aqaaqii keessa osoo hojjetaa jiranii pireezidantii itti aanaa waldaa Daldalaa Itoophiyaa ta'aniiru.

Obbo Damissee Sardaa fi qabsoo Oromoo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Damisseen sochii waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti namoota gahee bahaniin maqaan isaanii dhahamu keessaa tokko.

Sochiin waldichaa jaarmiyaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo yeroo dhalus obbo Damisseen gahee olaanaa bahuu waahillan isaanii ni dubbatu.

Obbo Damisseen Oromoon akka of beeku, mirgaa isaaf akka qabsaa'uu bakka dhalootaa isaanii dabalatee kutaalee Oromiyaa keessa naanna'uun hojii uummata dammaqsuu hojjataniinis beekamu.

Oromoon ilmaan isaaf afaan isaan maqaa akka baasuufis dadammaqsaafi barsiisaa turan.

''Sobbooqaa, Caaltuu, Dureettii, Guddataa, Diinagdee jettanii ijoollee keessaniif maqaa akka baaftan barbaanna'' jechuun waltajjii bara ce'umsaa naannoo Jalduutti qophaaye turerratti yoo dubbatan waraabbiin suursagalee ture OMN dhiyoo tamsaaseera.

Obbo Damisseen ABO jalatti bakka adda addaatti hawaasa waliin marii yoo godhan kaayyoofi ergama ABO yeroo ibsanis suur-sagaleewwan waraabaman miidiyaalee hawaasaarra jiru.

Obbo Damisseen Bara dargii keessa bulchiinsa Koloneel Mangistuu keessatti hojii qabaatanis waldhaansoo mirga Oromoo keessaa harka waan qabaataniif waggoota 11 mana hidhaa Ma'aaklaawwii Dargii keessatti dararaa hedduu arganiiru.

Namoota obbo Damissee waliin hidhaman keessaa obbo Ibsaa Guutamaa, obbo Mulugeetaa Ayyaanaa, obbo Haayiluu Daargee fa'aa keessatti argamu.

Amma biyya Noorway kan jiran obbo Haayiluu Daargee nama dur tv dhaan argan obbo Damissee kan qaamaan walbaranii michuu walii ta'an kutaa tokko keessa waggootaaf wayita hidhamanii ture ta'uu BBCtti himan.

''Hundi keenya maqaa miseensa ABO hidhamne. Takkaatti namoota dhibba sadii dhibba afuriitu hidhame. Namoota hedduu achitti walbeekne keessaa tokko isa.''

Obbo Damissee fi miseensonni ABO dhibbaan lakkaawwaman kan hidhaman bara 1980 ture.

Obbo Haayiluun yeroo bara 1989 hiikaman obbo Damisseen hidhaa turan. Warri maqaa ABO'n hidhaman mana murtii hin dhiyaanne.

''Bara 1991 dargiin kufee yeroo warri Tigraay mootummaa qabatu manni hidhaa cabeetu akkasitti bahe.''

Warri hidhame hunduu hirmaannaa ABO keessaa qabaniin, Oromoo ijaartu himannaa jedhuun ta'uu kan dubbatan obbo Haayiluun, ''inni (Damissee) warra ABO ijaaran keessaayi'' jedhu.

Hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoo keessatti maqaan isaanii adda dureetti kan ibsamu obbo Leencoo Lataa, obbo Diimaa Naggoo fi Baaroo Tumsaa fa'aa ta'us namootni hedduun gumaacha olaanaa taasisan jiru.

Obbo Damisseen mana hidhaa keessatti ''maqaa qorannoo'' jedhuun akka malee reebamaa fi dararamaa akka turan ni yaadatu.

Qabsaawaa Damisee Kabbadaa Sardaa

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

'Waayee Oromoo malee yaadee hin beeku'

Obbo Damisseen nama akkamii turan gaaffii jedhuuf deebii yoo kennan obbo Haayileen ''nama waayee Oromoo malee yaadee hin beekne bakka dhugaa malee hin dhaabanne''jedhuun.

Obbo Ibsaa Guutamaa waayee obbo Damissee yaada OMN'f kennaniin ''nama amanamuu danda'u, kaayyoo dhaabateef cichee hanga dhumaatti dhaabate,'' jechuun yaadatu.

Ma'aakalaawwii keessa yeroo hidhaa turan waggaa jahaaf seelii isaanii keessaa obbo Damisseen bakka bu'aafi hoogganaa isaanii akka turaniis ni yaadatu.

Obbo Mulugeetaniis nama obbo Damissee waliin hidhaa waggoota dheeraa dabarse, ''jaal Damisseen hidhaa keessatti nama dararaa hedduu, reebicha guddaa argeedha,'' jedhu.

Sababa kanaatti miidhama guddaa qabatanii hidhaa bahanis ''fayyaa dhuunfaa isaallee yoo gaafattuun kan sitti himu waayee qabsoo sabaati,'' jedhu.

''Kanaaf inni umrii isaa guutuu nama qabsoo kanaaf of kenne,'' ittiin jedhu.

Obbo Damisseen waggaa 30 dura biyyaa kan bahan dararaa mana hidhaatti irra gaheen fayyaan isaanii waan jeeqameef waldhaansa akka argataniif akka ta'e waahillan isaanii ni himu.

Wayita biyya Kaanadaa turanis miseensa giddugaleessa gumii sabaa ABO ta'uun bifa garaagaraan hirmaannaa guddaa gochaa akka turan obbo Mulugeetaan ni yaadatu.

''Damisseen qabsoo Oromoo keessatti wanti adda isa godhu Oromiyaa bilisoomte arguudha,'' kan jedhan obbo Haayileen miira gaddaa guddaan ''qerroon isaa kana haa milkeessu,'' jedhan.

'Oromon maal fakkaata yoo nuun jettan nuuf Damissee fakkaata'

Boqochuu nama siyaasaa gameessa kanaa hordofee miidiyaa hawaasaa gubbaatti namootni gumaachaa fi seenaa isaanii beekan hedduun gadda itti dhagaahame ibsaa, tajaajila isaaniifis galateeffachaa jiru.

Obbo Damisseen ''wasiila naaf ta'u'' kan jedhu obbo Dinquu Lammaa Kabbadaa Itophiyaa jiraatu.

''Maatii keessatti obbo Damisseen nama qabsoo Oromootiif dhalate, qabsoo Oromoof jiraate, nama qabsoo Oromoof dabarsee of kenneedha,'' jedhu.

Itti dabaluunis Damisseen Oromummaa keenya kan ilaalle, kan barre, kan dubbifne isa ilaalleeti. Oromon maal fakkaata yoo nuun jettan nuuf Damissee fakkaata jenna,'' jedhu.

Obbo Damisseen bara 2018 jijjiiramni siyaasaa Itoophiyaa keessa wayita dhufe obbo Galaasaa Dilboo fa'a waliin gara biyyaa deemanii turan.

Maatiin obbo Damissee biyya jiru gameessi nama siyaasa Oromoo ta'e kun reeffi isaa biyyatti deebi'ee qe'ee abbaasaa bakka awaalchaa obbolaa isaatti akka boqotu fedhu.

Ammatti waayee sirna gaggeessaa obbo Damissee BBC'n odeeffannoo argate hin qabu.