Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigraayitti hojiirraa, daandii fi mana jireenyaatii waraanaaf nama guuruun yaaddoo uume
Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Tigraay dargaggoota Tigraay "foo'aman" waraanaaf leenjisaa akka jiru BBC Afaan Tigriffaatti kan hime yoo ta'u, adeemsi foo'uu ykn calallii garuu "mootummaa naannootiin raawwatama" jedheera.
Dargaggoonni magaalota naannichaa garaagaraarraa BBC'n dubbise akka jedhanittimmoo, bakka hojii isaaniitii, iddoo bashannanaa fi geejjiba uummataarraa dirqamaan fuudhamanii gara mooraawwan adda addaatti ergamuu dubbatu.
Gama biraatiin, dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Human Rights First Ethiopia jedhamu qaamonni nageenyaa Tigraay naannichaa keessatti sochii babal'aa dargaggoota waraanaaf guuruu fi humna waraanaaf nama foo'uu raawwachaa akka jiran eeruun ibsa baasee jira.
Godinaaleen Kaaba-bahaa, Giddugaleessaa fi Bahaa jedhaman iddoowwan gochaa kanaaf saaxilamani jechuun eereera dhaabbanni mirga namoomaa kun.
Waraana waggoota lamaa booda waliigaltee Piriitooriyaatti aanee kan hundaaye bulchiinsa yeroo Tigraay diiguun mana maree waraanaan duraa bakkatti deebisuun garee amma aangoo mootummaa naannichaa dhuunfatee fi mootummaa federaalaa jidduu muddamni dhalateera.
Manni Maree Naannoo Tigraay kan diigamee ture deebi'ee hojii eegaluun, durataa'aan TPLF [paartii hayyamni seeraa jalaa haqamee] Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el Pirezdantii naannichaa godhee muudeera; haalli pirezdantiin bulchiinsa yeroo Tigraay irra jiran garuu hanga ammaatti ifatti hin beekamu.
Kanaan wal qabatee naannicha keessatti waraanni marsaa biraa ka'uu mala sodaan jedhu kan uumame yoo ta'u, jiraattonni, paartilee siyaasaa fi dhaabbanni mirga namoomaa ibsa baasaniin dirqama waraanaaf namoota guuruun raawwatamaa akka jiru akeekanii jiru.
Kanamalees, wixineen seeraa mootummaan naannichaa kan Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu dhiheenya kana ifa godhe akka ajajutti, dhalataan Tigraay umriifi haalli fayyaasaa heyyamuuf kamiyyuu , "waamicha duula waraanaa" mootummaan naannichaa dhiyeessu fudhatee hirmaachuuf "dirqama biyyoolessaa" qaba jedhee tumeera.
Namni seera kana hin kabajne kamiyyuu "birrii 10,000 hanga 50,000 adabamee dirqama kanarratti akka hirmaatu ni taasifama" keeyyanni jedhu wixinee seeraa sana keessatti jira.
Paartileen mormituu Tigraay, TPLF naannicha keessatti humnaan waraanaaf namoota guuraa akka jiru ibsa baasaniin beeksisaniiru.
Paartileen Arennaa Tigraayi fi Simrat ibsa baasaniin, TPLF'n loltoota duraanii, milishootaa fi dargaggoota Tigraay dirqamaan leenjii waraanaatiif guuraa akka jiruu fi kaampiiwwan hin beekamnetti geessaa akka jiru himatan.
BBC Afaan Tigriffaa namoota humnaan hidhattootaan leenjii waraanaatiif guuraman, dargaggoota kaampii leenjii waraanaatii baqatanii fi maatiiwwan isaanii dubbisee jira.
Bulchiinsonni gara gadii fi waajjiraaleen bulchiinsaa fi nageenyaa naannichaa garuu dirqama waraanaa raawwatamaa jira jedhamu kana haalaniiru.
Iddoowwan albuudni warqee baafamuu nama adamsuu
Magaalaa Adwaa kan jiraatu abbaan shamarree takkaa Tasfaay Gabra-Igzaabiheer godina Giddugaleessa Tigraay aanaa Ahisa'aa ganda Addiiftaawu jedhamu keessatti warqee mala aadaan baasuun jiraata.
Naannoo kanaa dargaggoonni warqee baafatan guyyaa baafachaa oolanii halkan dunkaana dhaabatanii achuma bulu.
A.L.I Caamsaa 13, 2018 ganama sa'aatii 05:30tti hirribaa ka'anii gara hojiisaanii yoo deebi'an hidhattootaa fi poolisootaan marfamanii jiru. Dargaggoonni 180 ta'an mana barnootaa Addiftaawu jedhamutti guuramanii kutaa tokkotti itti cufamee bulan.
Namni nageenya isaatiif yaaddayee maqaan isaa akka hin himamne gaafatee fi kanneen dirqamaan guuraman keessaa tokko kan ta'e bariitee gaaf Caamsaa 14, 2018 namootni uffata siviilii uffatanii fi hidhatan "gara adda waraanaa fi qabsoo hidhannoo akka deemnuuf akka nu guuran nutti hime" jedha.
Dargaggoonni kunneen awutoobisoota saditti fe'amii gara godina Giddugaleessaa dhiyeenya Nabalatitti argamu kaampii leenjii waraanaa Saguuh jedhamutti geeffamuu kanneen BBC'n dubbise himan.
Tasfaay ganda Maariyaam Shawwitoo jedhamu akka gahaniin, dirqama waraanaa fi leenjii isa eeggatu jalaa baqachuuf konkolaataa irraa erga utaalee booda mataa isaa irra miidhaan cimaan gahee hospitaala seenuu obboleessi isaa BBC'tti hime.
Dargaggeessi kun yaalii baqaqsanii yaaluu mataa kan taasifamuufii hima obboleessi isaa: "Hanga ammaatti of hin barre. Dubbachuus hin danda'u... guyyaa torbaffaa isaati" jedha.
Gama biraatiin, Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Ahsa'aa Obbo Eliyaas Gabruu, "Kuni faayidaa siyaasaa ofiif, uummata burjaajessuufi rakkoo uumuuf jedhamee yoo ta'e malee, sadarkaa kanaan dirqamni raawwatame hin jiru" jedhanii, namni miidhaan irra gahes akka hin jiru jechuun haalaniiru.
"Guyyuma walfakkaataa Caamsaa 17, 2018 A.L.H. magaalaa Abbii Addii dhiyeenyatti kan argaman iddoowwan warqeen baafamu lama Abbaagbaa fi Rubaahzaa jedhaman irraa, miseensonni Humnoota Tigraay Armii 60 fi hidhattoonni fuula isaanii haguuggatan namoota 700 ol ukkaamsuusaanii miidhamtoonni fi maatiin isaanii BBC'tti himan.
Abbaan ijoollee afurii Obbo Salamoon Haayilamaariyam magaalaa Abbii Addii keessatti dhagaa fi cirracha harreedhaan guuruun hojii guyyaa hojjetuun maallaqa argatuun ijoollee isaanii guddisu turan.
Haa ta'uu malee, isaanii fi ilmi eessuma isaanii hojii booda gara manaa hin deebine jedhu maatiin isaanii.
Haati warraa isaanii aadde Madrak Kidaanamaariyam: '"Wixata akka hojiif baheen ganama sa'aatii 3:00 irratti fudhatan. ... Iddoon hojjedhu daandii qarqara waan ta'eef, dirqamaan ukkaamfamanii yeroo konkolaataadhaan dabraniin argeera. 'Konkolaataa kana irra jira' yoo naan jedhan, birrii 500 liqeeffadhee naaf kennaafii jedheen ergeef,' jetti.
Sana boodas abbaan warraa ishee mooraa leenjii waraanaa Maayqanxaal bira dabree argamutti akka geeffame odeeffannoo argachuushee dubbatteerti.
"Baay'ee dhiphanneerra. Ijoolleen akka malee isa yaadde. Abbaa keenya jedhanii na rakkisaa jiru. Ijoollee keenya kan gargaaru namuu hin jiru. Salamoon ijoollee ofii dhiisee kana keessa fedhii kana keessa galuu hin qabu. Dirqamaan fudhatan."
BBCn dhimma kana irratti kantiibaa magaalaa Abbii Addii Obbo Taklaay Tasfaayii fi itti-anaa kantiibaa Obbo Zar'aay Haagos irraa deebii argachuuf yaalii taasisetti hin milkoofne.
Zakkaariyaas namoota dhibbaan lakkaa'aman iddoo albuuda warqee baasanii 'hidhattoota fuula isaanii haguuggataniin' dirqamaan ukkaamfaman keessaa tokko dha.
Wayita nama guuranitti reebichi, dararaa fi dhukaasni akka ture kan dubbatu Zakkaariyaas, namoonni 500 aanaalee Xaanquwaa Abargallee, Qaayih Taklii fi Abbii Addii irraa dhufan gara waajjira mana qopheessaa magaalaa Abbii Addiitti; namoonni 200 Qollaa Tambeen irraa dhufan immoo gamoo ijaaramee hin dhumne buufata boba'aa magaalaa Abbii Addii biratti argamutti hidhattootaan geeffamuu dubbata.
Namoonni biroon BBC'n dubbise erga ukkaamfamanii booda, poolisii fi qaamolee nageenyaa magaalichaa, akkasumas bulchiinsa magaalaa Abbii Addii fi aanaa Abbii Addiitti akka isaan dabarsan dubbatu.
"Galma waajjira mana qopheessaa magaalaa Abbii Addii keessatti kantiibaan magaalichaa, itti-anaan isaa fi hoogganoonni nageenyaa dhufanii 'ni loltu' akka jedhaniin ibsaniiru.
Dargaggoonni bakka warqee oomishan irraa qabaman: ''Gara qabsoo deemtu" nuun jedhan. Uffata malee qullaa jirra, meeshaalee fi bilbiloota moobaayila keenya utuu hin qabatin hojii irraa nu ukkaamsitani; uffata dabalataa akka fudhannu nuuf heyyamaa jennaan, isaan garuu 'nu hin ilaallatu, hin deemtan' nuun jedhan," jedhu.
Zakariyaas lola yeroo adda addaatti Naannoo Tigraay keessatti taasifameen miseensonni maatii isaa akka wareegaman ibsee, erga kun qoratamee akka gadhiifame dubbateera.
Sana boodas, konkolaattota awutobisii, Oraalii fi Ayisuuzuu fidanii isaan fe'anii booda gara iddoo biraatti akka geessan miidhamtoonni BBC'n dubbise ni himu.
Itti aanaan ajajaa Humna IttisaTigraay Armii 60 Koloneel Zald'ul Maatiyoos deebii BBC'f kennaniin, gareen isaan dursan naannoo Abbaagibaatti bobba'ee "tarkaanfii" akka fudhate ibsaniiru.
'Naannichatti weerarri albuuda warqee babal'aan ni jira. Dargaggoota achi turan 'opreeshinii' gaggeessuun bittinsineerra. ... Rubaahzaa fi Abbaagbaa keessatti dargaggoonni turan haala nageenyaa biraatiif baay'ee rakkisaa waan tureef tarkaanfii fudhanneerra,' deebii jedhu kennaniiru.
Dargaggoonni kunneen gidduu Maayqanxaal fi 'Idagaa Aarbiitti' gara leenjii waraanaatti akka geeffaman maatiin isaanii dubbachuu isaanii ilaalchisee gaaffii dhiyaateef Koloneelichi: "...Waanan beeku hin qabu," jechuun deebisan.
Manaa fi daandiirraa dirqiin fuudhamuu
Zoonii Tigraay Kaaba-Dhihaa keessatti, ji'oota Eblaa fi Caamsaa keessa, gandoota baay'eetti hidhattootni uffata Humnoota Tigraay uffatan mana manarra deemuun dargaggoota baay'ee akka fuudhan miidhamtoonni fi maatiiwwan miidhamtootaa BBC'tti himan.
Kan malees, magaalaa Aksum keessatti daandiirraafi iddoowwan dorgommii kubbaa miilaa itti daawatamu irraa dargaggoonni baay'een akka fudhataman jiraattonni dubbataniiru.
Magaalaa Maqaleetti baankii dhuunfaa tokko keessa kan hojjetu dargaggeessi ganna 24 Daawit Gu'ish, yeroo boqonnaa isaa maatiisaa naannawa Aksum jiraatan biratti dabarsee, Caamsaa 13, 2018 gara bakka hojiisaatti yeroo deebi'u, naannoo Aduwaatti hidhattootaan akka fudhatame obboleettiin isaa BBC'tti himteetti.
Hidhattoonni isa qaban guyyaa sana konkolaattota bakkee adda addaatii sarara Aksum-Adwaa-Maqalee irra darban dhaabsisuun Daawit dabalatee dargaggoota 16 fuudhanii kka deeman namoonni ijaan argan ibsaniiru.
Kan malees, naannoo Tigraay Bahaa magaalaa Wuqroo keessatti, ajaja abbaa bulchitootaa kan "Ijoollee keessan ykn abbootii warraa keessan waraanaaf galmeessaa" jedhu kan didan haawwan 50 ta'an, Caamsaa 13 bara 2018 irraa eegalee torban tokkoof akka hidhaman BBC'tti himaniiru.
Keessattuu, buufata Ag'aazii keessatti, maatiin "walga'iin waan jiruuf gara gandaa koottaa" kan jedhu waraqaan waamichaa erga qaqqabee booda garas yeroo deeman, "Ijoollee keessan waraanaaf galmeessaa" akka jedhaman dubbatu.
Haawwan hidhaman keessaa tokko kan ta'an Aadde Haansaa, "Kun dhimma lubbuufi du'aati. Humnoonni nu balleessuu barbaadan nutti dhufaa waan jiraniif, qooda keessan Tigraayif gumaachaa. Warra kanaan dura hin jalqabne [kan waraana hin seenne] jalqabsiisaa jirra; 'Ijoollee keessanii fi abbaa warraa keessan waraanaaf galmeessaa' nuun jedhan," jedhaniiru.
Dabaluunis, "'Ilma umriin hidhannoof ga'e qabda jedhamtee waan gabaafamteef mucaa kee barbaanna!' naan jedhan. Anis na bira hin jiru yeroon jedhu, 'Ni fidda!' jedhanii buufata Aga'aazii keessatti nyaata malee guyyoota saddeetiif natti cufan," jedhaniiru.
"'Ijoollee keessan, abbaa warraa keessan hin fidnu yoo jettan, sakatta'iinsi godhamuun isaa hin oolu' nuun jedhaniiru. Maatiin dhiphateera, maatiin rakkateera" jechuun haawwanii fi abbaa warraa manaa qaban dhiphachaa jiraachuu ibsiteetti.
Dhimma kana irratti BBC'n kan dubbise, Kantiibaan magaalaa Wuqroo Obbo Gabramikaa'el Gabramadihinii fi Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa aanaa Wuqroo Obbo Gabramikaa'el Takhlaay himannaa dhiyaate "Kun soba adii, lafarra kan hin jirreefi maqaa naannichaa xureessuuf kan dhiyaatedha" jechuun haalaniiru.
'... kan nuu kennaman leenjisaa jirra'
Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaafi godina Kaaba-Dhihaa Obbo Tasfaay Abaadii dargaggoonni "falmachuuf" of qopheessaa akka jiran BBC'tti himaniiru.
"Dhugaan jiru diinonni keenya ammallee qoccolloo adda addaa nurraan gahaa jiru. Hanga ammaatti nutti cufamee marfama keessa jirra. Dargaggeessi kana argaa jiru ammoo akka hin duuneef, of ittisuu waan qabuuf . . . falmachuuf of qopheessuufi of ittisuu irratti hojjechaa jira. Haata'u malee, odeeffannoon 'dirqamaan guuraman, ukkaamfaman' jedhu . . . shira," jechuun deebii kennaniiru.
Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Aduwaa Obbo Tasfaay Gabrahawaaryaa "Akkuma sochii naannolee Tigraay kaan keessa jiruu "magaalattii keessattis kan jiru dirqamaan guuruu osoo hin taane, amansiisuun gara waraanaatti dabaluu" akka ta'e BBC'tti himaniiru.
"Ukkaamsuufi hiriirsisuun wal adda," kan jedhan hoogganaan sun, "akka uummata Tigraayitti ammatti balaa guddaa keessa jirra, lafti keenya weerarameera, birmadummaan keenya hin deebine, buqqaatonni keenyas deegaa fi du'aaf saaxilamaniiru.
Kanaafuu nu birmadummaa keenya kabachiisuu qabna. Nageenya naannichaa eegsisuuf dargaggeessa amansiisnee keessatti daballa; yoo gara waraanaatti seenu ta'e ykn leenjiin waraanaa kan isa barbaachisu yoo ta'e fudhachuu danda'a," jedhaniiru.
Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Tigraay dargaggoota "calalamanii dhufaniif" leenjii waraanaa kennaa akka jiruufi adeemsi galmee ykn calallii garuu "Mootummaa Tigraayitiin kan raawwatamu" ta'uu BBC'tti himeera.
Dhimma kana irratti deebii akka kennaniif Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Tigraay Jeneraal Fissahaa Kidaanuu (Fitsum Maanjuus) gaaffiin dhiyaateefii kan ture yoo ta'u, bakka isaanii Ittigaafatamaa Biiroo isaanii Obbo Mabraatuu Hayiluu BBC'f deebii kennaniiru.
Obbo Mabraatuun, "hojiin waraanaf nama calaluu gahee keenya miti. Mootummaa amma hundeeffame waliin dubbadhaa. Mootummaa Tigraayitu kan galmeessee nuuf kenna.
Nutis warra isaan galmeessanii nuuf kennan leenjisaa, qopheessaa jirra. [Dargaggeessi] adeemsa akkamiitiin gara leenjii waraanaatti dhufaa akka jiru nu hin beeknu. Adeemsicha akkamitti raawwataa akka jiran isaanumtu haa dubbatan ," jechuun BBC'f deebii kennaniiru.
Odeeffannoon BBC'n maddoota isaa irraa argate akka agarsiisutti, 'Ajajni Giddugaleessaa' haaraa Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin hoogganamu, duula dargaggoota dirqamaan waraanaaf galmeessuu amma naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jira kana hoogganaa jira.
BBC'n Durataa'aaTPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliifi Itti-aanaa isaanii Amaanu'eel Asaffaa kallattiin argachuuf yaaliin taasisetti hin milkoofne.
Gaaffiiwwan tooftaalee adda addaatiin isaaniif dhiyaateefis deebii hin kennine.
*Nageenya niidhamtootaaf jecha maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru