Daldalaan suuqii faayaa ofii saame to'annoo jala oole

Maxxanfame

Daldalaan faayaa Awustiraaliyaa, magaalaa Siidniitti beekamaa ta'e tokko, suuqii ofiisaa saamee inshuraansii sobaa gaafachuuf karoorse jedhamuun to'annoo jala oole.

Amajji keessa namoonni lama Obbo Misheel Jarmaaniifi hojjettuu nam- kuusaa kanaa saanduuqa miii'i gatii-jabeessa keessa taa'u akka itti kennan gaafatan.

Tahus akka poolisiin jedhutti, Obbo Jarmaanii, namni ganna 65 gochaa kana ofii qindeessuun dhaabbata inshuraansii isaa gowwomsuuf yaale.

Kanaaf namni kun saamicha, waliindhahuufi gowwomsaan himatamuuf jedha.

Poolisiin saamicha jedhame kanaan maaltu akka fudhatame ifa gochuu baatus, Qorataan yakkaa Joo Doohii, Obbo Jarmaniin, ''faayaan doolaara xiqqaa hin taane baasu,'' akka jalaa fudhatame hime.

''Abbaan kuusaa faayaa kanaa saamicha kana akka fakkeesse ragaa gahaatu jira,'' jechuun poolisiin gaazexeessitoota hime.

Baatii darbe namonni ganna 37 fi 57 yakka kanaan wal-qabatee to'annoo jala kan oolan yoo tahu, namoonni dabalataas akka qabaman ni eegama.

Saamichi sobaa kuni gaafa Amajjii 19 dhiiroti lama gara galgalaa beellama qabachuun kuusaa faayaa Siidnii jirutti argamuun Obbo Jarmanii fi hojjettuu kuusaa sana sodaachisaniin raawwate.

Dubartii ganna 47 nama isa tokkoon haaduudhaan doorsifamteetti, saamtota namoonni jedhaman iddoo sana gadhiisuun dura, Obbo Jarmaanii fi hojjettu sana hidhanii deeman.

Qorataan yakkaa Joon dubartittii irra miidhaan qaamaa kan qaqqabe yoo tahu, taatee dhalateen ''akkaan gadadamteetti,'' jedhan.

''Isheen nama qulqulluu yoo taatu saamichi raawwates dhuguma dha seeteetti,'' jedhan.

Obbo Misheel Jarmaaniin nama 1980 keessa Awustiraaliyaatti daldala jalqaban yoo tahu faayaawwan gurguraninis maqaa gaarii qabu turan.

Dhaabbanni faayaa nama kanaa maamiloota maatii moootota Saa'udii, intala mootii Daayaanaa fa'iif faayaa tolchuun muuxannoo akka qabu marsariitiin dhaabichaa agarsiisa.