Kooriyaan Kaabaa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa akeekkachiisuuf misaa'ela dhukaaste

Maxxanfame

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela daangaa ardiilee fi biyyootaa qaxxaamuruun haleellaa geessisuu danda'u (Intercontinental ballistic missile-ICBM) furguggiste.

Biyyattiin meeshaa waraanaan olaantummaa qabaachuu kan himtu yoo ta'u, misaa'ela kana furguggisuun dandeettiishee mirkaneessiteetti.

Misaa'elli kun daqiiqaa 67 keessatti kiilomeetira 900 furguggifamuun Galaana Jappaan keessa qubate.

Pyongyang akka ibsetti shaakalliin meeshaa waraanaa kun biyyattiin roorroo waraanaa Kooriyaa Kibbaa fi US salphaatti ofirraa qolachuu akka dandeessu kan mirkaneessuudha.

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela hamaadha jedhame kana kan furguggifte shaakallii waraanaa US fi Kooriyaan Kibbaa waliin ta'uun ji'a dhufu keessa gaggeessuuf jedhan dursiteeti.

Shaakalliin waraanaa waloo US fi Kooriyaa Kibbaa yaaddoo meeshaa waraanaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa hambisuuf yookiin ammoo furmaata itti gochuuf karoora qophaa'eedha.

Aanga'oonni mootummaa Kooriyaa Kaabaa shaakalliin waraanaa biyyoonni lameen waliin gaggeessuuf jedhan biyyasaanii weeraruuf shira xaxamaa jiru ta'uu dubbatan.

Kanaafuu shaakallii kana gufachiisuuf waan danda'an hunda akka raawwatan ibsan.

Obbolettii bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un kan taatee fi siyaasa biyyattii akkaan murteessituu kan taate Kim Yo-jong, gurmuu diinaa biyyasaaniirratti qindaa'e kamiifuu deebii madaalu kennuuf qophii akka ta'an dubbatte.

US biyyattiitti sodaa fi yaaddoo ta'uu akka dhaabdus akeekkachiifte Kim Yo-jong.

Garuu magaalaan Kooriyaa Kibbaa, Seoul, qiyyaafannaa misaa'ela kanaa akka hin taane ibsite.

Kooriyaan Kaabaa Jimaata darberraa eegaltee misaa'eloota baalistikii fageenya dheeraa imaluun miidhaa hamaa geessisan dabalatee meeshaalee waraanaa hedduu agarsiiteetti.

Erga bara haaraatii yeroo jalqabaaf kan dhukaafame, misaa'elli baalistikii biyyattiin Sambata kaleessaa dhukaaste, Lixa Jappaan, Hokkaido qubachuu Ministirri Muummee Jappaan Fumio Kishida ibsan.

Ministirri Ittisaa Jappaan Hamada yasukazu misaa'elli Kooriyaan Kaabaa furguggifte kun fageenya kiilomeetira 14,000 imaluu danda'a jedhan.

''Kooriyaan Kaabaa walitti fufiinsaan gocha nageenyaa fi tasgabbii Jappaaniif yaadodo hamaa ta'a raawwataa jirti. Yaaddoon kun kan hawaasa addunyaa hundaati. Waan dhiifamni godhamuuf miti,'' jedhan.

Misaa'elli baalistikii fi meeshaaleen waraanaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa Mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin dhorkameera, kanaafis biyyattiirra qoqqobbiin kaa'ameera.

Pyongyang garuu inumaa agarsiisa meeshaalee waraanaa kunneenii cimsitee itti fufteetti.