'Raajiin' ulfa baasuufi saal-quunnamtii aad-maleen yakkamaa jedhame hidhaan adabame

Maxxanfame

Godina Iluu Abbaa Booraatti Manni Murtii Aanaa Hurrumuu barsiisaa amantii dubartoota gowwomsuu, gudeeddii, ulfa baasisuufi gocha addagummaan himatame hidhaa waggaa saddeet itti murteesse.

Yakkamaan maqaan isaa Tafarii Asaffaa jedhamu badii ittiin shakkame mormuun falmaa turuus ragaan namaafi sanadaa irratti dhihaachuu Abbaan Alangee aanichaa BBC’tti himaniiru.

Abbaan Alangaa Aanaa Hurruumuu Obbo Taganuu Birhaanuu, badiin kuni ‘amantaa dahoo godhachuun’ raawwachuu BBC’tti himani.

Walumaa gala, ‘’Hidhaa cimaa waggaa saddeetiifi baatii shaniifi adabbii maallaqaa qarshii 4,000 adabame,’’ jedhan.

Namni kuni hawaasa keessatti ‘’Raajii’’ jedhamuun kan beekamuufi waldaa amantaa ‘’hordoftoota hedduu qabu. Gara caalu dargaggootaafi qarreen’’ kan biratti waaqeffatan qaba jechuun ibsan.

''Walumaagala dubartoonni eeru dhiheeffatan dubartoota 11,’’ jechuunis himan. Baay’een isaanii ‘siin fuudha jedhee booda kan dhiise’ ta’uu himan.

Himannaafi eeruu dubartoonni kennan bu’uura gochuun waggaa darbe baatii Adoolessa keessa harka isaa poolisiitti erga kennee booda dhimmi isaa qoratamaa ture jedhameera.

Maaliin yakkamaa ta'e?

''Tokko golchaa ulfa baasuuti. Gochaa kana nama lamarratti raawwate kan ragaa qabatamaadhaan jiru,’’ jechuun BBC’tti himan.

Kanneen lamaan keessaa tokko umriin ishee ganna 14 ta’uu himan.

Akka seeraatti namoonni ganna 18 gadi jiran daa’ima jedhamu, dhimma ofii irrattis murteessuu hin danda’an.

Gochi saalqunnamtii waliin raawwatuus qixxee gudeeddiitti ilaalama.

''Daa’ima kana goyyomsee, siin fuudha jedhee abdii itti horee. Kana duwwaallee miti waldaa keessa nama keessaa kaasee ‘ka’i Waaqayyoo natti dubbate warra si salphise salphiseen simmoo bakka ulfinaa si dhaaba’ jedhee dubbate jechuun himan.

Boodarra maati isheetti bilbiluun ulfa akka baastu gaafataa turuullee dubbatan.

''Ulfa baasuu gaafa jedhamu qoricha ulfa baasu Miso jedhamu yeroo baay’ee fayyadama…. daa’ima kanaan gowwomsee liqimsi, guddina daa’ima keetiif gaariidha’’ jechuun liqimsiisuu gochaa turuu himan.

Kanaanis seera yakkaa Itoophiyaa 547/2 bu’uura godhachuun murtiin irratti darbuu dubbatan.

''Gochu ulfa baasuu kuni gowwoomsuudhaan yoo raawwatamu adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa 10 kan adabsiisudha.’’

Dhimmi lammataa itti himatame immoo gocha ‘addagummaa’ ta’uu himan.

''Dubartoonni biroo immoo gochaalee amala gaariif faallaa ta’an jechuunis gocha addagummaa kanneen karaa seera uumamaatiin ala‘’ saalqunnamtii raawwachuun yakkamaa ta’uu himan.

Yakka kanaan dubartoonni badiin nurra gaheera jedhanii jecha kennan ''shamarran sadii’’ ta’uu himan.

Kanas yeroo taasisu suuraafi viidiyoon kaasuufi kunis bilbila isaa keessa  argamuu ibsan.

Akkaataa seera yakkaa keeyyata 640/1 buu’ura gochuun qabiyyeen akkanaa harka isaarratti waan argameef hidhaan dabalataa itti muramuu himan.

''Gochi addaggummaa amala gaariif faallaa ta’e kan inni raawwatame hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hin taane kan inni adabsiisu,’’ jedhan.

Namichi yakka kana hin raawwanne ibsuun abukaatoo lama dhaabee mormuu ibsameera.

Haata’u malee, Abbaan Alangee ragaa namaafi ragaa sanadaa, kan mana yaalaatirraa ulfi qorichaan bahu agarsiisu dhihaachuu isaan hidhaan itti muramu himan.

Biyyoota Afrikaafi addunyaa kaanitti dabalatee namoonni maqaa amantiin badiin isaan raawwatan yeroodhaa yerootti dabalaa jira.