Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Walleen kiyya ummata waraanaan miidhame dhiphina keessaa baasa' - Rofnaan
Weellisaan Itoophiyaa dhihoo albama lammataa isaa gadhiise Roofnaan Nuuri, namootaaf ''miira gammachuu'' gumaachuuf muuziqaa akka dalagu BBC’tti hime.
Turtii gabaasaa BBC DJ Edu waliin taasiseen waldhibdeen Itoophiyaa keessa nageenya ummataa akka jeeqe hime.
''Dhaloonni kiyya [wallee kana] akka teeraappii [wal’aansa taasifamu] akka itti fayyadaman dhugaattin amana,'' jechuun hime.
Rofnaan weellisuun ala walaloos barreessa, injinara sagaleetis.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti baatiiwwan 21 dura eegale ammallee mariin xumura hin arganne.
''Hiriyyootaafi maatiikoo achi jiran waliin dubbachuu dhabuun baay’ee nama jeeqa,'' jechuun hime.
Roofnaan baatii tokko dura Yunivarsaal Muuzik waliin waliigaltee mallatteessuun lammii Itoophiyaa jalqabaa ta’eera.
Rofnaan wagga 16 yeroo turetti ture Finfinnee keessa rukuttaafi meeshaa muuziqaa aadaa fayyadamuun kilaboota keessa sochii muuziqaa kan eegale.
Umrii kanattis ture kilaboota Finfinnee keessa beekamuu jalqabe.
Erga albama isaa mata duree 'Sidist VI' jedhamu gadhiise booda namoonni yaada ''babbareedoo'' kennuufi dubbate.
‘’Biyyattii bakka kamittu dhageessa. Baay’een eebbifame. Muuziqaa kana hojjechuuf guddoo dhamaane, yaadi argannees ajaa’iba,’’ jechuun deebise.
Yeroo ijoollummaa isaatti waan dalagaa ture akkanaan hima.
‘’Yeroo umriin kiyya 17 gitaara taphachuu eegale. Boodarra gosti muuziqaa ani hojjedhu kaniin tamsaasa kallattin dhiheessuu danda’u akka hin taane nan bare.
‘’Dur dur namootni DJ akka weellistootatti hin ilaalan. DJ akka namoota diskii taphachiisan [ Disc Jockeys] ilaalamu.’’
Tura keessa garuu DJ warri ta’an sagantaa ofiifi sagalee muuziqaa ofii tolfachuu eegalan. Eegasii DJ warri ta’an muuziqeessitoota haaraa ta’u hubate.
‘’Amma nuti muuziqaa keessa piyaanoo yookiin gitaara taphanna,’’ jechuun ibsa.
Achii Rofnaan hojii muuziqaa hojjechuu itti fufe. Waggoota sadiifis tolaan dalaguu hima.
‘’Biyyattii keessa sagantaa raadiyoo beekamoo jedhaman keessaa tokko ta’e nan qaba ture. Achiitin ol guddachuu eegale.’’
Haa ta’u malee, muuziqaa kana hojjechuu isa dura jalqabe.
’’Yeroo umrii 10 ture harmeekoo waraabuun eegale. Kunis jaalala isheef qabuufi of biraa ishee dhabuu fedhuu dhabuukoorraa kan maddedha.’’
Jaalalli maatii isaaf qabu kunis wallee isaa ‘Wagaahitaa’ jedhu keessa mul’ateera.
‘’Osoo deeggarsi ishee [harmee isaa] hin jiraanne, tasa hojii kana hin hojjedhu.’’