Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Shillimiin' Daangaa Qananii irraa weelliste maali?
Tibba kana walleen aadaa haaraan artiist Daangaa Qananii mata duree 'Shillimii' jedhuun weelliste aadaa amma dura namni hedduun hin beekne baasuun fudhatama argateera.
Walleen kun mucaa dubaraa weellistuu gameettii Ilfinash Qannoo kan taate Daangaa H Qananiin kan weellifame yeroo ta'u, daarektarri wallee kanaa Leencoo Fiqiruu, kan qopheessee dhiyeesse ammoo Vision Entertainment.
Walleen kun sirna fuudhaa fi heerumaa aadaa Oromoo Arsii keessatti yeroo misirroon heerumtu kan hiriyootni jedhanii weellisaniidha.
Ofii Shillimiin maali?
Ogeettii aadaa kan ta'an viidiyoo wallee Shillimii irratti harmee durba heerumtuu ta'uun kan mul'atan aadde Zaaraa Duubee wanti artiist Daangaan irraa weelliste, mararee dubarri erga kennamtee jala bultii fuudha isheetti kan hiriyyoonni misirrittii sirbaniidha jechuun BBC'tti himan.
Marareen jala bultii misirroon heerumtu sirbamu qeeqa maatii, qeeqa jaarsa kadhaadhaaf dhaqee, qeeqa warra maatii mucattii fuudhee qaba kan jedhan aadde Zaaraan, sirbi guyyaa jalabultii sirbamu kun ''Bahe Bahee'', kuun ammoo ''Tartaarii'' jedhama jedhu.
Sirba Daangaan mata duree goote 'Shillimiin' maqaa jaalalaa ykn Goshoo hiriyyoonni dubaraa misirittii ittiin waaman ta'ee, sirba ''Tartaarii'' jalatti maqaa ittiin ishee waamanii hiriyoonni ishee waliin guddatan adda bahuu isaaniif ergaa itti dhaamanii jedhu aadde Zaaraan.
Hiriyyoonni ishee waliin midhaan daakaa, qoraan cabsaa, bishaan waraabaa guddatan addaan lixuu isaanii yoo himan:
Shillimii bareeda durbaa iyyee Xurumbaan
Goshoo goodayyaan filinii bassii dhayadhuu
Nyaapha dhaqanii hin galanii garaa hidhadhuu jedhu
Goodayyaan haala (style) rifeensaa qarree Arsii yeroo ta'u, rifeensa akka tabbaa ol ka'uun dhahatan sun ''gaafa gaa'ilaa bantiirraan bakka lamatti gadi baqaqfamee, dhadhaa dibamee bantii taati'' jedhu aadde Zaaraan.
''Akka aadaa Arsiitti 'Bantii taate' jechuun kan bantii baqaqfatte kan bitaa abbaa warraa teette, kan seera fixatte, tan badaa galgalaa, kan rakkoo ganamaa jechuun kan dhaammannaa keessattillee dhaammatani.''
''Nyaapha dhaqanii hin galanii'' kan jedhaniif garaa jabeettii akka taatu, cimtuu taatee manashii bulfachuu akka qabdu dhamuufi jedhun.
Hiriyyoonni daayyittii(misirittii) alatti mararoo dabalatee wanni isheef dhaaman 'Tartarii' kan jedhamu yeroo ta'u, kan daayyittiin welleen dhaammattu ammoo 'Bahe bahee' jedhamaa jedhu aadde Zaaraan.
Misirriittiin galgala manaa bahuuf jettu akkas jettee garaa nyaatti:
Bahee bahee garambaan caccasamee
Baasaan gahee mar'ummaan na raafamee
Mar'ummaan gadi deebisi abbaa kiyyaa
Raadattiin na eebbisi
Raadattiin si haa hortuu
Idoo teenna haa toltu
Kanaafuu Shillimiin tapha hiriyoota misirroo heerumuuf qophoofteef sirbamu jedhu Aadde Zaaraan.
'Tartarii' keessatti hiriyoonni misirrittii maatii ishee guddisee dabarsee kenne, warra jaarsaa gidduu deemee ishee heerumsiise, maatii isheen itti heerumtuu maratti qeeqaa fi dhaamsa walleen dhaamu.
Daangaan wallee ishee keessatti:
Sa'a kee maqaan daraarii
Dubbataa gidduu lamaanii
Abboo kaasaari
Kan jettee weelliste jaarsolii gidduu deemanii hiriyyaa isaanii jalaa heerumsiisaniifi jedhu Aadde Zaaraan.
''Kana wanti jetteefi situ kadhatee milkaahee akka heerumtu taasise, osoo kadhaan kee sun milkaahuu baatee, osoo kasaartee, silaa hiriyyaan kiyya na waliin turti ture, silaa waliin dabarsina ture waan jedhu saniifi.''
Sa'a kee maqaan Negeellee
Kennanii duruu dhageenne
Garaa nu hin geenne
Jechuunis hiriyyoonni ishee(misirittii) heerumuu isheerraa gammachuu akka hin qabne ''waliin osoo qe'ee taa'anii akka jaalatan'' ibsus jedhan aadde Zaaraan.
Aadaan fuudhaafi heerumaa kun akkam jira?
Aadde Zaaraan aadaan fuudhaafi heerumaa Arsii kun amma amma isa ammayyaan bakka bu'aa hafaa dhufeera jedhanii aadaa kana deebisuuf hojjechaa akka jiran dubbatu.
''Aadaan kun laafaa jira anillee kana deebisuudhaaf keessatti gochaaf jechaan hirmaadhe. Irraa haa barataniifi. Namni kara ammayyaa kanatti deemaa jira. Amma mana cidhaatti hiriyyaan akkas walii jechuun wanna kaassetatti waraabame caqasuutu jira.''
Sirba aadaa duriirra kan ammayyaatti goruutu jira jedhu.
''Isuma ammayyaayyuu kan mana intalaatti sirbamuufi kan mana isa fuudhuutti sirbamu waliin makanii sirbutu jira.''
Sirbi ammaa Daangaan sirbite mataan isaa mana dhiiraatti hin sirbamu kan jedhan aadde Zaaraan, Mana gurbaatti ''Ashoo Ashillaatu sirbamaa'' jedhan.
Walmakuun waan jiruuf akka Arsiitti hojii bakka teeknolojiin amayyaa hin jirretti waan hunda sammuutti qabatanii aadaa kana tursan qindeessanii waraabanii kaahuuf socho'aa akka jiran aadde Zaaraan himaniiru.
''Aadaan kun hawaasa keessaa ol dhufee aartistoota keenyaatiin lubbuu godhatee faaruutti jijjiiramee akka qophaa'u hojjetaa jirra.''
Akka uumee aadaa ganamaatitti wanti mana inatalaatti sirbamu mana gurbaatti hin sirbamuu jechuun hubannoon gama kanaan aartistota bira jirus hanqina qabaachuu fakkeenyaan ibsu.
Obbee Daamii obbiyyoo daamii
Daamaa aayyaa, firri garmaamee
Akka raaseen dide mataa kee
Akki baasuun dhibeabbaakee
Sijeejessa mannikee eessaa
Kan jedhu mana intalaatitti malee mana gurbaatti hin sirbamuu jedhu.
Mana dhiiratti akki jedhamee sirbamu,
Ashoo Ashilaa eeffoo elamaa
Ashilaan tiyya eegale lamaa
Ililchii jennee rabbi sii kennee...