Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kobaams Asukuu: Wallisaa Naayijeeriyaa beekamaa sagalee ofiisaa jibbu
Kobaams Asukuu Naayijeeriyaa keessatti hojii muuziiqaa qopheessuu fi sirbuutiin beekamaadha. Haata'u malee Asukuun sababii sagalee ofiisaa hin jaalanneef jecha waltajjii duuba ta'uun hojiisaa eegale.
Asuukuun waa'ee jibba sagalee ofiisaatiif qabu ibsuutti akka waan kan nama biraa dubbatuu fakkaata. Oggeess muuziqaa kuni waggoota 13 darbaniif oogummaa muuziqaa isaatiin urjjiiwwan muuziqaa Afriikaa ta'an muraasaa waliin hojjachuu BBCtti hime.
Asukuu dargaggeessi waggaa 41, walliftoota beebbekamoo Afro Music kanneen akka Asaa waliin albamiishee kan bara 2017 irra hojjateera.
Gama muuziiqaa isaa kan wangeela, lubbuu, RnB fi Afropop makaa qabu ilaallatuun ammoo, keessattu muziiqaawwan We Plenti, One Hit fi Ordinary Peole jedhaman baayyee beekamtii kan argatan keessaayi.
Waa'ee jaalala muziiqaaf qabu yoo dubbatuuf onneedhuma irraayi, garuu ammoo gama sagalee ofii ilaallatuu yoo itti ka'ee sirnaan of ibsullee hin danda'u.
Keessa darbuunis jecha ''nan jibba'' jedhu fayyadama.
''Wanti anaaf hin mijjannee tokko jira,'' jedha. Innis ilaalcha hiriyootasaa itti dhiyaatanii isaaf qaban ta'u dubbata.
Hiriyaansaa Muyiwaa Oyinolaa ''Asukuun kana yeroo hunda jedha. Garuu ammoo dandeettii sagalee namoota biraa fakkeessuu cimaa qaba,'' jechuun dhugaa baha.
Dur wayita mana barnootaa Koolleejjii Leegoosiitti waliin barataa turanitti, Asukuun kan ijaan hin agarree, Mr Oyinlolaa kutaa keessatti raadiyoo sagalee warraabdu isa gargaaraa akka ture yaadata.
Yeroo hunda kaayyoo barnoof ta'u baatulleen daree keessatti sagalee barsiisaa akka waraabaa ture hima. ''Barsiiftotaa fi barattoonni dareesaa hundi hiriyoota isaa turan,'' jechuun walitti dhiheenyaa Asukuun namoota waliin qabu ibsa.
'Yeroo hunda sodaa walitajjiin qaba'
Asukuun indastirii muziqaa keessatti waggaa 20ffaa guutuu sababeeffachuun dhuma bara kanaatti deeggartoota isaatiif albamii muziiqaa tokkoo dhiyeessuuf hojjataa jira.
Albamii haaraa qopheessaa jiruus kan shubbisoota walin dhiyaatuudha.
Akka jedhuutti, gara muuziqaatti kan galee erga bakka sagaleensaa guutuu qabuu garuu kan warra kaanii hin geenyee jiraachu erga hubateen booda dhumarratti ta'u dubbata.
Haata'u malee ammoo waltajjii gubbaa bahanii sirbuun Asukuuf waan laayyoo miti.
''Yeroo hunda waltajjii gubbaatti nan sodaadha. Gonkumaa osoo hin sodaatiin waltajjiiitti bahee hin beeku. Gonkumaa,'' jedha ofitti qoosaa.
Yeroo baayyees akka lammata hin sodaanne ofiisaaf waadaa akka galaa ture fa'i kaasuun qosa.
Sodaa itti dhagahamu mo'achuuf of amansiisuu ol utaalaa fi kadhannaa taasisuu fa'i yaadata.
Tokkicha itti seennaan ammoo ''yeroo tokko tokkoos waltajjii irraa na buusuun rakkisaa ta'a,'' jedha. Tokkicha ol baanaa ''addunyaa kiyya keessan gala.''
Walliisaan akka nama amanaa cimaatti of ilaalu kunis, murtoo jireenya isaa hojii muuziqaa keessa godhachu kanas erga kadhannaan inni Waaqatti taasise gahee olaanaa qabaachu hima.
Loogii keessa hin jiraatiin
Asukuun ammaan tana baayye beekkamtii qabaatulleen, indastirii muuziiqaa Naayijeeriyaa keessatti garuu fudhatama cimaa hin qabu.
Dhalootuma irraa qaroo dhabaa kan ta'e Asukuun, jalqaba ooguummaa isaarratti loogiin irra gahee ture. Yeroo artistiin tokko akka muuziqaa isaa hin hojjanneef barbaadee jiraachuu yaadata.
''Artistichi ammalleen nama addunyaa muuziiqaa Naayijeeriyaa keessatti bakka olaanaa qabu yoo ta'u, guyyaa tokkoos beellama qabannee akka baandii isaa hunda waliin dhufu eegaa turre.''
Garuu aartistichi achiin osoo hin bahiin hafe.
''Istudiyoo keessa taa'ee sa'aatii saddeetiifan isa eegee.'' Boodarra garuu aartistichi akka qopheessaan muuziqaa qaroo dhabeessa ta'e hojjatuuf hin barbaadne ture.
Taateen akkasi kunis yoo isa mudatu kana qofaa hin turre. ''Garuu ani guuddatees xiqqaatees akkan alaqaa muuziqaa ta'eetti natti dhagahama,'' jedha.
Yeroo isaa guutuun osoo gara addunyaa muuziqaatti hin galiin dura, Asukuun yaaliin inni Yunivarsitii Ameerikaatti barachuuf taasisee hin milkaa'iniif hafe. Carraa Iskolaarshippii argatee waan hundi erga xumuramee akka ture hiriyaansaa ni yaadata.
''Dhumarratti, jalaa haqamee natti fakkaata.''
Qaroo dhabeeyyiin biyya guddinarratti argamu irraa dhaqu waan itti baruu hin se'anii natti fakkata jedhan. Cimina barnoota kan qabu Asukuu sun baayyee yeroo cimaa ta'ulleen, garuu kunoo jireenyaa itti fufeera jedhan, Mr Oyinlolaan.
Asukuun haala itti guddifamee baayyee jaalata. ''Sababii jaalala maatiin kiyya naaf qabataa na guddisan irraa ka'uunis ani anuma..''
''Maatii haala daa'ima qarroo dhabaa itti guddisuun danda'amurratti yeroo tokko tokkoo hubannoo dhaban illeen, yeroo sanatti waan beekan huna akka naaf godhaniitti natti dhagahama,'' jedha.
Hanga waggaa 10tti mana barnootaa seenuuf baayyee rakkoo turu yaadata. Kanaafu maatiinsaa miira akkuma ijoollee kaanii umuun yaalii itti yaadame raawwatan jedhan.
Maatiin isaas qaroo dhabeessa ta'uun akkuma bifaan gurraacha, ykn adii ykn dheeraa ykn gabaabaa ta'u malee waan addaa akka hin taanee isa barsiisuu dubbata.
Innis osoo baayyee daa'ima ta'ee jiruu ashangulliitii xiqqoo irraa attamiin piyaanoon akka tabatamu barate. Hiriyyaaansaa piyaanoo ashangulliitii kan obbooleetti isaa kenneef. Garuu ammoo akka obbooleettiin isaa jalaa hin fudhanneef gonkumaa allatti akka bahee hin tabanneef akeekkachiisee.
Jaalalli hojiisaatiif ijoolluun qabuuf kunis wayita umuriinsaa waggaa 15 ta'uutti akka ambaasaadara Unicef biyyaaleessaa jalqabaa Naayijeeriyaa ta'un hojjatuuf isa kakaase.
Rakkooleen mirga daa'immaniifi daa'imman miidhaa qaamaa qabanii rakkoo cimaa hoggansa biyyatiiti jedha Asukuun.
Muziqaan jijjirama hawaasummaa, haqa hawaa fi hawaasaa kakaasuun meeshaa barbaachisadha jedhan. Kanaanis fooyya'ina jireenya Naayijeeriyaa hedduuf akka gumaatu yaada.