Booranaatti miseensonni poolisii farra- riphee lolaa obbolaa lama attamiin ajjeesan?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"Obboleettiin koo mana keessa teessoo gubbaa taa'aa turte. Kanuma dhukaasni baname dugda duuba isheen rasaasni seenee achumatti ajjeese" jedhe obboleessa miidhamtootaa.

Dhukaasa miseensonni Poolisii riphee lolaa godina Booranaa aanaa Eelwayyee ganda Saabbaa keessatti bananiin obbolaan lama ajjeefamuu maatii, jiraattonni fi angawaan aanichaa BBC'tti himan.

Ajjeechaan kun Sanbata ALI Mudde 5, 2017 waaree booda naannoo sa'aa 11:00 akka raawwatame BBC'tti kan himan jiraataan ganda Saabbaa maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, "Poolisii riphee lolaatu aanaarraa gara gandaa dhufan, sababa itti dhufaniif hinbeeknu, rakkoon nageenyaa biraallee hin jirtu" jedhan.

Yeroo sana jiraattonni gandichaa waajjira gandaa ijaaraa turuu kan himan jiraataan kun, miseensonni Poolisii kunneen konkolaataarraa bu'uun dargaggoota jimaa qama'aa turanitti dhukaasa banuu himan.

Sana boodas dargaggoonni fiigaa adda kan faca'an ta'us, rasaasni dhukaafame shamarree waggaa 14 mana keessa turte rukkutuun lubbuun ishee darbe.

"Doorsisatu ture…"

Obboleessa miidhamtootaa akka ta'an BBC'tti kan himan Galma Bonayyaa Waaqoo, obbolaan isaanii ajjeechaan irratti raawwatame Xuunnee Bonayyaa fi Deebanoo Bonayyaa akka jedhaman himan.

Ka'umsa ajjeechaa kan gaafanne miseensi maatii kun guyyichatti caasaaleen mootummaa jiraattonni gandichaa waajjira gandaa ijaaramaa jiru atattamaan ijaaranii akka xummuran dhiibbaa gochaafii doorsisaa akka turan himan.

Boodarras miseensi caasaa mootummaa bilbila bilbiluun miseensota poolisii farra riphee lolaa gara iddichaatti waamuu dubbatan.

"Waraanni kun (poolisoonni) yeroo dhufutti naannoo mana keenyaa dargaggeessa sadi wayiitu taa'aa ture.

Waraanni kun konkolaataa dhaabanii dargaggoota kunneeniin 'koottaa koottaa' jedhan. Ijoolleen 'humnaan waraana nugeessaa jiran' jettee keessa ofiitti shakkitee jalaa fiigan" jedhan.

Sana boodas dargaggoota sadeen keessaa inni tokko mana isaanii marsuun fiiguu kan himan Galma Bonayyaa, dhukaasni eegalamuu himan.

"Kan gurbaan mana keenyarra maruu eegale dhukaasni irratti baname. Obboleettiinkoo mana keessa teessoorra taa'aa turte. Kanuma dhukaasni baname dugda duuba isheen rasaasni seenee achumatti ajjeese" jedhan.

Miidhamaan lammaffaafii abbaa ijoolee jahaa kan ta'e Deebanoo Boonayyaa immoo ajjeechaa obboleettiisaa dhagahuun gara iddichaatti fiigaa dhufuu himan.

"Yoo mana gahu mucattii duute argee warra waraana kana faana fiiguu eegale. Yeroo kana ummanni irraa qabaa ture" kan jedhan miseensi maatii kun, miseensi poolisii tokko "gadhiisaa yookiin walittin isin fixa" jechuun ummanni miidhamaa akka gadhiisan sodaachisuu himan.

Sana boodas wayita miidhamaan itti fiigu miseensi poolisii kun rasaasa dhukaasuun ajjeesuu dubbatan.

"Yeroo gabaabduutti murtiin ni kennama"

Ajjeechaa obboleeyyan lamaanirratti raawwatame jedhame dhugaa ta'uu BBC'f kan mirkaneessan Bulchaan Aanaa Eelwayyee Obbo Galgaloo Dabbasoo, "namni miidhame nama lama, obboleeyyanuma" jedhan.

Ka'umsi ajjeechaa kanaa qoratamaa jiraachuu kan himan bulchaan aanichaa kun, miseensonni poolisii eegumsa nageenyaaf gara iddichaatti bobba'uu himan.

Namoonni ajjeechaan irratti raawwatame kana dura yakkaan shakkamanii kan barbaadaman ta'uusaanii kan gaafanne Obbo Galgaloon, " ofeeggannoo gochuu dhabuun tarkaanfii fudhatame waan ta'eef ka'umsisaa maaliif akka ta'e seeraan qoratamee, murtii argata malee isaan akka biraa kan qaban hinqaban" jedhan.

Ammatti miseensota poolisii riphee lolaa waliin turan 10 to'annoo jala oolchuun qorannoon adeemsifamaa jiraachuu himuunis, "isaan keessaa kamtu nama rukute isa jedhu seeraan qulqullaa'a, yeroo gabaabduuttis murtiin kan itti kennamu ta'a" jedhaniiru.