Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Booranatti jechi 'Arrooy' jedhu maal ibsa? Yoom jedhama?
Artistoonni Oromoo afur wallee haaraa, akka uummata Booranaa hongeen miidhameef birmatamuu qabu dhaamu, mata duree 'Arrooy' jedhuun baasaniiru.
Artsitoota kunneen keessaa tokko kan ta'e weellisaa Kee'ol Nagaasaa, ''Arrooy jechuun waamicha waliif birmannaa waan ta'eef mata duree isaa kana filanne,'' jedhe.
Artist Kee'ol akka jedhutti uummata Booranaaf akka birmatamuuf walleedhaan dhaamuun alatti gurmuu tokko hundeessuun ofiisaaniifis gargaarsa kennuu eegalaniiru.
Sirbanii qofa dhiisuun ga'aa miti kan jedhu Kee'ol ''haalli uummatni Booranaa keessa jiru kan guyyaa tokkoofillee boqonnaa namaaf kennu waan hin taaneef hunduu qalbii tokkoon garas qajeeluun dirqama,'' jedha.
Boorana keessatti jechi 'Arrooy' jedhu wayita dhagahamu roorroon waraanaa jiraachuu akeeka, kun waan uummaticha biratti baratameedha.
Weellisaa Kee'ol Nagaasaa wallee haaraa kanaaf mata duree 'Arrooy' jedhu kennuun dura qorannoo gaggeessuun mata durecharratti akka waliif galan hima.
''Jecha Arrooy jedhu yoom akka fayyadaman sirriitti qoranneerra. Artistiin dhalootaan Boorana taate- Immuu Girmaallee nu faana jirti. Jechi kun wayita roorroo hamaan uummatarra ga'u jedhama. Rakkoo amma Booranni keessa jiru ni madaala,'' jedhe.
Jechi kun wayita waraanni biyyarratti labsamu kan ittiin gaaffiin birmannaa dhihaatuudha kan jedhan jiru.
''Booranni biratti Arrooy jedhamnaan hunduu waan qabuun waraanaaf yookiin haleellaaf qophaa'a. Bakka nagaa (bakka waraanni hin jirretti) hin arreeffatan,'' jedhu qorataan aadaa fi barreessaan seenaa Oromoo Booranaa Aab Jaatanii Diidaa.
'Arrooy' hiika akkamii qaba? Yoom jedhama?
Qorataa fi barreessan aadaa Oromoo Booranaa Aab Jaatanii Diidaa 'Arrooy' jechi jedhu kan dhageessifamu haala murteessaa fi hammaataa ta'e keessatti jedhan.
''Barsiifatumaan yookiin safuu wayiitiif yoo jedhan malee aadaa keessatti waan sirna addaa qabu miti. Yeroo diinni namatti dhufu yookiin wanti lubbuu namaa balleessu qofa 'Arrooy' jedhu,'' jedhan.
Boorana keessas ta'e bakka kamittuu wayita rakkoon mudatu namuu sagaleedhaan iyyuu yookiin 'Arrooy' jechuu danda'a kan jedhan Aab Jaataniin, ''akka waliigalaatti garuu arrooy kan jedhamu miidhaa diinaaf birmannaa gaafachuufi,'' jedhu.
''Fakeenyaaf bakka waraanni jirutti Arrooy jennaan diinarratti xiyyeeffachuu agarsiisa. Lafa nagaatti inumaa jecha kana hin fayyadamaniiyyu.''
Ijoolleen akka tasaa [afaanni waan bareef qofa], Arrooy yoo jette Booranni, ''Arreessi nu nagaya, arriin tantee falfal' jedhee afaan keessa dhaana,'' jedhan.
Artist Kee'ol gamasaan ulfaatina rakkootiin yoo ilaalame balaan amma Booranni keessa jiru rakkoo waraanni fiduun gadi miti jedhe.
''Waamichi nuti dhiheessine kan waraanaa ta'uu baatus, birmannaan nuti gaafanne garuu akkan lubbuun uummataa baraaramuufi. Yeroo waraanaas 'Arrooy' jechuun kan gaafatamu birmannaa lubbuu baraaruuti. Kanaafuu hagas mara rakkoo hin qabu,'' jedhe.
Namni tokko 'Arrooy' jedhee jennaan Booranni akkanumatti taa'ee hin laalu jedhan Aab Jaataniin. ''Kanaaf lafa nagaa hin arrifataniiyyu.''
Kanaan duras Weellisaan tokko wallee jaalalaa mata duree 'Arrooy' jedhuun sirbuusatiin gadaa keessaa baasan jedhan Abba Jaatanii Diidaa.
''Ati nama arrifate kaan jedhanii yeroo Kuraa Jaarsoo doorii inni dhufee sirbuuf jennaan gadaa keessaa baasan,'' jedhan.
''Wayita walleen sun ba'e uummanni Booranaa 'nuti nagaa qabna gurbaa maa arrifatte' jechaa ture,'' jedhan Aab Jaatanii Diidaa.
Osoo nagaan jiruu ariifachuun aadaa Booranaa miti kan jedhan Aab Jaataniin, Booranni waa'ee jecha 'Arrooy' kana waan jedhee geeraru qaba jedhu.
''Arreessa lolaan beeki, arrii guddinaan beeki. Booree guyyaa korbeessaa, goota balgudaan beeki,'' jechuun yaadachiisan.
Kana jechuun arreessi gaafa lolaa ta'uusaati jedhan.
''Osoo ta'ee wayita waraana kaaba Itoophiyaaf nama danda'u hundaaf waamichi dhihaate sana 'Arrooy' jechuun danda'ama,'' jedhan.
Artistoonni waliin qindaa'uun wallee Boorana hongeen miidhameef birmannaa gaafatu baasan mata duree 'Arrooy' jedhu fayyadamuu hin fudhatan Aab Jaataniin.
''Maal jennaan hongeen kan dhufte waaqarraati. Waaqi diina miti. Arrooyiin deeggarsa barbaaduu hin malle. Waaqatti hin arrifatan, '' jedhan.
''Lolatti malee bonatti hin ariifatan. Kanaafuu maqaa 'Arrooy' jedhuun gargaarsa barbaaduun safuu cabsuudha.''
Hongee hamaa hambaalee Booranaaf yaaddoo ta'e
Aab Jaataniin mata duree wallee kanaa qeeqanillee, ergaan artistoota kunneenii garuu akkaan barbaachisaa ta'uu hin haalle.
Hongeen akka kanaa Boorana mudatee hin beeku kan jedhan Aab Jaatanii Diidaa, namuu bakka jiruu waan danda'uun uummata kanaaf birmachuu akka qabu dhaaman.
''Argaa-dhageettiin waan warri raagaa jedhuun alatti waan akkanaa arginee hin beeknu. Hongeen inuma mudata, kan akka kanaa garuu takkaa arginee hin beeknu.''
Booranni lafa sa'aa-namaan guutame, lafa aadaa qabu kan jedhan Aab Jaataniin, rakkoon kun aadaa kana balleessuu danda'a sodaa jedhu qabu.
''Loon badaa jiran, namni loon dhabee badaa jira. Jaarsi, jaartiin buleeyyiin badaa jiru. Ijoolleen lafaa dhufan akkanuma badaa jiru. Hawaasi badee jennaan aadaan duukaa bada,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Uummanni bu'uurri jireenyasaa loon ta'e kun, loon dhabe jedhee aadaasaa akka hin lakkifne dhaaman.
''Uummanni kun loonillee dhabee aadaasaallee dhabuu hin qabu. Safuu heduutu cabaa jira. Keessattuu bakka uummanni buqqa'e itti qubate keessatti.''
Rakkoon hongee akanaa yeroo jaarraa walakkaatti siquuf Boorana mudatee akka hin beekne Bulchaan Godina Booranaa Aab Jaarsoo Boruu himaniiru.
''Akka odeeffannoo jaarsa argaa-dhageettiitti, akkasumas seenaamarraa akka hubannutti erga waggaa afurtamaa fi isaa ol duraatii dhaloota ammaa kana keessatti rakkoon akkasii mudatee hin beeku.''
Godinichatti fulaan rakkoo hongeen hin miidhamne hin jiru kan jedhan Aab Jaarsoo Boruu, ''yoo xiqqaate namoonni 800,000 deeggarsa barbaadu,'' jedhan.
Yaaddoon aadaa fi duudhaan baduu Aab Jaataniin kaasan kan qooddatan Aab Jaarsoo Boruu, ''Amma yaaddoon waa'ee duudhaan baduurra darbeera, uummatichi haala kana keessa kan turu yoo ta'e lubbuun dandamachuun nu yaaddessa,'' jedhan.