Kooriyaan Kaabaa vaayirasii Covid 'Kooriyaa Kibbaatiin waraqaa baxxeen natti ergame injifadhe' jette

Kim Jong-un fi obbooleettiisaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Kooriyaan Kaabaa weerara koronaavaayirasii karaa waraqaa baxxeetiin Kooriyaa Kibbaa irraa karaa daangaa nutti ergame jette irratti irra aanuu beeksifte.

Obboleettiin hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un tibba weerara Covid-19'tti 'gubaa qaamaa waan agarsiiseef akka vaayirasichaan qabame jalqaba barame' jette.

Obboleettiin Hogganaa kanaa Kim Yo--jong Kooriyaa Kibbaatuu waraqaa baxxee vaayirasii Covidiin faalamee karaa daangaatiin gara kibbatiitti erge jechuun himatte.

Kooriyaan Kibbaa garuu himannaa kanaan 'bu'uura kan hinqabne' jechuun hin fudhanne.

Obboleettiin hogganaa kanaa kana kan dubbatte wayita obboleessi ishee biyyattiin Covid to'achurratti injifannoo galmeessuu ilaalchisuun ibsaniitti ture.

Biyyi iccitii Kooriyaan Kaabaa yeroo jalqabaatiif weerarri Covid biyyattii keessatti mudachuu kan beeksifte baatii Caamsaa keessa ture. Isaan booda ammoo duuni mudachuu himte.

Guyyi itti weerarichi mudate dabalatee, keessattuu baay'ina lakkoofsa namoota dhukkubichaan du'anii ilaalchisee shakkiitu jira.

Aadde Kim - qondaallii olaantuun biyyattii tun haasaa ishee kana keessatti, Kooriyaa Kibbaa vaayirasii gara biyyasheetti ergite jechuun komatte.

Rogeeyyonni Kooriyaa Kibbaa garuu barootaaf afuuffee (balloon)'tti fayyadamuun waraqaa baxxeewwan ololaa gara Kooriyaa Kaabaatti ni ergu ture. Haata'u malee hojiin kun bara darbe kaasee dhorkameera.

Aadde Kiim gochaa baxxee gara biyyasheetti ergamu kanaanis ''yakka ilmaan namaa irratti raawwatamu'' jechuun balaaleefachuu ishee Eejansiin oduu mootummaa KCNA gabaaseera.

Itti dabaluunis gochaa kanaaf biyyishee ''tarkaanfii deebii cimaa'' akka fudhattu akeekkachiiftee jirti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Kiim waa'ee fayyina obboleessa ishee ilaalchisuun haasaa taasiftee, ''dhukkubsatullee waa'ee ummatasaa waan yaaduuf daqiiqaadhaaf illeen hin ciifne hanga qabsoo weeraricha irratti gaggeeffamu xumuramuutti'' jette.

Kooriyaan Kaabaa dhukkubsattoota koronaavaayirasii sababii hir'ina meeshaalee ittiin qoratamanii dubbachuurra ''gubaa qaamaa'' jechuun ibsiti.

Hogganichi gamasaatin vaayirasicha irratti ''injifannoo cululuqaa'' argachuu himuun, cimina ummataa isaa leelliseera.

Akkasumas dhorkaawwan akka ka'aniif labsuun namoonni dhukkuba koronaa kanaan du'an 74 qofaa ta'us dubbatan.

Haata'u malee, biyyattiin erga Adooleessa 29 kaasee nama vaayirasichaan shakkame haaraan jiraachuu hin gabaafne.

Taajjabdoonni idil-addunyaa garuu biyyattiin dhukkubicha qorachuuf hanqina qabaachuu dubbatu.

Maddi oduu mootummaa KCNA akka jedheetti erga Eblaatii kaasee namoonni miiliyoona 4.8 vaayirasichaan qabamaniiru.

Kanneen keessaa kan du'an namoota 74 qofaadha jedhe. Kunimmoo, hammeentaa namoota qabaman keessaa kan du'an %0.002 akka jechuuti.

Eksipartoonni biyya sirna fayyaa addunyaaratti dadhabaa ta'e qabdu keessatti lakkoofsa kana amananii fudhachuun baayyee akka rakkatan kaasu.