Kooriyaan Kaabaa lammileen biyyashee 'qorichawwan aadaa akka sha'iifi soogiddaan' COVID ofirraa ittisaa jette.

Madda suuraa, EPA
COVID Kooriyaa Kaabaa keessatti haalaan waan babal'ataa jiruuf miidiyaan mootummaa biyyattii namoonni vaayirasii kana qorichawwan aadaa gargaaramuun akka ofirraa ittisaniif gaafachaa jira.
Biyyattiin uummatashee talaallii hin argatiin keessatti COVID daran tatamsa'aa jira; qorichoota farra vaayirasii kanaa ta'anis hin qabdu.
Bara 2020 keessa, biyyattiin weerara kana ofirraa ittisuuf jecha daangaawwan karaa hunda cufattee turte.
Aanga'oonni biyyattiis hanga ammaa deeggarsa fayyaa biyya alaarraa galu fudhachuu hin barbaadne.
Miidiyaan biyyattii ammoo dhibee "ho'ina qaamaa" ittiin jedhan kanaaf lammileen wallaansaawwan aadaa akka fayyadaman gorsaa jiru.
Waan ho'aa dhuguu
Gaazexaan paartii biyya bulchuu Rodong Simnun jedhamu, namoonni dhukkubbiin itti hin cimiin wantota akka sha'ee jinjibilaa ykn sha'ee daraaraa dammaa, akkasumas dhugaatii baala mukaa 'willow' jedhamurraa hojjetamu dabalatee qorichawwan aadaa akka fayyadamaniif gorsaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Dhugaatiiwwan ho'aa ta'an mallattoowwan dhibee COVID kanneen akka qoonqoon madaa'uu, qufaasisaa, hanga tokko hir'isuu danda'a; akkasumallee yeroo namoonni dhibaman dhangala'aan qaama isaanii keessaa hanga barbaadameen gadi ta'utti akka argatan gargaara.
Jinjibilliifi baalli muka 'willow' jedhamus dhukkubbuu ni hir'isa.
Haata'u malee, vaayirasii kana fayyisuudhaaf hin gargaaran.
Bishaan soogiddaa
Miidiyaan biyyattii dhiyeenya kana haadha warraafi abbaa warraa namoonni akka galgalaafi ganama bishaan soogiddaatiin lulluuqqatan gorsan waliin gaaffiifi deebii taasiseera.
Kanaan walqabatees, "soogiddi toonii kuma tokko ta'u" dhangala'aa farra jarmii irraa akka hojjetamuuf gara Piyoongiyaangitti ergameera," burqaan oduu mootummaa biyyattii ibsetti.
Qorannoowwan tokko tokko bishaan soogiddaatiin lulluuqqachuufi funyaan jiifachuun vaayirasiiwwan utaalloo nama qabsiisan ittisuuf ni gargaaru jedhu.
Haata'u malee, tatamsa'ina COVID hir'isu kan jedhu irratti ammoo ragaa muraasatu jira.

Madda suuraa, Reuters
Qorannoon tokko akka argadhe jedhutti ammoo laaboraatoorii keessatti afaan qulqulleeffachuun vaayirasicha ajjeesuu danda'a.
Haata'u malee, laaboraatooriin alatti nama akka gargaaru amansiisaa ta'ee hin argamiin jira.
COVID yeroo baayyee qilleensa faalamaa keessaan hancufa faca'u karaa funyaanii, akkasumas karaa afaaniin gara keessatti arganuun/liqimsuun waan nama qabuuf lulluuqqachuun carraa vaayirasiin kun gara namaa seenuu yeroo takkaa qofa dhorkuu danda'a.
Takkaa qaama namaa keessa seenee gadi fagaatee jennaan ammoo lulluuqqachuun ykn afaan dhiqachuun deebisuu hin danda'u.
Qoricha bowwuu mataafi farra dhukkubbii
televijiin biyattii namoonni qorichoota bowwuu mataafi fatrra dhukkubbii kanneen akka ibuprofen, amoxicillin fi kanneen kaan akka fudhataniifis itti himaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Sirna fayyaa
Sirni fayyaa Kooriyaa Kaabaa tajaajilawwan fayyaa bu;uuraa irraa kaasee kunuunsa fayyaa bilisaan dhiyeessa. Kunis sadarkaa buufata gandaa irraa kaasee hanga hospitaalota gurguddoo mootummaa magaalaa keessa jiraniitti bilisaan uummata tajaajila.
Haata'u malee, sababii qoqqobbii biyyattiirra bubbuleefi jijjiirama haala qilleensaa hamaa hongee qaqqabsiiseen dinagdeen biyyattii laamsha'eera.
tarkaanfiiwwan daangaa biyyattii cufuuniifi sochii dhorkuunis dhiibbaa guddaa dinagdee biyyattiirraan gaheera.

Madda suuraa, KCTV
Gargaarsa idil-addunyaa
Kooriyaan Kaabaa bara darbe talaallii COVID miliyoona sadii ta'e Chaayinaarraa dhiyaateef fudhachuu diddeetti. Akkasumas, gargaatrsawwan dhaabbata talaallii dhiyeessan kanneen akka sagantaa Covax jalatti dhiyaatanii hin fudhadhu jetteetti.














