Hospitaalli Finoota Salaam sababii tasgabbii dhabinsaatiin hojii dhaabuu hojjettoonni himan

Magaala Finoota Salaam
Maxxanfame

Naannoo Amaaraatti magaala guddoo Lixa Goojjaam kan taatee Finoota Salaamiitti, sababii tasgabbii dhabinsaatiifi dhiibbaa oggeessoonni nurra gaheera jedhaniitiin hospitaalli magaalattii hojii dhaabuu himan.

Hojiichi dhaabbachuusaatti magaalattii keessaa bahuun eddo biraatti kan argaman oggeessoonni fayyaa hospitaalichaa BBC Amaariiffatti akka himaniitti, rakkoon mudate jiraattoota magaalattiifi naannichatti argaman tajaajila wal'aansaa barbaachisaa ta’e akka hin argannee taasisa.

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa baatii lama ta’een walqabatee eddoowwan baayyeetti sochiilee idileen haalaan danqamaniiru.

Walitti bu’insa raayyaa ittisa biyyaafi hidhattoota faannoo jidduutti torban darbe cimee itti fufeen wal qabatee eddoowwan garaagaraatti tajaajila dhaabbilee wal'aansa fayyaa irratti dhiibbaan uumamuu BBCtti himan.

Isaan keessaayis hoospitaaloota magaalota Gondariifi Finoota Salaamitti argaman haala tasgabbii dhabinsa umameetiin wal qabatee hojjattoonni hojii idileesaanii haala barbaadamuun raawwachuu sadarkaa hin dandeenye irra qaqabuu oggeessoonni hospitaalootaa ni dubbatu.

Naannichatti walitti bu’iinsi erga eegalee booda magaalaa Finoota Salaam kan irra dedebiin keessatti haleellaafi walitti bu’iinsi keessatti mudachuu jiraattoonni dubbataniitti, hojjattoonni hospitaalaa ‘‘hidhattoota faannoo wal'aantu’’ jedhamuun dhiibbaan irra gahaa jiraachu BBC Amaarifatti himan.

Haaluma walfakkaatunis dhiibbaan irra gahaa jiraachu kan dubbatan hojjattoonni hospitaala Gondar, sababii rakkoo nageenyaa fi dhiyeessiin dhukkubsatoonni wal'aanamanii fayyuu danda’an lubbuu dhabaa jiraachuu dubbatan.

Himannaa hojjattoonni hospitaala kanneenii dhiyeessan kana ilaalchisuun BBC addatti madda walabaa irraa mirkanneeffachu hin dandeenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessattuu Finoota Salaamiitti hospitaalli hojiisaa idilee dhaabuu hojjataan hospitaalichaa eenyummaansaanii nageenyaaf jecha akka hin ibsamne gaafataniifi yeroof naannichaa baqatan tokko dubbataniiru.

Sababii Finota Salaamiifi naannichatti torbanootaaf walitti bu’insi tureef ibsaan adda cituun jenereetaratti fayyadamuun guyyootaaf wal'aansa kennaa akka turan hojjataan hospitaalichaa kun ibsaniiru.

Ta’us ammoo, ‘‘jeneretarichi waan rukutameef hojii dhaabuuf sababii ta’eera’’ jechuun haala hospitaalichi itti hojii dhaabuuf diriqame himan.

‘‘Nuti oggeessoota fayyaati, hojiin keenyas dhukkubsattoota wal'aanuudha,’’ kan jedhan hojjataan hospitaalichaa kun, sababii rakkoo nageenyaafi ibsaatiin garuu namoota wal'aansi barbaachisu tajaajiluu akka hin dandeenye himan.

Hojjattoonni hospitaalaa kunneen akka jedhaniitti, ALI Fulbaana 12, 2016 irraa kaasee hospitaala Finoota Salaamiitti hojiin dhaabbachuufi hojjattoonni 120 ol ta’an bittinaa’u ibsaniiru.

Hojjataan hospitaalichaa ammaan tana magaalicha irraa fagaatanii argaman BBC dubbise kun akka jedhaniitti, Kamisa torban darbee galgala keessa hakimiin seenee wal'aansa ‘‘baqaqsanii wal'aanuu taasisuu waan dhibeef, guyyaa Jimaataa ganama haadhooliin lama lubbusaanii dhabaniiru’’ jedhan.

Du’a haadhoolii lamaanii jedhame kanas BBC hojjataa hospitaalichaa gara biraa irraa kan mirkaneeffate yoo ta’u, haalli nageenyaa waan sodaachiisuuf jecha Fulbaana 24, 2023 irraa kaasee gara hospitaalichaa akka hin deebiine himan.

Itti dabalunis, namoota walitti bu’insichaan miidhamuun gara hospitaalichaa dhaqan keessaa dhiirota filachuun, ‘‘hidhattoota Faannooti’’ jechuun adda baasanii dararuu dubbata hojjataan kun.

Naannichatti tajaajilli bilbilaa waan adda citeef dhimma kanarratti aanga’ootaafi raayyaa ittisa biyyaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.

Haaluma walfakkaatunis walitti bu’iinsa magaala Gondoriitti mudatee hordofee hojjattoota hospitaalichaarratti humnoota nageenyaatiin ‘‘dorsiifni akka gahuu’’ fi kanneen wal'aanamanis akka rakkisan maddeen hospitaalichaa BBC’f ibsan.

Maqaansaanii yoo eerame rakkoon narra gaha jechuun kan yaaddoo qabaachu himan hojjataan hospitaala Gondar tokko, walitti bu’iinsa guyyaa Dilbata darbe magaalatiitti mudate hordofuunis miseensoonni raayyaa ittisaa hakiimootaafi kanneen wal'aanamaa turan irratti ‘‘waan ta’u hin mallee raawwatan’’ jechuun himatan.

Bakka bu'aan paartii mormiituu maal jedhan?

Naannichatti bakka bu’aan Paartii Sochii Biyyaaleessa Amaaraa Aanaa Qaariiti akkasumas miseensi Mana Maree Naannoo Amaaraafi Federeshiinii Obbo Haabtaamuu Balaayinaa gama saanitiin, hojjattoonni fayyaa hospitaala Finoota Salaam sababii dhiibbaa fi dorsiisoo irra qaqabeetiin hojii dhaabuu akka beekan BBC’tti hima.

Hakiimoonni hojii dhaabusaanitiin wal qabatee sababii walitti bu’iinsa naannicha keessatti torbanootaaf eddoowwan garaa garaatti gaggeeffamuutiin jiraattoonni magaalichaa miidhamuun hospitaalicha keessatti wal'aanamaa turan guutummaatti adda citeerra jedhan.

Humnootiin nageenyaa mootummaa hakiimootaan, ‘‘deeggartota faannooti. Isiniitu nun loolaa jirra,’’ jechuun dhiibbaa isaan irraa gahaa jiruun hojjattoonni hospitaala dhiisanii bahaa jiruu jedhu Obbo Haabtaamuun.

Ammatti sababii hospitaalichi gutummaan hojii dhaabeef namoonni waraanaan miidhaman geejiiba aadaatiin naannoo biraa deemuun wal'aanamaa jiraachuu kaasu.

Hoospilaatti magaala Gondar hoo?

Magaala Gondar Azazootti kan argamu hospitaala Ayiraatti ‘‘hakiimoota abbaa dabaree turan lamaan faannoowwan dhoksitanii wallaanaa jirtan fidaa’’ jechuun sa’aatiiwwaniif rakkisaa turan jedhu maddeen hospitaalaa BBCtti himan.

Guyyaa Dilbataa qofa namoonni 11 miidhaan irra qaqabee wallaansaaf gara gara hospitaalichaa geeffamu dubbatu hakimiin kun.

Jarri kunneenis dubartootaa fi daa’imman meeshaan waraanaa manasaaniirratti kufuufi rasaasa akka tasaatiin rukkutaman waan ta’aniif miseensa faannoo ta’uun akka hin shakkamne kaasu.

Haata’u malee, oduun namoonni walitti bu’insicharratti miidhamuun wal'aanamaa jiran humnoota nageenyaatiin akka barbaadaman yoo dhagahaniitti, namoonni miidhaasaanii waliin manatti hafan baayyee ta’u akka danda’u oggeessoonni yaaddoo qaban ibsu.

Jiraataan magaalichaa walitti bu’insa guyyaa Dilbataatiin obboleessi isaanii rasaasaan erga rukkutamanii booda hospitaala Gondar osoo yaalchisaa jiranuu, obboleessa isaanii dabalee namoonni shan miseensoota raayyaatiin shakkamuun hospitaalicha keessaa fudhatamu BBC’tti himan.

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti hidhattoota faannoofi humnoota mootummaa jidduutti baatiiwwan lamaan dura eegalee hordofuunis naannichatti eddoowwan adda addaatti tajaajilli intarneetii adda cituu himama.

Gojjaamiifi naannawwa Walloo kaabaa tokko tokkootti ammoo intarneetiin alattis torbaniin dura tajaajilli bilbilaas waan adda citeef BBCn aanga’ootaafi jiraattoota naannichaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuu hin dandeenye.

Sababii walitti bu’iinsa hidhattoota faannoofi humnootii mootummaa jidduutti gaggeeffamaa jiruufi dhokaasa raawwatamutiin namoota nagaa irra miidhaan qaqabuunsaa gabaafamaa ture.

Walitti bu’insi naannichatti gaggeeffamaa jiru kunis dhaabbilee fayyaa, tajaajilamtootaafi oggeessoota irratti dhiibbaa qaqabsiisaa kan jiru yoo ta’u, baatii tokkoon duras hospitaalli Gondar hanqinni dhiyeessii mudatee akka ture BBCtti himee ture.

Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adhaanoom, walitti bu’iinsii naannoo Amaaraatti mudate sararawwan dhiyeessii danquudhaan deeggarsa namoommaa qaqabsiisuufi walitti dhufeenya itti fufsiisuuf rakkisaa taasisa jedhanii ture.

Itti dabaluunis Dr Teediroos, walitti bu’insoonni kunneen fayyaa namootaarratti dhiibbaa hamaa qabaachuusaatiin alatti, sirna fayyaa irratti miidhaa yeroo dheeraa waan qaqabsiisuuf, namoota jalaa deeggarsi fayyaa akka adda hin cinneef oggeessoonni hojiisaanii hojjachuu akka danda’aniif sirna fayyaa naannichaatiif eegumsi akka taasifamuuf gaafachuunsaanii ni yaadatama.