Goojjam Lixaatti haleellaa dirooniin namoonni ajjeefamuu jiraattonni himan

Nama umrii waggaa 49 Asnaaqee Shumat- miseensa milishaa Amaaraa (suuraa faayila keessaa- Fulbaana 14, 2021 magaalaa Gondar irraa gara kaaba bahaatti kiilomeetira 70 fagaatee ganda jiru Dabaat keessatti kaafame.)

Madda suuraa, Getty images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensa milishaa Amaaraa, Fulbaana 14, 2021 magaalaa Gondar irraa gara kaaba bahaatti kiilomeetira 70 fagaatee ganda jiru Dabaat keessatti kaafame
Maxxanfame

Godina Goojjam Lixaa magaalaa Dambacaa fi Aanaa Quwaariit keessatti haleellaa diroonii gaafa Fulbaana 17, 2023 raawwateen namoonni nagaa hedduun ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himaniiru.

Jiraataan Aanaa Quwaariit nageenyasaaniif jecha maqaasaanii himuu hin feene iddoowwan lamatti haleellaan mudate jedhan.

Haleellaan inni tokko namoota imalarra turanirratti kan xiyyeeffatedha kan jedhan namni kun, ''haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 30 ta'an ajjeefamaniiru,'' jedhan.

Bakka haleellaan diroonii itti raawwate daawwachuu BBCtti himaniiru jiraataan kun.

Haleellaan kun bakka waraanni itti gaggeeffamurraa fagaatee kan argamuu fi hidhattoonni kan keessa hin sochoone ta'uu himan.

Haleellaan inni lammaffaan garuu miidhaa guddaa akka hin geessisne himan.

''Haleellaa lammaffaan bosona keessatti raawwate. Kanaaf namarras ta'e qabeenyarra miidhaa hin qaqqabsiisne,'' jedhan.

Haleellaan biraa magaalaa Dambacaatti raawwatameera jedhames namoota nagaarraan miidhaa geessisuu jiraattonni magaalichaa BBCtti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan naannawa mana amantii mikaa'elitti mudachuu himan kanaan yoo xiqqaate namoonni 18 ajjeefamaniiru jedhan.

Haleellaa magaalaa Dambacaas ta'e aanaa Quwaariit keessatti mudate jedhame kana ilaalchisuun aanga'oota mootummaarraa odeeffannoo argachuuf yaalii BBCn taasise hin milkoofne.

Ji'a dura haleellaa magaalaa Finoota Salaam keessatti mudateen namoonni nagaa 30 ta'an ahheefamuu fi 50 kan caalan miidhamuu BBCn kanaan dura gabaasee ture.

Dhiittaa mirgoota namoomaa Itoophiyaatti raawwatamu akka qoratuuf kan hundaa'e gareen qorattoota mirgoota namoomaa UN ibsa Fulbaana 18, 2023 baaseen, naannoo Amaaraatti yoo xiqqaate haleellaan diroonii tokko raawwatamuu gabaasi akka isa ga'e eere.

Jiraattonni magaalaa Dambacaa, yeroo ammaa kallattii lixa magaalattiin lolli deemaa jiraachuu himuun, sochiin guyyuu bakka kanatti guutummaatti dhababatee akka jiru dubbatan.

Naannoo Amaaraa iddoowwan garaagaraatti ''meeshaa waraanaa dhoksitan fidaa'' jechuun humnoonni nageenyaa mootummaa murtee seeraa malee ajjeechaa fi hidhaa raawwachaa jiraachuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhiheenya ibseera.

Himannaa ajjeechaa seeraa malee humnooti mootummaa itti himataman Adeet, Dabra Maarqos, Dabra Taabor, Jigaa, Lamii, Maajatee, Maraawii, Marxoo Lamaariyaamitti ALI Adoolessa 24 – Qaam’ee 4, 2015 raawwatuu ibsameera.

Kanneen badiif saaxilaman keessaa tokko manaa manatti sakattaa taasiseen, yeroo walitti bu’iinsaa kanneen daandirra turan, namoonni hin hidhanne, akkasumas ‘’meeshaa waraanaa dhoksitaniittu fidaa’’ jechuun kanneen to’ataman akka jiran ibsan.

Walitti bu’iinsa Naannoo Amaaraatti lammiilee nagaarratti xiyyeeffateera jechuun gareen mirgoota namoomaa irra-deddeebiin ibsaa turuun ni yaadatama.

UN naannochatti walitti bu'iinsa mudateen namoonni nagaan 180 caalan ajjeefamuu ibse.

Barri haaraan Itoophiyaa wayita jala ga'utti waan tasgabbaa'e fakkaatee kan ture dhibdeen naannoo Amaaraa, tibbana itti fufuun iddoowwan adda addaatti dhukaasi raawwatamaa jira.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa naannoo Amaaraatti walitti bu'iinsi aanaalee hedduutti itti fufee jiraachuu jiraattota, miidhamtoota, maatii miidhamtootaa fi namoota argan irraa iyaafachuun ibsa baaseen lolli deemaa jiraachuu eereera.