Walitti bu'iinsa Gondariin 'hidhattooti Faannoo 50 ol ajjeefamuu' Raayyaan Ittisaa hime

Walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa tureen lammiileen nagaa 200 ol ajjeefamuu kana dura UN ibsee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa tureen lammiileen nagaa 200 ol ajjeefamuu kana dura UN ibsee ture
Maxxanfame

Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti Dilbata kaleessaa walitti bu’iinsa waraana Itoophiyaafi hidhattoota gidduu tureen hidhattoonni Faannoo 50 ol ajjeefamuu Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa beeksise.

Magaalaa Gondar keessatti hidhattooti Faannoo seenan ajjeefamuufi haleellaan qiyyaafatame fashaluu waraanni Itoophiyaa gama fuula Fesbuukiin hime.

‘’Xuxxuqqaan naannawa Goondaritti humna finxaaleyyiin taasisaa jiru humna Raayyaa Ittisa Biyyaan tarkaanfiin irratti fudhatamee guutummaatti fashalee gara dhufeetti deebi’eera,’’ jedha ibsi bahe.

Gama kaaniin miidiyaaleen hidhattootatti hidhata qaban olaantummaa fudhatuu himan. BBC'n waan addatti mirkaneesse hin qabu.

Walitti bu'iinsi muddama yeroo dheeraa booda Adoolessa gara xumuraa Naannoo Amaaraa keessa eegale ammas darbee darbee mudatuu itti fufeera.

Waraanni Itoophiyaa ‘’humnoonni finxaaleyyii maqaa Faannoon daldalan’’ jechuun waame barii dheengaddaa sa’aatii 10:00’tti lo’anii seenuu buufata poolisii tokkoorratti haleellaa banuuf yaaluu hime.

Akkaatuma kanaan kanneen du’an ala kanneen madaa’an akka jiraaniifi kaanimmoo baqachuu ibse.

Miidhama gama waraana ofii yoo jiraate waan dubbate hin qabu. Akka ibsa kanaatti, hidhattooti kuni naannawa ganda 18 ‘’waan hin malle’’ dalaganiiru.

Gareen humnoota mootummaa federaalaa lolaa jiru kuni gubuu, sukkaara, zayitiifi kaan saamaniiru jechuun himate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanneen du’an keessaa ajajooti akka jiranillee ibse. Kanneen ajajoota jedhe maqaan tarreessuus qooda akkamii akka qaban hin ibsine.

‘’Xuxxuqqaan naannawa Goondaritti humna finxaaleyyiin taasisaa jiru humna Raayyaa Ittisa Biyyaan tarkaanfiin irratti fudhatamee guutummaatti fashalee gara dhufeetti deebi’eera,’’ jechuun ibse.

Faallaan rogeeyyiifi miidiyoonni hidhattoota Faannootti hidhata qaban bakkeewwan naannichaa hidhattoota Faannoon to’atamuufi loltoota mootummaa booji’u ibsani.

BBC’n waan raawwate qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.

Ibsi Raayyaa Ittisaa Labsiin Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraatti labsame haala ture osoo fooyyessaa jiruu haleellaan raawwatuu hime.

Gama kaaniin Komaand Poostiin magaalaa Gondar ibsa baaseen hidhattoonni Faannoo magaalicha to’anneerra inni jedhan ‘’oduu sobaati’’ jedhe.

‘’Tarkaanfii garee farra nagaa ta’eerratti fudhannu cimsinee itti fufna,’’ jedha ibsi bahe.

Walitti bu’iinsi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota Faannoo gidduu adeemaa ture tasgabbaa’us Bara Haaraa Itoophiyaa booda bakkeewwan tokko tokkotti dabaluu gabaasonni mul’isu.

Magaalaa seena qabeettii Laalibalaatti walitti bu’iinsi meeshaalee jabaan deeggarame mudatuu gabaasonni himaniiru.

Jiraattonni BBC’n dubbise bakkeewwan Goojjam Lixaafi Kaaba Shawaatti walitti bu’iinsi jijjira.

Magaalota kanatti walitti bu’iinsa tureen lammiileen nagaa ajjeefamuu, miidhami irra gahuufi qabeenyis manca’uu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa dhihoo baasen himeera.

Mariin dhimma nageenya Afrikaarratti wagga waggaan magaalaa guddoo Naannoo Amaaraatti taasifamuus yeroo biraatti darbuun ni yaadatama.