'Akkuma kaaba Gaazaatti cimnee lolle, kibbattis kutannoon lolaa jirra'- Waraana Israa'el

Taankii Israa'el daangaa Gaazaa irra socho'u

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Humnoonni lafoo Israa'el guyyoota sadan darbaniif walitti fufiinsaan haleellaa cimaa erga raawwatanii booda amma ammoo gara Kibba Gaazaatti darbaniiru.

Gabaasi miidiyaa Israa'el akka mul'isutti loltoonni Israa'el oppireeshinii marsaa kanaan erga Kaaba magaalaa Kaan Yuunis guddoo haleelanii booda, waraana lafoo Kibba Gaazaatti labsaniiru.

BBCn taankiiwwan Israa'el iddoo kanatti mul'achuu mirkaneesseera.

Hoogganaan Humna Waraanaa Israa'el Lt Jenaraal Herzi Halevi loltoonni isaanii Kibba Gaazaa keessatti ''ciminaa fi xiyyeeffannaan'' lolaa jiraachuu ibsaniiru.

''Kaaba Gaazaatti ciminaa fi xiyyeeffannaan lolleerra, Kibba Gazaattis kanuma raawwachaa jirra,'' jedhan.

Qondaalli waraanaa Israa'el kun, kanaan booda oppireeshinii lafoodhaan gaggeeffamu babal'isuun, ''shororkeessitoota adamsuun fuulaa fi fuulatti haleellaa raawwanna,'' jechuun loltoota isaaniitti himan.

Dhukaasa dhaabuu torbee tokkoof ture booda Israa'el Jimaata darberraa eegaltee haleellaa hamaa itti fufteetti.

Jiraattonni Kaan Yuunis erga waraanni eegalee haleellaa suukanneessaa akkasii arganii akka hin beekne ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukaasa dhaabuu torban tokkoof tureen namoonni Hamaas namoota butee ture keessaa 110 yoo gadhiisu, bakkasaa Israa'el lammiilee Filisxeem 240 ta'an mana hidhaatii gadhiisteetti.

Dilbata kaleessaa Israa'el lammiileen Filisxeem magaalaa Kibba Gaazaatti argamtu, Kaan Yuunis, hatattamaan akka gadhiisan akeekkachiiteetti.

Qondaaltonni Israa'el miseensonni Hamaas hedduun Kibba Gaazaa qubatanii jiru jedhanii waan amananiif bakka kana irratti xiyyeeffatan.

Iddoo kana garuu uumata Gaazaa irraa baqate kumaatamaan lakkaa'amutu jiraata.

Aanga'aan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waan hospitaala keessatti arganiin guddoo rifachuu fi wanti akkasii mudatee akka hin beeknes ibsaniiru.

Hoogganaan Unicef Jeemsi Eelder ''Hospitaalli Naasir dirree waraanaa ta'eera,'' jechuun wan bakka kanatti mudataa jiruun guddoo yaadda'uu ibsan.

''Dhiheenya hospitaalichaatti dhukaasi gurguddaa fi dhohiinsi boombii adda citee hin beeku. Ijoollee fi dubartoonni miidhamanii hospitaala seenan heddummaataniiru. Keessattuu ijoolleen mataansaanii miidhamee dhufan hedduudha.''

Ministirri Fayyaa Hamaasiin hoogganamu akka jedhutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu xumuramuu booda waraana bifa haaraa eegaleen hanga ammaatti namoonni 500 caalan ajjeefamaniiru.

Erga waraanni kun Onkoloolessa 07, 2023 eegalee ammoo lammiileen Filisxeem 15,500 caalan dhumaniiru.

Hospitaalli Naasir adda waraanaa fakkaata- UN

Madda suuraa, Reuters

Erga waraanni eegalee gama Israa'eliin namoonni ajjeefaman 1,200 yoo ta'an kanneen Hamaasiin butaman ammoo 240.

Israa'el namoota kunneen hunda Hamaas harkaa baasuuf dhukaasi akka dhaabbatuuf adeemsa eegalame kan faallesse Hamaas jechuun himatti.

Hamaas ammoo osoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra jiruu kan haleellaa qilleensaa eegale Israa'el jechuun himata.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaanayaahuu, ''hanga Hamaas lafarraa dhumuun lammiileen butaman hundi bilisa ba'anitti waraana akka itti fufan,'' ibsaniiru.

Waraana kanaan hanga ammaa lammiileen Filisxeem miiliyoona 1.8 ta'an qe'eesaaniirraa baqachuu UN ibseera.

UN akkaataa uummati Gaazaa itti qe'eesaarraa buqqa'aa jiru wayita ibsu, yeroo ammaa namoota shan keessaa afur biyyasaaniirraa baqataniiru jedhe.

Haala kanaan uummata miiliyoona 2.2 keessaa miiliyoona 1.8 kan ta'an qe'eesaaniirraa baqataniiru.

Uummanni Gaazaa miiliyoonaan lakkaa'amu kaabarraa gara kibbaatti baqatee kan jiru yoo ta'u, ammas bakka itti baqatanii jiranitti loltoonni Israa'el haleellaa eegaluutti baayyee yaadda'uu qondaalli mirga namoomaa UN Filippoo Giraandii BBCtti himan.

Israa'el garuu xiyyeeffannaanshee bakka Hamaas qubatee jirurratti ta'uu ibsiti. Erga waraanni kun eegalee iddoo Hamaas qubatee jiru 800 keessaa 500 barbadeessuu ibsa waraanni Israa'el.

Garee shororkeessaa ittiin jedhu kanarratti hanga yoonaa haleellaawwan kuma 10 raawwachuus ibseera.