Namoonni ''du'aa dammaqan" maal argine jedhu?

Dubartii ifa keessa dhaabbattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Namoonni ''erga du'an'' jedhamanii booda dammaqan battala qaamnisaanii hojii dhaabetti waan arganiifi dhagahan ''ifa simboo qabu addunyaa kanarratti arganii hin beekneefi waan hafuuraa,'' akka tahetti dubbatu.

Muuxannoo qaama ykn foon isaaniin alatti raawwate akka taheefi ''jireenya isaaniis duubatti deebisanii akka argan,'' himu.

Muuxannoowwan akkasii kunneen yeroo baayyee abjuu fi sammuun du'aa jiru waan fakkeessu dha jedhamee yaadama ture. Wiirtuu qorannnoo fayyaa Ameerikaa NYU Langone Health keessatti qorataa kan tahan Dr Saam Paarniyaa, ''namoota du'aa dammaqan kunneen maaltu akka mudatu ibsuun ni danda'ama,'' jedhu.

Gireeg Koowaalewiskii nama ''du'aa dammaqe'' maaltu akka isa mudate hima.

''Ispoortii hookii taphataa turre, achii hafuura baafachuu dadhabeen qoma koorra dhukkubbiin natti dhagahama ture,''

Akka Gireeg jedhutti qaamnisaa waan dhukkubsatu itti fakkaatee ture.

''Itti aanee waanin yaadadhu yeroon xiyyaara qullaa namni keessa hin jirre keessa seenu dha. Achii keessa deemee roga barcuma irran taa'un argadhe, fooddaa yeroon banu allisaa aduu qaba. Battala sanatti nagaa natti dhagahame ibsuu hin danda'u. Lafa tasgabbii akkasii qabu takkaa argee hin beeku.

Reechel Fiinch illee akkasuma nama ''du'aa dammaqe'' dha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Yeroon waggaa 20 ture mucaa koo jalqabaa da'uuf hospitaala gale. Yaaliirratti dhiigni baayyeen na dhangala'e. Ilkaan koofi mangaagaan wal rigaa fi hollachaa ture.

Du'aa akkan jiru natti dhagahamee ture. Yaaddoo fi sodaa waan jedhamu hundi qalbii koo keessaa ni bade. Waan bareedaa fi nama ho'isu wayiitu natti dhagahama ture. Qaama koo dhiiseen gara samiittin saffisa ajaa'ibaan furguggifame,'' jetti

Reechal battala jirenyashee mara of fuulfuratti akka argaa turtes ni dubbatti.

''Dhalachuu hanga du'a kootti jireenyan jiraadhe argaan ture qofa osoo hin taane irra deebiin jiraachaa ture.''

Itti fufuunis gara fuulduraatti furguggifamaa akka turte himti.

''Ifa xiqqoo wayiin fagoorraa argaa ture, ifti kuni guddachaa dhufee dhumarratti ifa sana keessatti akkan dhuka'e natti dhagahame,'' jetti.

Waan yeroos argite jireenyashee maratti akka ishee wajjin jiraatu dubbatti.

Gireeg yeroo xiyyaara sana keessa gale hiriyyaansaa akka wajjin dhufe arguu hima.

''Gurbaan kuni balalii kanarra ta'uu hin qabdu ture. Na faana koottu jennaan isan hordofe deeme, '' jedha

Yeroo hiriyyaasaa wajjin xiyyaara sanarraa bu'anis gara qalbiisaatti deebi'uu himata.

''Hiriyyaan ani arge dhahannaa onneekoo deebisuuf laphee koo dhiibaa ture,'' jedha.

Reechelis yeroo ifa sana keessa galte, ''deebitee deemuu barbaaddaa'' jedhamuun gaafatamuu yaadatti.

Deebitee deemuu akka hin barbaanne yeroo himattu,''daa'imman daheefi gara fuulduraatti waan jireenyakoo keessatti tahu arge,'' jetti.

''Nan maraadhe moo? Maali waan tahaa jiru jedheen of gaafadha ture,'' jetti.

Waan namoonni kunneen argan abjuu miti

Yeroo baayyee muuxannoon kuni waan sammuun keenyi kan du'e itti fakkaatee nutti agarsiisu dha jedhameetu yaaadama.

Dr Saam fa'i garee qorattootaa waliin tahuun sammuu namoota yeroo onneen isaanii sirnaan hojjechuu didee yaaliin ''cardiopulmonary resuscitation'' kennameefi qoratan.

Akka hakiimni kuni jedhanitti waan namoonni ''du'aa dammaqan'' yeroo du'anitti argan ''abjuu ykn suuraa wayii miti,'' jedhu.

Onneen namaa erga hojii dhaabee sa'atii tokkoo boodallee, ''sochii dambalii sammuu sirrii(nama nagaa fakkaatantu) mul'ata,'' jedhan.

Namoonni yeroo muuxannoo kana keessa darban maaliif jireenyasaanii durii akka argan yeroo ibsanii Dr Saam, ''jireenya keenya guyyuu keessatti fakkeenyaaf irbaata qopheessuu, hojii deemuufi kaan yeroo yaadnu odeeffannoon sammuu keenyatti waan baayyatuuf sammuun odeeffannoo gariin akka hin qalbeffanne gochuun boqonnaa nuu kenna."

''Yeroo oksijiniin gara sammuutti geejjibuun dhaabbatu, sammuun hojiisaa isa idilee dhaaba, odeeffannoo dhufu hin calalu kanaaf odeeffannoo jireenya keenyatti tahe hunda akka hubannu taha'' jedhu.

Namoonni ''du'aa dammaqan,'' yeroo muuxannoo kana keessa darban miiraafi yaada jireenya isaanii hunda qalbeeffachuu danda'u.

Namoonni ''du'aa dammaqan'' akkamiin yaadatu?

Reechel gara qaamasheetti gaafa deebitu miirri ''mukaa'uu guddaa'' akka itti dhagahameefi kun waggootaaf akka itti fufe dubbatti.

Waan kun sanyiifi biyya otoo hin qoodiin namoota hedduu akka mudatu gaafan baru nan bayyanadhe jette.

Gireegis akkasuma,''afaan du'aa irraa sekandiifan gara jireenyatti as deebi'e.'' jedha.

Yeroo onneensaa hojii dhaabdee hanga bayyannatutti rukuttaa onnee iskiriin irratti mul'ataa ture suuraa fudhachuun harkasaa irratti tumateera.

''Tumaan kuni waan narra gahe akka na yaadachiisuuf tumadhe. Haala jireenyaa kam keessattiyyuu yoo jiraatte tarkaanfii tokko gara duubaa jettee yaadi. Waan biyya lafaa bu'aa hin baasu," jedha.

"Bor ni deemta, battala jireenyakee mara sirnaan jiraadhu.''