Erga waraanni eegalee haleellaa hamaan Israa'eliin irratti raawwatamuu jiraattonni Kibba Gaazaa himan

Lammiileen Filisxeem haleellaa Israa'eliin miidhaman gara mana yaalaa Naasir, Kaan Yuunis keessatti argamutti geeffaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Filisxeem haleellaa Israa'eliin miidhaman gara mana yaalaa Naasir, Kaan Yuunis keessatti argamutti geeffaman
Maxxanfame

Israa'el haleellaa cimaa Kibba Gaazaa, Kaan Yuunis irratti heddumminaan raawwatte, haleellaan kun erga waraanni eegalee isa hamaadha jedhan jiraattonni.

Namoonni baha magaalattii keessa jiraatan iddoosaanii gadhiisanii gara kibbaatti akka socho'an humni waraanaa Israa'el akeekkachiiseera.

Israa'el iddoon kun bakka hidhattoonni Hamaas buufatanii jiran jetteetu irratti xiyyeeffatte, fulaa kana garuu lammiilee Kaaba Gaazaa irraa gara kibbaatti godaanantu baayyinaan keessa jiraatu.

Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu xumuramee booda haleellaa bifa haaraan eegale kanaan, lammiileen Filisxeem 190 caalan ajjeefamaniiru jedhe ministeerri fayyaa Hamaasiin hoogganamu.

Israa'el Jimaata darbe ture, waraana Onkoloolessa 7 eegale bifa haaraan cimsitee kan itti fufte. Waraana kanaan hanga yoonaa Israa'el irraa namoonni 1,200 du'aniiru.

Gama Gaazaatiin ammoo lakkoofsi namoota du'anii 15,200 caaleera jedha ministeerri fayyaa Hamaas hoogganu.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Jimaata darbe akkuma xumurameen Israa'el haleellaa eegalte, guyyaa sana iddoowwan Hamaas buufatee jira jettee shakkitu 400 ol haleeluu himte.

Gama Gaazaatiinis rookeetiiwwan gara Israa'elitti dhuka'an heddummaataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sambata kaleessaa gara galgalaa rookeetiin magaalaa Teel Aviiv fi giddugaleessa Israa'el irratti qiyyaafate Gaazaarraa dhukaafameera.

Yerooma kanatti Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu ibsa kennaniin ''hanga galma hunda milkeessanitti'' waraana eegalan cimsanii akka itti fufan mirkaneessan.

Galmisaanii xumuraa Hamaas lafarraa balleessuu fi namoota butaman bilisa baasuu akka ta'es ibsan.

Waraanni hamaan akka isaan eeggatus dubbatan bulchaan Israa'el kun.

Kaan Yuunis fi magaalaan daangaa Masirii irratti argamtu Raafaa iddoowwan haleellaa qilleensaa Israa'eliin akka malee miidhamaniidha.

Haala kanaan oppireeshiniin Israa'el itti aanu gara Kibba Gaazaatti deebi'uu isaati.

Lammiileen Filisxeem kuma dhibbaan lakkaa'aman Kaaba Gaazaarraa baqatanii addana qubatanii jiru.

Erga waraanni eegalee xiyyeeffannaan haleellaa Israa'el Kaaba Gaazaa ture, amma ammoo loltoonni gara kibbaattis fuula deebifataniiru.

Lammiileen Filisxeem kutaalee Kibba Gaazaa keessa jiran, baha magaalaa Kaan Yuunis keessaa ammas garuma kibbaatti akka siqan ajajaniiru.

Waraanni lafoo waan gaggeeffamuuf akka gara kibbaa (magaalaa Raafaa) sochootan jechuun akeekkachiisan.

Hospitaalonni leecalloo muraasaan namoota miidhaman wal'aanuuf ijibbaatan, madoo kumaatamaan dhiphataniiru.

Hospitaala Kaan Yuunis keessatti argamu Naasir keessa namoonni madaa'an hedduun lafarra ciisanii wal'aansa eeggatu.

''Halkan rifaatuu, halkan suukanneessaa,'' jette haati ijoollee afur waliin hospitaalatti dhiphataa jirtu Samiiraan.

''Ergan as dhufee torban ja'a keessatti dhiphuu fi gidiraa akkasii dabarsee hin beeku. Hospitaala Kaan Yuunis kanattillee nutti seenanii nu fixu jennee sodaanna,'' jechuun haala hammaataa keessa jiraachuu himte.

Dubbi himaan Unicef Jeemsi Eelder, kan amma Kaan Yuunis keessa jiru, haleellaan bifa haaraan eegale namoota hedduu miidheera, hospitaalli madoodhaan guuteera jechuun BBCtti hime.

''Lafti hundinuu dhiiga ta'eera. Haadholiin daa'imman du'uu fi jiraachuunsaanii hin beekamne baadhatanii fala dhabanii taa'u,'' jedha qondaalli Unicef kun.

Waldaan Addeessa Diimaa Filisxeem konkolaataawwan deeggarsa fe'an 100 ta'an Sambata kaleessaa karaa Masirii irraan Gaazaa seenuu danda'aniiru jedhe.

Jimaata garuu deeggarsi tokkollee hin seenin oole.

Dhukaasa dhaabuun itti fufee namoonni Onkoloolessa 7 butaman akka gadhiifamaniif mariin jaarsummaa Qaataariin gaggeeffamaa ture fashalaa'eera.

Qondaaltonni Filisxeem waa'ee marii deemaa turee quba qaban, mariin kun guutummaatti adda citeera jechuun BBCtti himan. Homaa faara kan hin qabnee fi waliigalteerra ga'amuu kan hin dandeenye ta'uu ibsan.

Israa'el Sambata kaleessaa bakka bu'aashee jaarmiyaa basaasaa Mosaad irraa ta'e marii Qaataar keessatti gaggeeffamaa ture keessaa baaste.

Qondaali siyaasaa Hamaas Saalii al-Aruurii ''ammatti mariin homaatuu hin jiru,'' jechuun Al Jazeera'tti hime.

Hanga waraanichi xumuramuttis Israa'el waliin hidhamtoota waljijjiiruun hin jiraatu jedhe qondaalli Hamaas kun.