Ispoortessitoonni ijaarsa qaamaa (body builders) maaliif dargaggummaatti du'u?

Lammiin Biraaziil Mayilsan Arawujoo Ji'a Adoolessaa darbe boca qaamaa isaa mana jiimii keessatti suura ka'ee maxxanse. Ogeessa ijaarsa qaamaa Piroofeeshinaalaa fi hordoftoota Kumaatamaan lakkaa'aman akka argatu kan isa godhe ijaarsa qaama isaa kana.
Tiishartii diimaa uffatee ture. suuricharratti irreewwan ispoortiidhaan nibahu jedhamanii hin yaadamne baasee mul'ata. Guddinni irree isaarraa taatoo fiilmiirraa cimina agarsiisu fakkaata.
Sa'aatiiwwan murasa booda garuu ispoortessaan kuni kutaa bulchiinsa Bahiyaa jedhamtu mana isaatti dhukkubbiin itti dhagahamee booda lubbuun isaa darbe.
Arawujaan sababa maaliitiin lubbuun isaa akka darbe hanga ammaa beekamu baatus ispoortesitoota ijaarsa qaamaa tasa lubbuu dhaban keessaa tokko ta'e.
Ji'a caamsaa darbes Biraaziil keessatti ispoortessaan ijaarsa qaamaa beekamaan Gabri'eel Ganleey dhukkubbii onnee tasaatiin umriisaa 22tti du'e.
Waggaa darbe keessas ispoortesitoonni ijaarsa qaamaa lama kan umrii ganna 30 fi 40 ta'an dhukkuba onnee dhukkubsatanii lubbuun isaanii darbe. Tokko inuma kan du'e osoo dorgommii boca qaamaa irra jiruuyi.
Kutaalee addunyaa adda addaa keessattis du'aatiiwwan tasaa akkanaa mudataniiru. A.L.A bara 2017 umrii ganna 26tti kan du'e lammiin Ameerikaa Daalaas Makikarver, bara 2023 kan umrii ganna 30tti du'e lammiin Jarman Joo Lindiner keessatti argamu.
Jabinaa fi boca qaamaa bareedaa kan qaban ispoortesitooonni ijaarsa qaamaa tasa kan du'an maalifi?

Madda suuraa, Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Qorannoon bara 2025 bahe tokko dorgommi boca qaamaatiif ijaarsi qaamaa taasifamu miidhaawwan hordofsiisu ifa godhee ture.
Qorattoonni qorannoo kana taasisan waajjiraaleen Ispoortii mootummaa dorgommiiwwan bara 2005 hanga 2020 ispoortesitoonni reefu jalqabanii fi piroofeeshinala ta'an irratti hirmaatan irratti hordoffii taasisan.
Qorannoon 'Europian Art Journal' irratti maxxane kuni carraan ispoortesitoonni piroofeeshinaala ta'an dhibee onneetiin du'uu kanneen reefu jalqaban waliin yoo walbira qabamee ilaalamu dacha shaniin caala.
Ispoortresitoonni kunneen tasa onneen isaanii rukuttaa dhaabuudhan carraa du'a tasaatiif saaxilamuu qabu.
Dargaggoonni fi namootni fayya qabeessa ta'an carraan dhibee onneetin du'uu isaanii gadi aanaadha. Balaan akkanaa yeroo hedduu kan mudatu kanneen rakkoo fayyaa dabalataa qaban irratti.
Qorannoon kuni taateewwan du'aa qorannoo irratti taasise 121 keessaa 46 kan du'an dhibee onnee tasaatiin ta'uu adda baase.
Rakkoo fayyaa akkanaatiin kanneen du'an umriin isaanii giddugaleessaan 45. Atileetota dorgommii boca qaamaa irratti hirmaataniif garuu umriin giddugaleessaa 34.7tti gadi bu'a.
yunvarsiitii Biyya Xaaliyaanii, Paadoovaatti qorataa kan ta'an Dr. maarkoo Vekiyaatoo barreessaa olaanaa qorannoo kanaati. Akka isaan jedhanitti, du'a ispoortesitoota Ijaarsa qaamaatiif sababa wantoonni ta'an hedduutu jira.
Isaan keessaa qorichoota dandeettii sochii qaamaa dabalan baayinaan fayyadamuu, dorgommiif jecha saffisaan ulfaatina qaamaa hir'isuu fi shaakala humnaa olii taasisuudha.
Qorannoon qorattoota Deenmaarkiin hojjetame ammoo dargaggoota qoricha ijaarsa qaamaatiif gargaaru, Anaaboolik Isteerooyidii fayyadaman 1,189 irrattii hordoffii godhe.
Waggoota 11f haala fayyaa ispoortesitoota kanaa kan namoota idilee kuma 60 ta'anii waliin walbira qabuun qoratan.
Bu'aan qorannoo kanaa akka mul'iutti, fayyadamtoonni qoricha Isterooyidii dhukkuba irree onnee dadhabsiisu 'Kardiyomayopatii' dhaaf carraan saaxilamuu isaanii harka sagaliin dabala. Carraan dadhabuu onneetiif saaxilamuu ammoo harka sadiin dabala.
Kana malees hir'achaa dhufuu hammeentaa ispermii fi qunnamtii saalaa gochuu dadhabuufaaf isaan saaxiluu danda'a.

Madda suuraa, Maddie Meyer/Getty Images
Kanaan dabalatatti qoricha kana fayyadamuun dhiibbaa dhiigaaf, ujummoo dhiigaa keessa coomni akka kuufamu gochuu fi ijaarsuma onnee irrattuu jijjiiramni akka uumamu gochuuf saaxila.
Qorattoonni dhimma kana qoratanii maxxansiisan gabaasota reeffa Ispoortesitoota ijaarsa qaamaa irratti barraa'anis gamagamaniiru.
Kanneen du'an irra hedduun onneen isaanii akka malee guddatee argame. Kana malees kutaan onnee dhiiga rabsu furdatee argame. Kuni ammoo rukuttaan onnee sirnaan akka hin raawwatamnee fi dadhabuu onneetif carraa saaxilamuu dabala.
Qorannooleen kunneen akka mul'isanitti, ispoortesitootni ijaarsa qaamaa lubbuun isaanii darbe muraasni qoricha Anaaboolikii kana karaa sirrii hin taaneen fayyadamaa turan.
Ogeessi Ijaarsa qaamaa Ameerikaa, Daalaas Makarvar umrii isaa waggaa 26tti lubbuun isaa yeroo darbe onneen isaa haalan guddatee ture. qorannoo reeffaa taasifameen onneen isaa ulfaatina giraama 833 ta'e.
Ulfaatinni kuni ammoo ulfaatina onnee namni fayyaan umrii isaa irra jiru qabaachuu malurraa dacha lamaan kan caaludha.
Ogeessa fayyaa Hormoonii fi Ispoortii kan ta'an Dr. Kileeyitan Masedoo Onneenis akkuma warra kaaniin irreedha jedhu.
"Yeroo hunda akkuman dubbadhu nama tokko irree harka isaa ilaalee hammi onnee isaa hangam akka ta'e tilmaamuu nan danda'a. sababni isaas onneenis irreewwan kaan faana guddata" jedhu.
Ispoortesitoonni Isterooyidii osoo hin fayyadamin ulfaatina kaasuun karaa onnee irratti miidhaa hin uumneen onneen isaanii karaa fayya qabeessa ta'een akka guddatu gochuu danda'u.
Isterooyidii fayyadamanii ulfaatina guddaa ta'e kaasuuf yeroo Yaalan garuu ulfaatinni onnee dabaluudhaan alatti, onneen dandeettii suntuuree diriiruu isaa akka dhabu godha.
Kuni ammoo dadhabuu onnee hordofsiisa. Adeemsa keessa ammoo bakka turetti deebi'uu akka dahabu godha.
Yeroo tokko tokko ammoo guddachuun onnee sanyiidhaan kan dhufu ta'uu mala.
Karaa naga qabeessi Isterooyidii itti fayyadaman hin jiru

Madda suuraa, Rodrigo Góes
Ispoortessaa ijaarsa qaamaa ganna 30 kan ta'e Rodrigoo Go'ees, hordoffii yaalaa jalatti qoricha isterooyidii fayyadamuu eegaluun dura dorgommii irratti kan hirmaatu bocuma uumamaa isaatiin akka ture BBCtti hime.
Isterooyidiin kan fudhatamu marsaadhaani. Marsaan kuni Isterooyidii fudhatanii hanga inni keessa turu kan ibsudha. Marsaa tokko erga fudhataniin booda qaamni isaanii akka bayyanatuuf qorichicha fudhachuu nidhaabu.
"Jijjiiramni qaama irratti fidu waan ajaa'ibaati" jedha Go'ees.
"Qaamnikee karaa uumamaatiin kan guddistu caalaa dafee guddata. Nama cooma hin qabne taata. Irreewwanis dafanii guddatu. Kanaafi daran waan nama hawwisiisu kan ta'e" jedha.
Go'ees qoricha kana hordoffii fayyaa jala ta'ee kan fudhatu ta'ulleen miidhaawwan cinaa akka rifeensi bubuqqa'uu, dhiphina, Hirriiba dhabuu fi halkan akka malee nama dafqisiisuufaa akka qabu hima.
Hunda kan caalu garuu dhiibbaa xiinsamuu inni namarraan gahudha jedha Go'ees.
"Adeemsi Lilmoo dirachuu yeroo kamuu natti tolee hin beeku. Suusii qaama hadoochu wayiitin waanan qabame wayiitu natti dhagahama. Kana jechuu hin danda'u garuu, waan dogogora ta'e tokko raawwachaa akkan jirutu natti dhagahama" jedha.
Go'ees yeroo ammmaa kana duula Isterooyidii seeran ala fayyadamuu balaaleffatu gaggeessaa jira.
"Anabolik Isterooyidii karaa naga qabeessi ittiin fayyadaman hin jiru. hakiimonni wanni gochuu danda'an miidhaa isaa xiqqeessuu qofa. Miidhaan isaa guutumatti hin hafu" jedha.

Madda suuraa, Rodrigo Góes
Irree nama tokkoo ilaalee beekuu nan danda'a
Dhimmi tokkichi miidhaawwan Isterooyidiin fidu adda baasanii teesisuu irratti gufuu ta'e biyyootni hedduun du'aatiiwwan Isterooyidiin walqabatanii mudatan adda baasanii galmeessuu dhabuudha.
Biraazil keessatti du'aatii qoricha kanaatiin walqabatee gahe kan agarsiisu ragaan ifa ta'e hin jiru. biyyootni biroo hedduunis Isterooyidii akka ka'umsa du'aatii ta'etti hin galmeessine.
Yeroo hedduu du'aatiiwwan akkanaa kan galmaa'an dadhabuu onnee fi Istirookii kan jedhuuni. Miidhaawwan fayyaa kana duuba kan jiru, qorichi ijaarsa qaamaatiif oolu kuni nidagatama.
Ogeessonni fayyaa akka jedhanitti, Anaboolik Isterooyidiin hormoonota qaamni uumamaan omishu faana waan walfakkaatuuf qorannoo du'aatii boada taasifamuun adda baasuun rakkisaa ta'a.
Sababoota kanaani lakkoofsa sirrii Ispoortesitoota sababa qoricha ijaarsa qaamaatiif oolu kanaa du'anii hangami kan jedhu beekuun rakkisaa kan ta'u.
Dr. Kileeyitan Masedoon akkas jedhu,"Irree harka fuulduraa nama tokkoo ilaalee beekuu nan danda'a. irreewwan gurguddaa sana yeroon ilaalu yeroo baayyee onneen isaa dadhabuu yookan dadhabaa jiraachuu nan hubadha. Rakkinni kan dhufu boodarra".
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)