KALLATTIIN, Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii waliin irra ga'ame mana mareef dhiheesse

Bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee dhimma nukilaraa Sa'uudii Arabiyaa waliin irra ga'amee ture kongiresii Ameerikaaf dhiheesseera. Waliigalteen kun hojiirra ooluu dura gamaggamaaf Kongiresiitti dhihaachuu qaba.

Guduunfaa

  • Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii waliin irra ga'ame mana mareef dhiheesse
  • Neppaalitti balaa lolaa mudateen hanga amaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan
  • Lammiileen alaa balaa kanaan dhabaman 800 ta'u
  • Balaan kun kan uumame lolaa hamaan laga Himaaliyaatti yaa'uun erga lagicha garmalee guutee dambali'eeti
  • Lagichi yaa'a isaa keessaa bakkee ba'uun magaalotaa fi gaarreen liqimseera, laaqiin lagichi uume balaa guddaa qaqqabsiise
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyoonni lixaa adeemsa marii nagaa Kaaba Itoophiyaa akka tumsan ibsan

    Alaabaa TPLF adda babayii marsee jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyootni miseensa gamtaa Awurooppaa 22 akkasumas imbaasiiwwan UK, Noorweeyii fi Kaanaadaa, jaarsummaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF) gidduutti Gamtaan Afrikaa (AU) taasisaa jiru akka deeggaran ibsan.

    Biyootni kunneen naannoo Tigraayi kan gogiinsa hamaadhaan miidhametti lolli ka'uun uummata Kaaba Itoophiyaatiif 'hamaa' akka ta'u akeekkachiisan.

    Dipilomaatonni biyyoota kunneenii Itoophiyaatti argaman kana kan jedhan Roobii darbe ibsa waloo baasaniini.

    Biyyoota Awurooppaa ibsa kanarratti hirmaatan keessaa Faransaayi, Xaaliyaanii, Jarmanii, Beeljiyeemii fi Ispeen keessatti argamu.

    Biyyootni kunneen haala kaabaa Itoophiyaa 'yaaaddoo guddaadhaan' hordofaa akka jiran ibsan.

  2. Pirezidant Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Kongiresiif dhiheesse

    Ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman fi Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Arabiyaa waliin irra ga'anii turan Kongiresiif dhiheesseera.

    Waliigalteen kun Kongiresiitti dhihaachuunsaa dhimmi kun Seera Anniisaa Atoomawaa Ameerikaan akka gamaaggamni irratti eegalamu taasisa.

    Biyyoonni lameen wayita waliigaltee kana mallatteessan sagantaan nukilaraa irratti waliigalan kun kan ''tajaajila anniisaa uummataaf kennu'' ta'uu ibsaniiru.

    Haata'u malee wayita Ameerikaan sababa nukilaraa Iraan waliin waraanatti jirtutti waliigalteen nukilaraa ajandaa ta'ee dhihaachuun mataansaa ''miira dorgommii meeshaalee waraanaa nukilaraa kakaasa'' jechuun kanneen waliigaltee kana qeeqan jiru.

    Waliigalteen US fi Sa'uudii kun Adoolessa 22 mallattaa'us, Kongiresiitti erga dhihaatee booda raggaasifamuu qaba.

    Kanaafuu qaamni dhimma kana harkaa qabu- Dippaartimantiin Anniisaa US, waliigaltee kanatti sagaleen akka kennamuuf Kongiresiitti dhiheessa.

    Akkaataa seera Anniisaa Atoomawaa 1946 tumameen waliigalteen akkanaa erga Kongiresiitti dabarfamee booda ji'a sadi keessatti ragga'uu qaba.

    Kongiresiin waliigaltee kana kuffisuus raggaasisuus danda'a.

    Dhimmi waliigaltee nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa bara bulchiinsa Tiraamp kana kan eegale osoo hin taane, bara bulchiinsa Pirezidantota duraaniis tureera.

    Waa'ee waliigaltee kanaa guutummaatti hubachuuf:

  3. Balaa lolaa Neppaal irratti odeeffannoo hanga ammaa jiru

    Balaa lolaa

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaatti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kumaatamni dhabamaniiru.

    Lagi Himaaliyaa bakkee keessa dambali'uun balaa mudate kana hordofee hojiin lubbuu baraaruu bal'inaan hojjetamaa jira.

    Balaan kun Neppaal fi Tibet keessatti sigiga lafaa uumeera. Laaqiin ykn dhoqqeen mudates uummata balaaf saaxileera.

    Balaa kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 165 du'uu Dhaabbati To'annoo fi Ittisa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Neppaal ibseera.

    Tuuristoota 800 dabalatee namoonni 1,500 ta'an dhabamuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Humni waraanaa Neppaal loltoota 2,000 hojii lubbuu baraaruuf bobbaaseera.

  4. Balaa lolaa Neppaaliin hanga ammaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan

    Balaa lolaa Neppaal

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaa keessatti mudateen hanga namoonni 1,500 ta'an dhabamuu fi kanneen keessaa 800 kan ta'an lammiilee alaa ta'uu aanga'oonni ibsaniiru.

    Balaan kun lolaa hamaa mudateen lagi Himaaliyaa guutee dambali'uun kan mudate yoo ta'u, maagalonni fi gaarreen laaqiidhaan liqimfamaniiru.

    Ogeeyyiin balfii fi caccabaan gamoowwanii fi manneenii naannawa laga kanaatti kuufamee jiru ammas balaa biraa uumuu danda'a jechuun akeekkachiisan.

    Ameerikaa, Chaayinaa, Gamtaa Awurooppaa fi Indiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

    Lubbuu baraartonni fi loltoonni Neppaal ujummoo fi bo'oowwan keessaa reenfa namootaa akkasumas namoota lubbuun oolan baasaa jiru.

  5. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Balaan lolaa Neppaal fi Chaayinaa mudate balaa guddaa qaqqabsiiseera.

    Lubbuun namoota hedduus darbeera. Hanga ammaa namoonni 1,500 ta'an dhabamaniiru.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota biroo addunyaa hordofnee isiniif dhiheessina.

    Odeessaalee qixeessine tamsaasa kallattii armaan duraa irraa argachuuf kana fayyadamaa!