Pirez. Afrikaa Kibbaa himannaan malaammaltummaa itti cimuus 'aangoo hin gadhiisan'

Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa dhiibbaa jala seenaniis dubbii himaan isaanii garuu Siriil Ramaaposaan dura taa'aa paartii ANC ta'uf yeroo lammataaf dorgomu jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa dhiibbaa jala seenaniis dubbii himaan isaanii garuu Siriil Ramaaposaan dura taa'aa paartii ANC ta'uf yeroo lammataaf dorgomu jedhan
Maxxanfame

Dhimma maallaqa lafa qonnaa isaanii irraa hatameen wal qabatee dubbii ka’een, Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafosaa aangoo hin gadhiisan jechuun dubbii himaan isaanii himan.

Qeeqi ka’aa jiru maallaqa hedduu lafa qonnaa isaanii keessa dhoksanii akka tureefi sana booda maallaqni kun hatamuu isaa dhoksuu isaanii irratti kan xiyyeeffatedha.

Gartuun oggeessota seeraa dhimma kana irratti pirezdaantichi deebii kennuu akka akka qaban ibsaniiru.

Ta’us garuu dubbii himaan Ramafoosaa dhimma kana irratti aangoo gadhisuurra, itti fufuun marsaa lammaffaaf hoogganaa Paartii Kongirasii Biyyaalessaa Afrikaa ta’uuf akka hojjatan ibsaniiru.

“Pirezidaant Ramafoosaan gabaasa dogoggoraa irratti hunda’uun aangoo hin gadhiisan, duubattis hin jedhan,” jechuun Viinsant Magwenyaa himeera.

“Gabaasa dogoggoraa akkanaa loluun pirezidaantummaa Ramafoosaa irra darbee, heera keenya yeroo dheeraaf tursuu irratti bu’aa qaba,” jedheera.

Dubbiin kun kan ka’e Waxabajjii keessa yeroo hogganaan duraanii basaasa Afrikaa Kibbaa, Artor Fireesar,  pirezdaantichi dolaara miiliyoona afur bara 2020’tti lafa qonna isaanii bakka Fala Falaa keessaa hatame dhoksaniiru jechuun poolisiitti gabaase boodadha.

Ramafoosaan maallaqni jalaa hatamuu amananiiru. Haa ta’u malee, hammi hatame dolaara miiliyoona afur osoo hin taanee doolara 580,000 akka ta’e himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaantichi doolaarri kuma 580 kun kan dhufe gurgurtaa gafarsaa irraa akka ta’e himaniis, gartuun ogeessota seeraa, kan hogganaa duraanii waajjira haqaan durfamu garuu gurgurtaan kun raawwachuu isaa irratti ‘shakkii guddaatu’ jira jedha.

Argannoon gartuu kanaa parlaamaatti kan dhiyaate yoo ta’u, paarlaamaan argannoo kana qoratee ilaaluun pirezdaanticha irratti tarkaanfiin angoorraa kaasuu fudhatamuu qabamoo hin qabu kan jedhu ni murteessa.

Pirezidant Ramafoosaan aangoo akka gadhisaniif paartilee mormituu fi paartii isaanii ANC keessatti morkattoota isaanii kan ta’an irraa dhiibbaan irra ga’aa jira.

Dilbataa fi Wiixata irratti hoggantoota ANC olaanoo waliin wal arguuf jiru jedhamee eegama.

Dhimmi kun Ramafoosaa caalaatti miidhuu danda’a, sababiin isaa malaammaltummaa bulchiinsa Jeekob Zuumaa jalatti hamaattee ture balleessuuf waadaa seenuun aangootti waan ba’aniifidha.

Paartiin ANC deeggartooota Zumaa fi kanneen Ramafoosaa deeggaran jidduutti gargar qoodamee jira.

Aangoo hoggansa ANC Ramafoosaa kan morkatu ministeera fayyaa duraanii kan turan Ziweelii Mikhiize yoo ta’an, isaaniis kana dura malaammaltummaan himatamaniiru.

Ziweeliin garuu himata irratti dhiyaate hunda ni haalu.