Manni murtii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaan hidhaatti akka deebi’u ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii Afrikaa Kibbaa pireezidantiin duraanii biyyattii Jaakoob Zuumaa sababa fayyaatiin wabiin gadhiifamuun isaa 'bu'uura seeraa kan hin qabnedha’ jechuun gara mana hidhaatti akka deebifamuuf ajaje.
Yeroo inni mana hidhaatiin alatti dabarse, murtee hidhaa ji’oota 15 irratti murtaa’ee keessatti akka hin lakkaa’amnes, manni murtii Piriitooriyaa ibseera.
Zuumaan sababa rakkoo fayyaa ifa hin taasifamneen Fulbaana 5 irraa eegalee mana hidhaatii gadhiifame.
Yeroo pireezidantummaa isaatti malaammaltumaa raawwatame ilaalchisee waamicha qorannoof taasifameef irratti argamuu waan dideef ture hidhaan kan irratti murtaa’e.
Maanguddoon ganna 79, erga mormii uummata irraa ka’een Adoleessa keessa harka isaa poolisiif kennus, haala hin yaadamneen hidhamuu isaa booda, hiriirri mormii hokkorraan guutee fi saamichi guddaan ka’ee ture.
Jaakoob Zuumaa wayita aangoorra ture feedhii daldalaaf jecha mootummaan murteewwan gara garaa dabarsaa ture jedhamuun malaammaltummaan kan himatame yoo ta'u, qorannoo dhimmichaarratti yeroo tokko qofa argamuun deebii kenne.
Zuumaan irra daddeebiin miidhamaa shira siyaasaa akka ta’e hima.
Abbootiin taayitaa mana hidhaa, Zuumaan kan hidhaarraa gadhiifame gabaasa fayyaa isaarratti hundaa’uun ta’us, dhibeen isaa maal akka ture ifa hin taasifamne jedha.
Ta’us, erga hidhaa seenee booda, wal’aansa baqaqsanii hodhuu argateera.
Dubbii himaan pireezdaantii duraanii kanaa akka jedhutti, yeroo inni hidhaa keessa turetti “haalli fayyaa isaa hammaateera”.
Abukaatoonni isaas dhibeen Zuumaa akka inni socho’uu hin dandeenye godheeraan jedhanii falmu.
Paartiin mormituu Afrikaa Kibbaa, Dimokraatik Allaayansi jedhamu, kan gadhiifamuu Zumaa irratti adda durummaan falmaa ture, murtee Roobii dabarfame kana simateera.
“Kun olaantummaa seeraa fi qajeelfama walqixxummaaf injifannoodha,” jechuun hogganaan paartichaa Joon Isteenhuyiisen dubbateera.
Manni murti olaanaa Piriitooriyaa murteen hoogganaa tajaajila mana hidhaa Artar Fireesar, kan waahilaa Zuumaa beekamaa ta’een, akka hoogganaan duraanii kun gadhiifamuuf taasise “irra deebiin ilaalamee, kan seeraa hin eegne ta’uun isaa waan beekameef, akka haqamu ta’eera,” jedhe.
Murtee kana mormuun Zuumaan ol iyyannoo ni galcha jedhamee eegama.














