Himannaa heera biyyaa cabsuun egereen Pirezidantii Afrikaa Kibbaa gaaffii keessa seene

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Cecilia Macaulay
- Gahee, BBC News
- Maxxanfame
Gabaasni Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siril Ramafoosaa heera biyyattii cabsuu hin oolle jedhu bahuu hordofee dhiibbaan hammaataa dhufuu irraa kan ka'e egereen Pirezedantichaa shakkii keessa jira.
Siril Ramafoosaan maallaqaa callaa kan hammi isaa guddaa ta'e bakka lafa qonnaa isaanii keessaa hatame dhoksuun himataman, Ramafoosaan garuu haalaniiru.
Jimaata darbe kana paartiin isaanii Afrikaan Naashinaal Kongirees (ANC) muddamaan yaa’ii taa’e, garuu daqiiqaawwan 45 booda addaan cite.
Qondaaltonni paartichaa Sambata kana Ramafoosaa waliin wal arguuf karoorfataniiru jedha Bakka-Bu’aa Barreeessaa paartii ANC kan ta’an Pool Mashatile.
‘’Pirezedantichi walga’iirra hin jiran. Isaan walgahii fi kaaniin qabamanii hafan. Kanaafuu akka keenyaatti pirezedantichaa aangoorra akka bu’uu ykn turu kan jedhu hin kaane," jedhan Aab Mashatile.
Gabaasichi maal jedha?
Taateen kun waan ganna sadiin dura raawwaterratti xiyyeeffata.
Pireezidantichi lafa qonnaa isaaniitti Doolaara Ameerikaa 580,000 ykn isaa ol tahu, keessoo soofaa keessatti dhokatee tureefi saamame dhoksuuf yaalaniiru kan jedhuun himatamu.
Kunammoo maallaqni kun eessaa dhufe kan jedhurratti gaaffii kaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ramafoosaan garuu yakkan dalage homaa hin qabu jedhanii haaluun, maallaqni iddoo lafa qonnaa isaanitti argame jedhame sana gafarsa gurgureen argadhe jedhan.
Taatullee gafarsi Ramafoosaan gurgureera jedhan ammallee iddoo isaan gafarsa itti horsiisan jiru.
Kana malees, Afrikaan Kibbaa maallaqa biyyoota alaa guyyoota 30 fi isaa oliif namoonni akka qabatanii hin turre daangeessitetti.
Gartuun ogeeyyii walabaa himannaa kana paarlaamaa bakka bu'uun erga ilaalaa ture booda, Pirezedantichi tarii seera cabsuun, aangoo isaattis seeran ala gargaarameera jedhan.
Ramafoosaan paartii ANC keessatti deeggartoota muraasa qabaatanillee, namoonni kaan aangoorraa akka bu’an gaafataa jiru.
Taatullee paartichi Ramafoosaa deeggarullee, paarlaamaa biyyattiin aangoorraa buqqifamuu malu.
Paarlaamaan kan aagoorraa buqqisu garuu yoo naamusa dhabuun balleessaa raawwachuun isaa mirkaana’e filannoo gaggeessanii aangoorra buusu.
Paarlaamaan biyyattii Ramafoosaan aangoorra buqqisuuf sagalee harka sadii keessaa lamaan deeggaramuu qaba, garuu yoo paartiin biyyattii bulchaa jiru pirezedantummaarra akka turan eeyyame miseensonni paartii ANC paarlaamaa keessatti sagaleen ni kuffisu.
Himannaan Ramafoosaarratti dhiyaate kun yoo mirkanaa’e, pirezidentichaaf balaa qaba. Sababni isaa Ramafoosaan malaammaltummaa biyyattii keessatti bara Jaakob Zuumaa hammaate furuuf waadaa seenuun ture kan aangootti as bahan.
Miseensota paartii ANC, kanneen Zuumaa fi Ramafoosaa deeggaran gidduutti garaa garteen dhalateera.
Ramafoosaan yoo aangoo gadhiise maaltu ta’a?
Ramafoosaan otoo pirezedantummaarraa hin bu’iin dursa hogganaa paartii ANC irraa bu’u.
Heerri biyyattii yoo pirezedantiin dhukkubsate ykn aangoo gadhiise Pirezedantii ittaanaatu bakka bu’a jedha.
Taatullee, pirezidantii ittaanaan biyyattii Deevid Mabuzaa paarticha keessatti fudhatama guddaa hin qaban. Ammallee malaammaltummaan nama himatamanidha - isaan garuu himannaa irratti dhiyaatu ni haalu.
Kanaafuu paarlaamaa biyyattii keessatti harka caalmaa kan qabu ANC’n, nama bakka Ramafoosaa bu’u filachuuf murteessa.












