Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandii Dasee irraa gara Finfinnee geessurratti maaltu mudate?
Imaltoonni Godinaalee Walloo Kaabaa, Kibbaa fi Waag-Gimraa irraa gara Magaalaa Finfinneetti imalanii fi konkoolaachiftoonni torbanoota muraasaa asi daandiirratti danqamuu dubbatu.
Imaltoonni fi konkolaachiftoonni BBC Amaariffaan dubbise akka jedhaniitti, erga daandii dheeraa imaluun keellaa sakkata’insaa Oromiyaa- Shawaa Kaabaa keessatti argamu qaqabaniin booda qaamoolee nageenyaatiin danqamu.
Konkolaattoonnis imaltoota waliin dhufan qabatanii bakka dhufanitti deebii’uuf dirqamu dubbatu. ‘‘Sababii wayita gaaffannuutti deebiin nuuf kennamu kan gargaraati’’ jedhu.
Sababii kanaatinis namoonni hedduun qormaanni hojii, beelamni wallaansaa fi kkf jala darbu kaasu jedha.
Sakkatta’insi cimaan baatiiwwanii dura eegalee garuu tibbana itti cimuunsaa himame kanaan mormuunis Magaalaa Dabra Birihaaniitti daandiin cufamee ooluu aanga’oonni naannichaa BBCtti himan.
Mootummaan federaalaa garuu erga sanadiiwwan argame booda qaamuma to'annoo nageenyaa cimaa taasifamuutiin kan walqabate akka ta'e hima.
Ittaanaa Ittigaafatamaan Qajeelcha Nageenyaafi Tasgabbii Godina Shawaa Kaabaa Salamoon Altaayyee, keellaawwan Shanoo, Laga Xaafoo fi Alaltuu keessatti argaman irratti humnootiin nageenyaa waraqaa eenyummaa ilaaluun ‘‘namni haaraan’’ ni gala jedhamuun imaltoota rakkinaaf saaxilaa turan jechuutu gabaafame.
Dhimma kaans qaama dhimmisaa ilaalatuutti gabaasa taasisuun naannoleen lamaan akkasumas godinaaleen ollaa waliin dubbachuun furuuf yaaliin taasifamulleen osoo furmaata hin argatiin tureera jedhan.
‘‘Guyyaa tokko nagaa ta’e yoo jedhame, guyyaa biraa yoo raawwatamu argama. Guyyaatti hanga atobisii sadii karaa yeroon itti deebii’an jira. Guyyoota darbaniitti ammo itt cimeera.’’
Haata’u malee erga naannooleen Amaaraa fi Oromiyaa qaama Federaalaa dhimmisaa ilaallatu waliin mari’atanii booda dheengadda halkan sa’aatii 12 irraa kaasee daandii saaqamu ittaanaa itti gaafatamaan kun dubbatan.
Imaltoonni waraqaa Finfinnee hin qabne hin darban jedhamuufi konkolaachiftoonnis badii malee akka adabaman akkasumas kan ‘maaliif?’ jechuun ija jabaate gaafate reebichi akka irra gahu iyyanni isaan bira gahuu himu.
Qondaalli kun kanaafis humnootii addaa naannoo Oromiyaafi milishotaa naannichaa haa himatan malee Mootummaan federaalaa garuu to’annoo keellaa gubbaatti taasifamu kanaaf deebii qaba.
Deetaan Ministira Tajaajila Komunikeshinii Motummaa Federaalaa Salaamaawiiti Kaasaa, dhimma kanarratti deebii kennaniin, naannoo Amaaraa humnootii TPLFn to’atamanii turan keessaa meeshaalee waraqaa eenyummaa hojjachuuf tajaajilan dabalatee sanadiwwan adda addaa to’atamuu kaasun, dhimmichi to’annoo nageenya cimaan kan wal qabatu ta’u dubbatan.
Adeemsa irratti fooyya’insa gochuun akka barbaachisuufi caasaalee nageenyaafi tikaas qulleessuun akka barbaachisu Salaamaawiiti kaasaniiru.
Dhimmicha irratti Ittaanaa Komishinaraa fi Ittigaafatamaa Komunikeshinii Poolisii Oromiyaa akkasumas bulchaa Aanaa Shanoo Qombiibiiti fi aanga’aa komunikeshinii dubbisuuf yaaliin BBCn taasisee hin milkoofne.
Rakkoolee daandii irratti mudatan
Dargaggoo Baakaal Taamiruu torban darbe keessa dorgommii Shaamipiyoonaa Naannoolee Itoophiyaa irratti hirmaachuuf Dasee ka’uun gara Hawaasaatti imalaa ture.
Haata’u malee imalarratti Sandaafaa fi keellaawwan isa darbee jiran irratti waraqaa eenyummaa gaafataa akka turan kaasuun, ‘‘Sandaafaa erga geenyee ammo waraqaa eenyummaa naannoo biraa qabachuuu yoo argan nu buusan,’’ jedha.
‘‘Gara dorgommichaa deemaa kan turre lakkoofsaan gara 25 taana turre. Daraggoonni hin darban nuun jedhan.’’ Akkasumas namoonni umurii garaa garaa garuu kan waraqaa eenyummaa naannoo Amaaraa qaban ilaaluun akka buusan dubbata.
Boodarra bilbilaan erga gara Federeshinii kubbaa miilaatti bilbilameen booda turtii sa’aatii afuriin booda akka darbarfaman hima.
Yeroo sanattis deebii miseensoota nageenyaan kennameef, sababii ‘‘humnootiin Tigraay naannoo Amaaraa Dasee seenanii turaniifi Qobboos buqqaatoonni hedduun waan jiraniif waraqaa eenyummaa Amaaraa jedhu hojjachiifachuun Finfinnee akka hin galleef to’achuuf’’ akka ta’e itti himamu kaasa.
Konkolaachisaan BBCn dubbise fi Finfinnee waajiira mootummaa tokko keessa akka hojjatu hime Mohaammad Sayid, baatii tokko dura wayita hojiif bakka dhaqe Dasee irraa deebii’uutti irra caalaa konkolaataa ummataafi miinii baasiwwan irratti akka xiyyeefatamu taajjabuu dubbata.
Innis bakka keellaatti dargaggoo qormaata hojiitiif Finfinnee dhufaa ture tokko hayyama humnoota nageenyaatiin fedhee fidu hima.
Namoonni waraqaa eenyummaa Finfinnee qabatan ammoo rakkoo tokko malee yoo darban argus himeera.
Bulchaan Dhaabbata Atobisiiwwan ummataa tokko kan ta’an Obbo Kuraabaachoo Taaddasaa gama isaanitiin, erga baatii tokkoon asi konkolaataawwan yeroo garaa garaatti sa’aatii dheeraaf daandii irra akka dhaabbatanii fi daandii guyyaa tokkotti galu qaban Dabra Birihaan irra buluuf dirqamu dubbatu.
Kanaanis imaltoonni baasii hin barbaachifneef saaxiluun alatti dhaabbatichas kisaaraaf saaxileera jedhan.
Sababii kanaatinis namoonni dhimma garaa garaatiif manasaanitii bahan rakkinaaf saaxilamu kaasu.
Haata’u malee haala amma biyyattiin keessatti argamtuun walqabatee daandiichi hordoffiifi to’annoo akka barbaachidu akka amanan kan ibsan Ittaanaan Itti gaafatamaa Qajeelcha nageenyaafi Tasgabbii Shawaa Kaabaa, ta’us adeemsichi haala mirga socha’u lammiilee hin sarbineen ta’u akka qabu dubbatan.
* Namoonni yaadasaanii kennan nagenyasaaniif jecha maqaansaanii geedarameera.