Waa'ee mucaa dubaraa leenjisaa Enerikee xumura Shaampiyoonsi Liigiirratti yaadatamtee

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Leenjisaan Baarselonaa duraanii Luuwiis Eerikeen PSG'n waldhaansoo fi hawwii baroota hedduu booda waancaa Shaampiyosni Liigii akka injifatu gochuun seenaa hojjeteera.

Morkii xumuraa Barliinitti gaggeefame irratti PSG 5-0n Inter Miilaan yoo injifatu, Luwiis Eneriikeen nama hunda caala miira addaan guutame ture.

Keessumaa ammoo wayita deeggartoonni PSG fakkii mucaansaa dubaraa lubbuun hin jirre Saanaa alaabaa PSG uffattee abbaashee wajjin wayita dirree keessa dhaabattu mul'isu agarsiisan.

Saanaan waggaa 10 dura wayita Baarselonaan achuma Muunikitti Juuventasiin injifatee yeroo shanaffaaf shaampiyoonaa Awurooppaa ta'u dirree keessa abbaashee wajjin burraaqaa turte. Yeroos mucaa waggaa jahaa turte. Dirree Muunik keessatti alabaa Baarselonaa wayita dhaabduus mula'attee ture.

Saanaan bara 2019 keessa dhibee kaansarii lafee osteosarcoma jedhamuun qabamtee waldhaansoo ji'oota shanii booda lubbuunshee darbe.

Kaanseriin lafee kun gosa kaansarii namoota hedduurratti hin mula'nneefi waldhaansi isaas walxaxaa ta'eedha.

Luwiis Enerikeen wayita mucaan isaa dubaraa kun kaansariin qabamte reefu leenjisaa garee biyyaalessaa Ispeen ta'a.

Mucaasaa kana waliin ta'uu filatee hojiisaa dursee gadhiise. Du'a ishee booda Eneriikee fi maatiinsaa takkaahuu Saanaa hin daganne. Boodas maqaasheetiin faawundeeshinii hundeessan.

Faawundeeshiniin kun maatii daa'imman isaanii dhibeewwan hamoon miidhaman gargaara.

Enerikeen mucaasaasaa dubaraa dhabuu booda yaada kennee tureen, ''urjii maatii kana gaggeessitu taata'' jechuun ishee yaadateera.

''Baayyee si yaadna. Garuummoo jireenya keenya keessatti guyyaa guyyaan si yaadanna, fuula duratti gaafa tokko deebinee walargina jennee abdanna'' jedhee ture.

Qaaman isaan waliin jiraachuu baattus afuuraan isaan waliin akka jirtu irra deddeebiin dubbata.

Enerikeen waggaa 10 booda xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif garee biraa qabate gara Barliin imale.

Taphni xumuraa wayita gaggeeffamu Eneriikeen tiishartii gurraacha homaa ofirraa hin qabne uffatee ture.

Taphni xumuramee PSGn yeroo duraaf shaampiyoonaa ta'uu booda tiishartii biraa faawundeeshiniin Saanaa qopheesse uffateera. Tisharticha gubbaatti fakkiin suura Saanaa kan waggaa 10 duraarratti Saanaan osoo alaabaa PSG gad-dhaabduu agarsiisutu jira.

Eneriiken tiishartii kana uffatee meedaaliyaafi waancaa sassaabbate.

Boodarrammoo deeggartootni PSG istaadiyoomii keessa turan fakkiidhuma isa fakkaatu guddisanii mul'isan.

Alaabaa deeggartoota isa guddaarratti Eneriikeefi Saanaan alaabaa PSG uffatanii alaabaa biraa wayita dhaaban agarsiisa.

Injifannoo PSG booda yaadannoo mucaasaa kana ilaalchisee kan dubbate Enerikeen ''baayyeen gammade. Baanarii deeggartootaarra maatiin koo jiraachuun miira addaa uuma. Yeroo maraa wayee mucaakoo dubaraa nan yaada'' jedhe.

Enerikeen haadha warraasaa Eleenaa Kuleelaa waliin ijoollee sadii argateera.

Mucaansaa jalqabaa Paachoo Martiineez dargaggeessa ganna 26ti.

Mucaansaa lammataa ammoo Siiraa Maartineez jedhamti.