Dursaan taphattootaa PSG waancaa salphaatti hin dhiifnu jedhe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Morkiin waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galagala har'a Muunikitti PSG fi Inter Milan gidduutti gaggeeffama.

Dursaan PSG tapha galgala kanaa dura Jimaata miidiyaaleef yaada kenneen waancicha salphaatti akka hhin gadhiifne himeera.

Maarkiinhoos tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa irratti mo'amuun maal akka fakkaatu waan beekuuf Muuniikitti Inter Miilaan waliin wayita falman carraan lammata akka isa bahu akka hin hayyamne dubbate.

Taphataa sarara ittisaa Biraazil kun miseensa garee PSG tapha xumuraa bara 2020 Baayermuunikiin mo'ame yoo ta'u, kilabichi Sambata kana waancaa Shaampiyoonsi Liigii jalqabaa kilabichaa injifachuuf waan hunda akka godhu dubbate.

''Bu'aa bayii keessa darbineerra'' kan jedhu Maarkiinihoos, boru hiree bareedaa qabna. Seenaa katabuuf taana. Kuni kilabichaafiis taphattootaafis waan addaati'' jedhe.

Dhuunfaatti morkiin Sambata har'aa kun hiree shaampiyoonsi Liigii injifachuu isa lammataa ta'uu himuun, ''salphaatti(qabsoon malee) hin gadhiisu'' jedheera.

PSGn dorgommiin kun wayita eegale, tapha ramaddii keessaa darbuurratti bitintiraa ture. Taphoota jalqabaa shan keessaa sadii mo'amee tokko mo'ee tokko ammoo qixxee bahe.

Erga gara mo'anii darbuutti ce'ee garuu baayyee cimaa dhufe. Liig 1 osoo taphoonni jaha hafanii mo'ate. Fireenchi kaappis injifateera.

Amma taphattootni PSG bara kana injifannoo seenaa qabeessa kanaan goolabuuf qophaa'aniiru.

Maarkiinhoos ''gahumsa bara jireenya keenyaa hunda boru dirreettiz baafna'' jedhe ibsa jimaata kenneen.

Bara dorgommii kana guutuu bakka amma gahan kanaaf dadhabaa bahanii mo'atamuun ulfaataa akka itti ta'us hime.

''Xumura Shaampiyoonis Liigiif gahuuf waan dandeenyu hunda gochaa baane. Amma yeroo isa ajaa'ibaa bara keenyaati.''

''Geeba injifannee Paarisitti deebi'uu feenas'' jedhe taphataan kun. ''Boru injifachuuf deemna, fudhannee biyyatti deebina.''

Gareen lamaan kun dorgommii guddaarratti yeroo walitti dhufan kun kan jalqabaati.

Kilabootni Faransaayiifi Xaaliyaan yeroo xumura Shaampiyoonsi Liigii irratti walitti dhufan kun kan lammataati.

Amma dura bara 1993 Maarseen Milaaniin 1-0n injifatee waancaa fudhateera. Maarseen injifannoosaa sanaan hanga ammaa garee Faransaay waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifate ta'eera.

PSGn yeroo lammataaf dorgommii kana irratti xumuraaf qaqqabaa jira. Waancicha injifatees hin beeku. Faallaa kanaan Inter amma yeroo 7ffaaf xumuraaf gahuu isaati. Yeroo sadiis waancicha injifateera.