Ameerikaan hojiirra oolmaa qaraxa biyyootarra keesse yeroo biraatti dabarsuufi

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Prezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp hojiirra oolmaa taarifa Ameerikaan meeshaalee biyya alaatii galfamu irra kaa'ame yeroo biraatti dabarsuufi.

Haa ta'uu malee, ammallee biyyoota 14 dabalataaf qaraxa haaraa isaan eeggatu ilaalchisuun xalayaa gibira isaan mudatu bal'inaan ibsu erganiiru.

Fooyya'iinsi kun kan taasifame yeroo hojiirra oolmaan qaraxa haaraa Waayit Haawus guyyoota 90 kennee ture torban kana xumuramuuf jedhutti.

Pirezidaantichi oomishaalee Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa irraa gara biyyattii seenan irratti qaraxi 25% akka kaffalamu ibsuu fi biyyoota 14 irra qaraxa haaraa kaa'uu xalayaa ibsu hoggantoota biyyota adda addaatti qooduunHagayya 1 irraa eegalee gibirri akka kaffalamu akeekkachiisaniiru.

Dhimma qaraxa olaaanaa kana ilaalchisee qondaaltonni Waayit Haawus waliigaltee daldalaa irra ga'uuf akka kaayyeffatan ibsuu hordofee, erga addaan citee booda, Adoolessa 9 irraa eegalee hojiirra oolchuuf beellamamee ture.

Guyyaan xumuraa qaraxni kun hojiirra oolu qabatamaan baatii Hagayya ni raawwataa jedhamanii wayita gaafatamanitti Tiraamp ''jedheen yaada, garuu 100% miti''. Yoo biyyootni mala adda ta'e dhiyeessan, nuti sana fudhanna"jedhan.

Waliigalteewwan daldalaa akkaataa idileen xumuramuudhaaf waggoota waan barbaadaniif yeroo biraatti dheereffamuun kun kan eegamu ta'uu ogeessi dinagdee yuniversiitii Oksifoord Adam Ahmad Samdin BBC'tti himaniiru.

Akkasumas Wixata kaleessaa Tiraamp xalayaa hoggantoota biyyoota 14f ergan miidiyaa hawaasaa irratti qooduun karoora qaraxa isaanii isa haaraa kan ibsan yoo ta'u, dhibbeentaan kun ''walitti dhufeenya biyya keessan waliin qabnu irratti hundaa'uun ol dabaluu ykn gara gadiitti'' fooyya'uu akka danda'u ibsaniiru.

Kun Tiraamp marii daldalaa dabalataaf banaa akka ta'an kan agarsiisan ta'uu ogeessi tarsiimoo invastimantii Vaasu Menon himaniiru.

Akka Menon akka jedhanitti, "Tiraamp doorsisa taarifaa hamaa baasuu dhiisanii tooftaa marii fayyadamaa jiru jedhanii amanuun invastarootaaf abdii tokko tokko kenna."

Tiraamp qaraxa kana hojiirra oolchuu isaanin dhaabbilee Ameerikaa dorgommii idil-addunyaa irraa kan eegu yoo ta'u, omishaa fi hojii biyya keessaa ni guddisa jedhu.

Haa ta'u malee, gochoonni kunneen US keessatti gatiin akka dabalu fi daldalli akka hir'atu taasisaa jechuun ogeeyyiin dinagdee kan akeekkachiisan.

Bara darbe Jaappaan meeshaalee doolaara biiliyoona 148 ol gara Ameerikaatti ergitee, akka ragaan daldalaa Ameerikaa agarsiisutti, Gamtaa Awurooppaa, Meksikoo, Chaayinaa fi Kaanaadaatti aantee madda galtee Ameerikaa 5ffaa irra turtee. Kooriyaan Kibbaas akkasumaa kanneen sadarkaa hanga 10 keessaa jiran keessa turte.

Tiraamp kan kanaan duraa dabalataan biyyoota akka Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan dabalatee, meeshaalee Miyanmaar fi Laa'os irraa galan irratti qaraxa %40, oomishaalee Taayilaandi fi Kaamboodiyaa irraatti %36, Sarbiyaa fi Baanglaadeesh irraatti %35, Indooneezhiyaa irratti %32, Afrikaa Kibbaa irraatti %30, Maaleeziyaa fi Tuunishiyaa irraatti %25 kaa'uuf karoora qabaachuu isaanii wixata kaleessaa beeksisaniiru.

Barreessituun pireesii Waayit Haawus Kaarooliin Liiviit guyyoota itti aanan keessatti xalayaan dabalataa ergamuu akka malu ibsan.

Yeroo dheereffame kanatti fayyadamanii biyyootni marii fi waligaltee daldalaa US waliin gochuu danda'aniif kan carraa banu ta'uu ibameera.