Kilabiin xiqqoo sadarkaa gadiirraa dhufte Liiverpuuliif 'qoricha qotte'

Madda suuraa, Getty Images
Kilaba xiqqoo kilaboota shaampiyoonshiippii Ingiliiz sadarkaa gadii jiran keessaayyu dhumarra jirti. Piliimaawoz jedhamti. 'Kan tuffatantu nama dhaala' jedhama mitiiree.
Kilaba guddicha Ingiliiz Liiverpuul kan yeroo ammaa Piriimer Liigiifi Shaampiyoons Liigii Awurooppaa dursaa jiru tapha FA Cup irratti injifatte kilabni xiqqoon kun.
Arnee Siloot leenjisaa duraanii Liiverpuul Yaargen Kiloop caalaa milkaa'aa jira.
Leenjisaa jabaa jedhamuu qofa osoo hin taane, nama saffisaan baratullee jedhamee jajamaa jira.
Haata'u malee, kaleessa kilaba xiqqoo kanaan tumamee barumsa fudhachuuf dirqameera.
Ammo Liiverpuul drgommii waancaa FA keessaa ari'ameera- kan ari'ame ammoo Piliimaawoziin ta'uu isaatu na ajaa'ibee dhiisuu dide.
Kun garee bicuu kanaaf seenaa injifannoo guddaa ta'ee galmaa'eeraaf.
Liiverpuul bara kana waancaa afur guurrachuuf abbalaa ture. Isaanis, Piriimer Liigii, Shaampiyoons Liigii, Karabaa'oo Kaappiifi FA CUP yoo ta'an, amma FA CUP kana keessaa haqamaniiru.
Kun ammoo kan ta'e dheengadduma dorgommii Karabaa'oo Kaappiirratti Tootenhaamiin mo'anii waancaaf darbuun boodadha.
Arnee Silootiifi Liiverpuul dogoggora hojjetan qabu. Kilaba xiqqoo kana ija tuffiin ilaalani.
Akka tuffatan ammoo ragaan agarsiisu, jaqabarratti taphattoota warra jajjaboo dhiisanii warra eeggattoota ta'an funaananii galchanii waaraa qaanii uffatan.
Piliimaawoz goolii penaaliitiin argatan 1-0n Liiverpuuliin mo'atan.
Miroon Muuslik-Baqattummaarraa hanga leenjisummaatti
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan Piliimaawoz waan hin danda'amne fakkaatu milkeesse Miroon Muuslik jedhama. Itti gaafatamummaa kilaba kana leenjisuu ji'a darbe ture taphataa Ingilaand beekamaa Waayinii Ruunii irraa kan fudhate.
Muuslik daa'ima waggaa sagalii yeroo jiru bara 1992 tue baqattummaatiin Bosiiniyaarraa gara Ingiliiz kan dhufe.
"Nuuf guyyaan kun guyyaa addaati. Taphattoonni akka itti gammadan itti himeera. Amma nuti qaama seenaa [Piliimaawoz] taaneerra," jedhe Muuslik yaada tapha shaampiyoonaa Awurooppaa si'a aufrii kan ta'e Liiverpuuliin irratti mo'atan booda kenneen.
Dhugaadha! Ilmoo baqataa, ji'a dura kilaba kana leenjisuuf itti gaafatamummaa fudhateef kilaba maqaa guddaa qabu kana mo'achuun ergaa guddaa qaba.
Bara 1992 wal waraansa humnoota Serbiyaatiin duramuun akka marfaman kan yaadatu Muusliik, maatii isaa waliin magaalaa Bihaak jedhamtu keessaa baumsa sana halkan osoo meeshaa qabanillee hin fudhatiin akka baqatan hima.
"Halkan keessa Bosiiniyaa magaalaa keenya Bihaak gadhiisuun dirqama keenya ture. Waan fuuluma keenya dura jiru qofa butannee qofa hara qullaa baanee godaanne," jechuun waan yaadatu BBC Sport waliin turtii taasiseen dubbate.
"Sun bakka malli jireenya keenyaa, ykn jireenyi keenya haaraan itti jalqabedha," jedha.

Madda suuraa, Reuters
Liiverpuul boodarra taphattoota isaa ciccimoo galcheera garuu, itti milkaa'uu hin dandeenye.
Daqiiqaa 52ffaa irratti taphataan Liiverpuul harvii Eliyoot kubbaa harkaa tuqee warri Piliimaawoz penaaliitii argatanii lakkoofsifatan.
Isaan booda Liiverpuul goolii lakkoofsisuun lafa qalanis, karaan itti cufamee daqiiqaan obba'e.
Ji'oota sadii keessaa tokko qofaa kan mo'ate Piliimaawoz, amma hamilee jabaa horateera.
Milkaa'ina dhabuu isaatiif Waayinii Ruunii kan ari'e kilabni kun, amma Miroon Muusliik jalatti kilaba guddaa iji addunyaa irra jiru kana mo'achuusaatiin kaka'umsa addaa argateera.
Fuulli gaazexaa ispoortii warra Piliimaawoziin dhuunfatameera.
Uffata magariisa waan uffataniif 'Green Army' ykn [Raayyaa Magariisaa] mata-duree jedhuti kennameeraaf.
Tapha FA CUP biraa kaleessa gaggeeffameen Aston Viilaan Tootenhaamiin 2-1n inifateera.
Kun ammoo dhiibbaan leenjisaa Tootenhaam Postekaaguloo duraaniyyu dhiibbaa jala jiru, daran itti cimseera.
Tootenhaam taphoota darban 14 keessaa sagal mo'ameera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












