Jijjiirraa taphattootaa Amajjiin kilaboota kam fa'aatu milkaa'e?

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiirraan taphattootaa Amajjii kaleessa galgala xumurame.
Arsenaal taphataa sarara duraa hin qabu waan taheef carraa kanatti fayyadamuun taphataa jabaa tokko mallatteessisa jedhamaa ture. Bukaayoo Saakaa fi Gabri'eel Yesuus miidhamaniiru.
Arteettaan taphataa gahumsa guddaa qabuu fi qabxii keenya jijjiiruu danda'u yoo arganne mallatteessifna jedhe. Gabaa kana irratti maqaan Beenjaamiin Seeskoo ka'us RB Leebzhiig hi guruguru jedhe.
Kanaaf Arsenaal dorgommii waancaa nama cimsuuf biraa osoo hin mallatteessisiin hafe.
Kufaatii kan isa mudate Maanchister Siitiin garee isaa haaromsaa jira. Kilabni Piriimeer Liigii gatii guddaa baasee taphattoota mallatteesise tokko Maanchister Siitiidha.
Guyyaa dhumaatti Poortoo irraa Niikoo Gonzaalez kan mallatteesise Maan Siitiin, taphataa kanaaf paawondii miliyoona 50 baase.
Taphataan kun kubba miilaa taphachuu Baarseloonaatti jalqabuun bara 2019 Poortoo seene.
Maanchister Siitiin ji'a Amajjii kanatti taphattoota shan mallatteessisuuf paawondii miliyoona 180 baaseera.
Cheelsii qofatu ji'a Amajjiitti paawondii miliyoona 274 baasuun rikardii qabate.
Omaar Maarmush, Abdukoodir Kushaanoovii fi Reeyis taphattoota jedhamanis mallatteessiseera.
Maanchister Yuunaayitid, Maarkas Raashfoordi ergisaan Astoon Viilaaf, Aantoonii Riyaal Beetisiif kenne.
Sarara duraa irra kan taphatan Jooshoyaa Ziirkizee fi Hooyilaandi galchii hedduu lakkoofsisaa hin jiran.
Taphataa haaraa fiduuf ammoo maallaqa gahaa hin qaban. Seera Piriimeer Liigii cabsuu sodaachuudhaan Alehaandiroo Gaarnachoo fi Koobii Maayinuu fa'aa gurguruuf yaadaa turan.
Taphattoonni lamaan kilabicha keessatti hafanis taphataa galchii lakkoofsisu garuu hin arganne.
Maanchister Yuunaayitid Paatirik Doorguu, kileba Xaaliyaanii Leechee jedhamu irraa mallatteessiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Liiverpuul Piriimer Liigii dursaa jira. Ammatti taphataa haaraa gara kilabichaatti fide hin qabu.
Mohaammad Saalaa, Aleeksaander Aarnooldii fi Vaan Daayik garuu kontiraata Liiverpuul waliin qaban xumuraa jiru.
Kilabichi taphattoota kanneeniif kontiraata haaraa hin kennine. Taphataa haaraa isaan bakka bu'us hin mallatteessifne.
Cheelsiin Kiristaal Paalaasiif ergisa kennee kan ture Chaaloobaa deebisee waameera.
Biin Chiilweel ammoo carraa taphaa homaa dhowwachuun ergisaan Kiristaal Paalaasiif kenne.
Chukumeekaa Boorushiyaa Dortimoondiif kenne. Garuu mallaqa guddaa baasuun taphataan mallatteessisan hin jiru.
Aksel Disaasii Cheelsii irraa Aston Viilaa seene. Astoon Viilaan kilaboota haala gaariin jijjiirraa kanatti fayyadaman keessaati.
Aston Viilaan maallaqa guddaa argachuun yoo xiqqaate paawondii miliyoona 70 oliin Joon Duuraan AL-Naasiritti gurgure.
Maarkas Raashfoordi, Maanchister Yuunaayitid irraa, Maarkoo Aseensiyoo PSG irraa mallatteesisan.
Tootenhaam miidhamaan taphattoota hedduu dhabeera. Garuu taphattoonni inni gaafatu kilabicha galuu akka hin barbaanne himan.
Maatiyaas Teel gara Maanchister Yuunaayitid deema jedhamee eegamaa kan ture Baayern Muunik irraa ergisaan fudhatan.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












