Utubaa Hojii Sheek Mohammad Rashaad Abdullee kan jedhaman jaartiinsaanii Aaddee Kariimaa Rashiid eenyu?

Madda suuraa, OBN fi Miidiyaa Hawaasaa
Hayyuun Baha Oromiyaa Qur'aana gara Afaan Oromootti hiikuun (fassaruun) sagaleedhaanis qopheessanii kaasetaan uummata biraan ga'an Sheek Mohammad Rashaad Abdullee hanga gumaachasaanii bakka hin arganne jechuun maatiin komatu.
Carraan Somaaliyaatti arganitti fayyadamuun Raadiyoo Afaan Oromoo jalqabaa achirraa dabarsuu kan eegalan hayyuun kun, guddina Afaan Oromoofis guddoo gumaachaniiru.
Sheek Mohammad Rashaad umriisaanii lafarra turan keessaa gara caalu biyyoota Arabaa fi kaan keessa naanna'uun hojjechuun dabarsan.
Sa'uudii Arabiyaatti yeroosaanii kan dabarsan Qur'aana gara Afaan Oromootti hiikuurratti.
Dhumarratti gara biyyasaanii deebi'anii yeroo dheeraa osoo hin turin boqotan.
Bara 1983 baatii Hagayyaa keessa Sa’uudii Arabiyaa seenanii hanga bara 1997 achi turan jedhu ilmi isaanii amma Makkaa jiraatan Sheek Kaaliid Rashaad.
Biyyatti deebi’ee waggaa shaniif Adaamaa erga jiraatee booda, ALI 17,09,2005 yookiin akka Awurooppaatti 25,05,2013 boqote jedhu ilmisaanii kun.
''Kan Adaamaatti namuu quba hin qabne Dirree Dhawaatti uummata walitti fidan. Waggaa shan booda uummati keenya walarge naan jedhe.''
Sheek Mohammad Rashaad fi Aadde Kariimaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sheek Mohammad Rashaad Abdullee haadha manaa sadi fuudhan, ijoollee shan godhatan.
Haati warraasaanii kan jalqabaa wayitasaan Somaaliyaa turan boqotte, lamaan boodaa ammoo erga gara Sa'uudii imalanii fuudhan.
Haadha warrootii isaanii sadan keessaa hojii kanarratti kan utubaa ta'uun jabeessaa turan Aadde Kariim Rashiid jedhamu.
Waggaa 20 ta’uuf waliin jiraatanis ijoollee waliin hin qaban. Garuu haadholii ilmaansaanii kaan caalchisanii ilaalu. Ijoolleensaanii akka haadhaatti ilaalu.
''Hojiisaanii keessatti, keessattuu yeroosaan Qur’aana hiikaa (fassaraa) turan gargaaraan ture. Humnaa fi hamilee ta’aafiin ture. Isaanillee bira jiraachuun koo akka isaan onnachiise himaa turan,'' jechuun waan waliin hojjechaa turan yaadachiisu Aadde Kariimaan.
Akkaataan isaan itti walitti dhufanillee kan isaan hin eegne fi hanga yoonaa akka isaan ajaayibu ibsu.
''Gaafa walitti dhufnellee Rabbumatu walitti nu fide. Anillee nama hedduu dideen ture. Jalqaba wayita walbarre isaan Jidda turan, an Makkaan ture. Erga isaan waliin walitti dhufnee takkaa wal hin aarsine, jaalalaa fi nagaan wajjin jiraataa turre,'' jedhan.
Duraan mana kan hin qabnellee erga walfuunee mana argannee jiruu bareedduu hojiirratti xiyyeeffannee waliin dabarsaa turre jedhan.
''Kitaaba isaaniillee walgargaarreema katabne. Akkuma gaariitti wajjin jiraataa turre.''
Hiikaa Qur'aanaa fi ga'ee Aadde Kariimaa
Aadde Kariimaa Rashiid wayita Sheek Mohammad Rashaad hiika Qur'aanaa sagaleen qopheessan dhaggeeffachuufii waan isaan barreessan ilaaluun soroorsuufii akkasumas akkasaan hojiisaanii milkeessaniif hamilee ta’uufiin cinaa dhaabbachaa akka turan himan.
Hanga isaan Qur’aana Rabbii gara Afaan Oromootti hiikanii (fassaranii) xumuranitti namni utubaa ta’eefii jabeessaa ture haadha warraasaanii sadeessoo (ishee dhumaa) Aadde Kariimaa Rashiid.
Michummaa cimaa fi kabaja Aadde Kariimaaf qabanirraa kan ka’e Indooyyee jedhanii waamaa akka turan gaazexeessaan Fana Zamadkuun Misgaanaawu Feesbuukii isaarratti barreesseera.
Oromoo Harargee biratti Indooyyee jechuun obboleettii haadhaa jechuu akka ta’es ibse gaazexeessaan seenaa gameeyyii Oromoof gumaachanii xiinxalee miidiyaarratti dabarsuun beekamu kun.
Mana jireenyaa Aadde Kariimaan keessa jiran deemee kan daawwate gaazexeessaa Zamadkuun, maatii deeggarsa barbaadan ta’uu akka hubate ibse.
''Mana kiraallee kaffalachuun dadhabe''
Aadde Kariimaan Makkaa irraa biyyatti galanii Adaamaa jiraachuu erga eegalanii waggaa shan caaleera.
Mana Makkatti namni kenneefis dhiisanii galan. Adaamaatti mana kiraa, achii ammammoo mana namaa jiraatu.
''Gaafa duraa mana kireeffadheen gale. Amma garuu kiraa manaas kaffalachuu waanan hin dandeenyeef mana obboleettii kiyyaan jira. Isheematu na kaddama (tajaajila). Isheenillee hagas mara humna hin qabdu,'' jechuun rakkoo keessa jiran ibsan.
Aadde Kariimaan nama isaan gargaaruu fi bakka isaan jiranillee hubatu dhabuurraa kan hafe, gama fayyaatiin garuu rakkoo akka hin qabne himan.
''Rakkoo fayyaa hin qabu galata Rabbii. Bakkuma jirru nu hubachuu dhabuu malee rakkoon biraa hin jiru.''
Mana argachuun sadarkaa hawwii fi gaaffii qofatti akka jalaa hafe kan himan Aadde Kariimaan, ''barreeffamaanillee waajjira gaafannee, fala dhabnee manuma obboleetii kiyyaa jiraachuu murteesse,'' jedhan.
Aadde Kariimaan ammaan tana homaa harkaa hin qaban, ijoolleenillee harka qalleyyiidha. Abbaan manaasaanii maatiif jedhanii waan olkaa’na hin qaban. Kanaaf yoo xiqqaate manumallee osoo argatanii fedhu.
Gumaacha isaaniif bakki hin kennamneef: Maatii
Sheek Mohammad Rashaad ''Oromummaaf waa gumaachuudha yeroo hunda yaadisaanii,'' jedhu Aadde Kariimaa Rashiid.
''Nyaataa fi dhugaatii, boqonnaa fi hirriba dhabanii uummata kanaaf maalan buusa kan jedhu yaadu. Kitaaba barreessuu irratti xiyyeeffatu,'' jechuun qabeenyi isaaniif olkaa’an akka hin jirre himan.
''Maatii kiyyaafan waa buusa hin jedhan. Qabeenyan horadha, manan ijaarradha hin jedhan. Uummata kiyyaafan waa buusa jedhu yeroo mara. Odoo akkas jedhanii egaa fayyaa dhabanii gara Rabbii deeman.''
Qur’aana Afaan Oromootti hiikanii bifa kitaabaa fi kaasetaan (sagaleedhaan waraabanii) uummataaf qopheessanii, Kaaseeta hedduus baasaniiru.
''Isaan garuu duniyaaf jedhanii miti. Kanaafuu waa’ee maallaqa itti gurguramee kana jechuu hin danda’u. Dhimmi ijoon maallaqa hin turre isaan biratti,'' jechuun bu'aan maallaqaa argatan akka hin jirre himan Aade Kariimaan.
''Kitaabaa fi kaaseeta kana qopheessuufiyyuu baayyee dhiphatan. Nama muraasaa fi mootummaa Sa’uudiitu isaan gargaare,'' jedhan.
Waa’ee seenaa isaa fi kitaabban isaa akkamiin Oromoo biraan geenya kan jedhu qorumsa ta’eera jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.
''Amaanaa na bira kaa’ee deeme qaba. Garuu hanga ammaa Oromoon keenya waa‘ee isaa kaasuu hin barbaadani. Mootummaan Oromiyaas waan inni Oromoof gumaacheef hanga ammaa beekamtii hin kennine.''
Waliigalatti Sheek Mohammad Rashaad Abdullees ta’e maatiinsaanii akka maatii gootaatti waan isaaniif malu hin arganne jedhan.
Gootummaa namni kaan ija jabaatee hin hojjenne kutannoo mataasaaniin faayidaa tokko osoo hin fedhin hojjetan jedhu ilmi Sheek Mohammad Rashaad.
''Jalqabuma carraa argatanitti ofii hin fayyadamne, Oromoo hacuuccaa jala jiruuf sagalee ta’uuf Moqadichoorraa Raadiyoo Afaan Oromoo eegalan. Achirraan qubee Afaan Oromoo babal’isuu keessatti guddoo gumaachan.''
''Dhimmi ijoon kaan ammoo hiikaa Qur’aanaati. Afaan Oromootti kan hiike isaani. Kun hundi goota isaan jechisiisa. Namni haga kana Oromoof gumaache hin jiru. Garuu goota hin faarfamne, seenaansaanii dhokatee hafe,'' jechuun komatu.
Faawundeeshinii maqaasaaniin hundeessuuf yaalanillee deeggarsa mootummaa, hayyootaa fi uummataa dhabuun akka karaatti dhiisan himan.












