Qaamni afuuffee Chaayinaa odeeffannoo walitti qabuun shakkamee rukutame argame-US

Maxxanfame

Qaamni [senseriin] afuuffee Chaayinaa basaasaaf daangaa samii Amerikaa galuun shakkamuun rukutamtee buute garba Atilaantik keessaa baafamuu humni waraanaa US hime.

Gareen barbaacha irratti bobba’e ‘’bakkichaa qama caccabaa afuuffichaa murteessaa tahe,’’ argataniiru.

Qaamni elektorooniksii fi senserii afuuffichaa adda bahaniiru,’’ jedhe Ajajni Humna waraanaa Kaabaa US.

FBI meeshaalee caccaboo argaman kan US naannoo humna waraanaa koo basaasaa turan jette qorachaa jirti.

Ameerikaan erga Guraandhala 4 as meeshaalee samii ishee keessa seenan jajjaboo tahan sadii rukutuun buufteetti.

Qaamni guddaan meeshichaas Wiixata kaleessaa qarqara Kibba kaarolinaadhaa walitti qabameera.

Anteenaan afuuffichaa meetira 9-12 dheeratus akkasuma akka argame CBS gabaaseera.

Qondaalonni Ameerikaa afuuffeen ol ka’iinsa guddaa irra imaluu fi Chaayinaatti hojjetame basaasaaf hojiirra oolaa ture jedhan.

Chaayinaan garuu xiyyaara haala qilleensaa qorachuuf ooludha jette.

Taatee jalqabaan booda xiyyaarotni waraanaa Ameerika meeshaalee samii US irra balali’aa turan dabalataa sadii haleeluun buusan.

Tokko Alaaskaa, naannoo daangaa Kanaadaa Yuukon fi Leek Huuroon gara daangaa Kanaadaatti ture.

Haleellaa misaa’eelaan naannoo haroo Huuronitti xiyyaarri waraanaa US F-22 taasise qiyyeeffannaa isaa dhabuun bakka hin beekamnetti dhohuu miidiyaaleen US humna waraanaa biyyattii wabeeffachuun gabaasaniiru.

Dhukaasni lammaffaa qiyyeeffannaa isaa argateera.

Misaa’elli itti fayyadaman tokkoon isaa doolaara 400,000 baasa. Qondaalonni aka jedhanitti meeshaan ykn wanti adda hin bahiin suuta deemanii fi afuuffee duraa gadi xiqqaa tahan qiyyeeffatanii haleeluuf humna waraanaaf ulfaataadha jedhan.

Dubbii himaan Waayit Haawus Joon Kirbii Wiixata akka ibsaitti, wantootni adda hin bahiin said dabalataan kanneen shakkaman hedduu keessaa dhahamuun bu’aniiru.

‘’Namoota lamaffarra jiran irratti miidhaa tokkoyyuu hin geessifne,’’ garuu ‘’nageenya balalii keenyaa, fedhaa fi nageenyaaf jecha barbadaa’aniiru,’’ jedhan.

Afuuffeen Kibba Kaaroolinaatti haleelamuun kufe ammo hamma konkolaataa baasii sadii gaha jedhame.

Meeshaan samii Alaaskaa irraa rukutamuun bu’e ammoo hamma konkolaataa xiqqaa tokkoo gaha jedhan qondaalonni.

Kan sadaffaan boca siliindarii kan qabu kan Michigaanitti rukutame bu’e ammoo roga saddet kan qabudha jedhame.