Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bagdaaditti biilboordii beeksisaarratti fiilmiin saalqunnamtii gadhiifame, namni tokko hidhame
Iraaq magaalaa Bagdaad keessatti biilboordii beeksisaa gubbaatti viidiyoon saalqunamtii(pornography) gadhiifamuu hordofee iskiriinonni elektirooniksii beeksisaa hunduu tajaajilaan ala godhaman.
Qondaaltotni Iraaq hakarii tokkotti gocha kana raawwatee jedhaniiru.
Haakarichi adda baabayii magaalaa Bagdaad keessa jiru tokkorra iskiriinii beeksisaa jiru tokkorratti viidiyoo saalqunnamtii tamsaase daqiiqaawwaniif mul'achaa ture. Namootni gocha kana iskiriinicharraa waraabanii miidiyaa hawaasaa gubbaa irratti haasa'a turan.
Gocha kanaan walqabatee namni tokko to'annoo jala ooluu Poolisiin biyyattii himeera.
Ibsi Poolisii shakkamaan gocha kana raawwate teeknishaana kaampanii iskiriinota beeksisaa kana to'atuu akka ta'e ibse.
Teknishaanni kun kaffaltii argatu ilaalchisee kaampanicha waliin komii dhiyeeffatus deebii waan dhabeef, haaloo bahuuf akka raawwate Poolisii beeksiseera.
Hakarichi keebilii elektirikaa dabarsu adda kutuu keenya dura fiilmii poornoogiraafii daqiiqaawwan dheeraaf tamsaasaa ture'' jechuun maddi qaama nageenyaa eenyummaan isaa akka adda hin baane gaafate tokko AFP'tti himeera.
''Gochaan safuu'' kun aanga'ootni magaalaa Bagdaad keessatti iskiriiniiwwan beeksisaa jiran hunda akka cufan dirqisiiseera. Tarknaafiiwwan nageenya gama kanaan jiru cimsuu dandeessisan fudhachuurrattis dubbatamaa akka jiru qondaalli kun mirkaneessaniiru.
Iskiriiniiwwan elektirooniksii magaalaa Bagdaad keessa jiran, meeshaalee daldalaa fi namoota siyaasaa beeksisuuf hojiirra oolu.
Iskiriiniiwwan kunniin kan cufaman Dilbata ganamadha.