Sooressoota US addunyaarratti bebbeekamoo gibira omaayyu hin kaffalle

Madda suuraa, Getty Images
Odeeffannoo attamiin soressoonni Ameerikaa addunyaarratti qabeenya biiliyoonootaan qabaniin baayyee beekamoo ta'an gibira galii baayyee xiqqoo qofa kaffalaa akka jiran mul'isu marsariitii oduu tokko harka gale.
Marsariitiin ProPublica gibra galii Jeff Bezos, Elon Musk fi Warren Buffet dabalatee, namoonni soorreeyyii addunyaa kanaa ta'an argeera jedhe.
Marsariitichi abbaan qabeenyaa Amazon Mr Bezos bara 2017 fi 2011tti gibira omaa kan hin kafale yoo ta'u, Mr Musk abbaan qabeenyaa Tesla ammoo bara 2018tti gibira omaa hin kaffallee jedha.
Dubbii himtuun Waayit Hawus odeeffannoo miliqee bahee kanaan ''seeraan ala'' jechuun FIB fi aanga'oonni qorataa jiraachuu himte.
Marsariitiin ProPublica garuu erga qorannoo taasiiseen booda torbanoota dhufan keessatti odeeffannoowwan dabalataa akka kennu himeera.
Himannaa dhiyaate kana BBCn addatti mirkanneeffachu baatuleen, dhimmichi wayita hangi gibira sorreessoonni kaffalaa jiranii mari'atamaa jiruutti ifa taasifame.
Marsariitiichi garuu itti dabaluun, soorreessoonni Ameerikaa 15 gidduugalaan gibira parsantaa 15.8 gadi ta'u kaffalaa akka jiran hubadheera jedha. Kunis kan galii hojjataa US idileetiin walfakkaatuudhas jedha.
Jeesee Esinger riipportarri olaanaafi gulaalaan ProPublic akka jedheetti, ''Soorreessa waan taateef gibirrii zeerootti akka gadi siif buufamu arguutti baayyee dinqisiifanneera. Jarreen abbootii qabeenyaa kunneenis sirnicha keessatti jala darbuu ni danda'u.''
Karoorawwan Baayidan
''Abbootiin qabeenyaa kunneenis waggoottan muraasa darban keessa qabeenyaan isaanii garmalee, tarsiimaawaa gibiraa seera qabeessa ta'anitti fayyadamuun kaffaltii gibirawwan federaalaa isaanii baayyee gadi xiqqeessu danda'an,'' jedha marsariitiichi.
Dureessoonni kunneenis akkuma lammiilee kaaniitti dhimmoota kan akka kennaa deeggarsaafi galiisaaniirraa osoo hin taanee maallaqa galii invastimantii kaasuun gibiira galiisaanii hirriisu.
Akka marsariitiin kun jedhuutti, durreessoonni Ameerikaa 25 ta'an bara 2014- 2018tti walumaagalatti dooraala biiliyoona 401 irra darbamaniiru.
Haata'u malee waggoota sana keessatti gibira galii darbaa (income tax over) doolaara biliyoona 13.6 kanafalaniirus jedha.
Pirezidaanti Joo Baayidan haaluma ergama qulliqullina fooyyeessuu fi sagantaa invastimantii bu'uuralee misoomaa gurguuddaa isaatiif maallaqa argachuuf doorreeyyii biyyattii irratti gibira dabaluuf akka jiru himeera.
Haata'u malee, marsariitiin ProPublica kun, ammas taanaan haala yaada bulchiinsa Baayidan jalatti gibirrii kan itti dabalamu baayyee muraasa qofaa ta'a jedha.
Abbootii qabeenyaa gibira gadaanaa kaffaluun maqaansaanii kaafame keessaa tokko kan ta'e Joorj Sooroos irraa yaada argachuuf BBCn yaaliin taasise milkaa'ufii baatulleen, ibsi marsarichaan kenname garuu Mr Sooroos sababii invastimantiin jalaa gadi bu'eef akka hin kaffallee kaa'eera.
Dabalataanis ibsichi, abbbaan qabeenyaa kun bara dheeraaf soorreessoota biyyattii irratti gibbirrii akka dabalamuuf deegaraa turan jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
'Ragaan sun seeraan ala'
Sanadicha irratti maqaan kantiibaa duraanii Niiw Yoork Maayik Biliimbargis eerameera.
Sanadichi ifa taasifamuunsaa mirga ragaa iccitummaa kan diigu ta'u ibsanii, qaama sanadicha ifa taasise seeraan gaafannaas jedhan.
Gabaasaalee kanaan dura marsariitiichi dhiyeessee keessaa bajanni bulchiinsa gibiraa hir'achuun attamiin dhaabbaticha akka laaffisee barreessee ture.
Buchiinsichi abbootiin qabeenyaa gibira akka kaffalan taasisuu kan dadhabe hanqiina dandeettiitiin jedheera.
Erga gabaasaalee kanneen hojjateen booda ammoo sanada tarree gibiraa qabate kana argachusaan marsaritiichii himeera.
Dubbi himtuun Waayit Haawus garuu, ''osoo hayyama hin argatiin ragaa icciitii mootummaa ifa taasisuun seeraan alla,'' jette jirti.
Dhimmicha gara FIB fi gara qaamni dhimmisaa ilaalatuutti ergamuus dabalaan himameera.
Komishinariin galiiwwan biyya keessaa Ameerikaa Chaarliis Ratiing gama isaanitiin, ''Ragaa gibiraa tokko tokkoo kanneen gibira kaffalanii kennuu hin danda'u. Garuu sanadichi Galiiwwan biyya keessaatii baafamusaarratti qorannoon gaggeeffamaa jira,'' jedhan.















