Pirezidantoonni Afriikaa dhimmi fayyaa saanii maaliif iccitii akka ta'u barbaadu?

Pirezidantiin Kaameeruun Pool Biyaa erga bara 1982 aangoorratti argamu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Kaameeruun Pool Biyaa erga bara 1982 aangoorratti argamu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Torbanoota dhihoo keessatti dhimmi fayyaa hoggantoota Afriikaa lama dhimma ijoo dubbii ta'un ture. Pirezidantoonni kunneenis haala nagaarratti argamu jedhaman illeen garuu halli fayyinsaanii maaliif akka icciitiin qabame dubbi kaase.

Dhimmi fayyina maanguddoon ganna 91 fi pirezidantiin Kaameeruun Pool Biiyaatu dubbii kana eegalchiise.

Pool Biyyaan dhukkubsachusaanii ministirri isaanii kan waakkattan yoo ta'u, 'haala fayyina gaarii' irratti argamu jedhan.

Gama biraatiin ammoo miidiyaalee biyyattii waa'ee fayyaa dursaa biyyatti omaa akka hin gabaafnee dhorkaman.

Akkasumas haalli fayyina isaanii sadarkaa yaaddeessaarratti argama kan jedhaman Pirezidantiin Maalaawii Laa'aras Chaakweeraa, waajirrisaanii viidiyoo osoo magaalaa guddoo biyyatti keessaa miilaan imalaniifi ispoortii osoo hojjatanii agarsiisu gadhiise.

Dhimma siyaasa Afriikaarratti Yunivarsitii Oksifordiitti Pirofesar kan ta'an Maayilas Teendii, maalii fayyinni dureewwan Afriikaa itti icciitii ta'eefi oduuwwa irratti yoo dubbatan, ''nama cimaa siyaasicha keessatti cimee mul'ate agarsiisuu barbaadu. Dadhbii ykn saaxilamummaa saanii agarsiisuu hin qabdi'' jedhan.

Chaakweeraa fi Biiyaan oduu waa'ee fayyinsaanii ilaalchisuun haasa'amu dhoksuudhaaf malawwan garaa garaa kan fayyadaman yoo ta'u, kaayyoonsaanii garuu walfakkaataadha.

Kunis fakkeenyummaa cimaa ta'u agarsiisuufi isuma eeguudha.

Isa bira darbee ammoo dorgomtootaa fi falmiitoota saaniitiin bakkuma jirtanii obsaa taa'aa ergaa jedhu dabarsuu fakkaata.

Pirofesar Teendiin akka jedhaniitti, taphin siyaasaa kun ''sakkata'iinsa cimiinsa dhiiraa'' ittiin hunma eeggatanii turuudhaaf taasifamuudha.

Pirezidaantiin Maalaawii Laazaar Chaakweeraa, ganna 69, akka hin dhukkubsanne ummata mirkaneessuuf suuraa dhiibaa (push-up) hojjechaa jiran gadhiisan

Madda suuraa, Lazarus Chakwera/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Maalaawii Laazaar Chaakweeraa, ganna 69, akka hin dhukkubsanne ummata mirkaneessuuf suuraa dhiibaa (push-up) hojjechaa jiran gadhiisan

Haala dhibeefi du'a dhokate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaggeessitoota Afrikaa haalli fayyaafi du'a isaanii dhokfama ture keessaa tokko waggoota dheeraf Itoophiyaa bulchanii kan du'an, kan Ministeera Muummee duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiti.

Paartii mormituus ta'ee keessoo paartiisaanitii warra ittiin mormaniifi dura dhaabbatan hidhaafi biyyaa baasun waggoota dheeraf biyya keessa qofa osoo hin taane wal-tajjii idiladdunyaattillee dhageettii horatanii turan.

Obbo Mallas Zeenaawwii wal-tajjiiwwan garaa garaafi ija namaa duraa fagaatanii turuu hordofee waa'ee fayyaasaanirratti oduun garaa garaa odeeffamaa turus mootummaan callisuu filatee ture.

Haa ta'u garuu miidiyaalen mootummaan morman, Obbo Mallas Zeenaawwii Beeljiyeemitti yaalamaa turanii du'uu yoo gabaasan, qondaalonni mootummaa dhukkubsachuu muummee ministeeraa amananii, bayyanachuun inumaayyuu gara hojiitti deebi'uu dubbataa turan.

Waa'en du'a Obbo Mallas erga odeeffamuu jalqabee torbanoota booda gaafa Waxabajjii 14, 2004 ALItti mootummaan ifatti du'a Obbo Mallas uummataaf beeksise.

Yeroo heddu gaggeessitoonni Afrikaa tokko tokko waa'ee fayyaasaanii yoo gaafataman, ni caallisu ykn dheekkamanii deebii kennu.

MM duraanii Mallas Zeenaawwii

Hoggantoonni siyaasaa, Afrikaa fi kan biyyoota biraas, mallattoo ciminaa fi dandamachuu ta’uun irraa eegama.

Egaa, keessattuu yeroo hogganaan sun dulloomu, fayyaansaanii dhimma baay’ee miira namaa kakaasu kan barbaachisummaa biyyaalessaa guddaa qabu ta’a. Haalli kunis filannoo Ameerikaa bara kanaa irratti mul'ateera.

Piroofeesarri Yunivarsiitii Johaannesbarg, Adekeye Adebajo akka jedhanitti, hoggantoonni ardii kanaa ''fayyaan biyyootasaanii fayyaa dhuunfaasaanii waliin akka walqabate yaada kennu'' jedhu.

Kanaafiidha, yeroo hogganaa tokko dhukkubsataa jirutti yeroo baayyee akka iccitii mootummaatti kan ilaalamu.

Yeroo rakkoon tokko dureewwan biyyaa mudatuutti diinagdee, ykn gabaa irratti dhiibbaa uumuufi haala siyaasaa jijjiiruu akka danda'u BBCtti himan ogeessi nageenyaa Zimbaabuwee tokko.

Kanaafidha dhimma fayyaa dureewwan irratti of eeggannoo dabalataa kan godhamu jedhu.

Biyyoota dhaabbileen siyaasaa dadhaboo ta’an keessatti yeroo baay’ee hojimaanni siyaasaa akka gaariitti waan hin jirreef, qaawwii hoggansa umamuu kamuu waldhabdee aangoo kaasuu danda’a jedhamee sodaa uuma.

Waggoota 20 dura Pirezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo kan turan Laawurant- Désiré Kaabiilaan eegdotasaanii keessaa tokkoon ajjeefaman.

Angawoonns waa'ee ajjeefamuusaa dubbachuu didan. Itti aanees maal akka godhan hanga hojjetaniitti wallaansaaf gara Zimbaabuweetti akka ergame fakkeessan.

Dhumarrattis ilmasaa kan muuxannoo hin qabne Yoseef yeroo booda hogganaa biyyattii ittaanu ta'ee filatame.

Maalaawiittis bara 2012 du’a prezidaant Bingu wa Mutharika beeksisuu mootummaan harkifachuun isaa, ittaanaa pirezidaantii, Joyiis Baandaa akka aangoo hin qabanneeffiidha yaalii taasifamuudha shakkii jedhu kaase.

Haata'u malee biyya ollaa Zaambiyaa kan Pireziantoonni lama osoo aangoorra jiranu jalaa du'aniifi Gaanaatti bara 2012tti pirezidantii kan turan Joon Otaa Miilis wayita du'aniitti rakkoo tokko balee bakka buusuun danda'ameera.

Waggoota darban keessa hoggantoonni Afrikaa garaagaraa waa’ee fayyaasaanii dilaalchisee gaaffatamaniitti ni callisu yookaan aariidhaan deebiiru.

Bara 2010tti hogganaan duraanii Zimbaabuwee Roobart Mugaabeen oduu fayyaa saanii ilaalchisee yeroo dheeraaf dubbatamaa ture ''soba qullaa miidiyaalee biyyoota dhihaatiin to'atamaniin qophaa'e'' jechuun qeeqan.

Waggaa sadii dura ammoo Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Maguufuulii du'uu isaanii kan himame erga torban hedduuf dhukkubsachuusaanii haalamaa tureen booda ture.

Yeroos namoonni waa'ee fayyaasaa dursaa kanaa odeeffannoo sobaa facaasuun jedhaman hidhamaa turan.

Akkasumas pirezidantiin Naayijeeriyaa Umaar Yaaradu'aan nama mootummaa haalaa waa'ee fayyaasaanii dhuksuuf yaaleedha.

Yeroo sanatti baatii shaniif Amajjii 2010 irraa kaasee ummatatti hin mul'atiin turan. Waajjiirri pirezidantii wallaansa hordofaa jiraachuu isbaa bahee 'fooyya'aa jiruu' jedhulleen, oduun du'asaanii bal'inaan himamaa ture.

Achinis baatii shaniin booda Caamsaa keessaa du'unsaanii himame.

Pirofesar Teendiin ''tokko tokko hanga dhumaa dhuga hadhooftuutti aangoo qabachuun turu barbaadu,'' jedhu.

Pirezidantii Zaayiir

Madda suuraa, Getty Images

'Yoo dhagahame morimotootaaf haala mijataa uumuu danda'a'

Dureewwan biyyoota biraa waa'e fayyaasaanii baruudhaaf ummanni mirga akka qabu waab yaadaniif icciitiin qabatu.

Bara 2017tti torbanootaaf wallansa hordofaa kan turan pireziantiin Naayijeeriyaa Buhaariin jireenyasaaniitti hukkubsatanii akka hin beekne ummatatti kan himan yoo ta'u, garuu sababii maaliif akka hojiirra hin turre hin kaafne.

Kaameruuniin waggaa 22f kan bulchan pirezianti Ahimadoowu Ahiijoo duree afriikaa sababii fayyaatiin aangoo gadhiisan jedhamuun amana.

Iftoommni akkasiifi aangoo deebiisanii karaa nagaatiin kennuun waan hin yaadamneedha.

Dureewwan Afriikaa 20 ol osoo aangoorra jiranu du'an. Kaansaanii osoo dhukkubsachuunsaanii hin baramiin oduun du'asaanii ummata qaqabe.

Baayyeensaanii haalli fayyaa saanii yoo dhagahame morkannoonnisaanii ni kaka'u ykn humnootiin biyyasaanii jeequu barbaadan carraa argatu jechuun yaadda'u danda'u.

Kaansaanii akkuma oduun dhukkubsachusaanii dhagahameen fonqolchi motummaa irratti gaggeefameera.

Bara 1996tti dursaan Dimokraatii Koongoo kan amma Zaayar jedhamuun beekamtuu, mobuutuu Sesee Seekkoo wallaansa kaansarii irra turan.

Kunis Looreet Kaabiilaa kan filciltoota Ruwaandaan deeggaraman dursuuf haala gaarii umunsaa hin shakkisiisu.

Mubutuun sochii finciltootaa dura dhaabbachuuf haalli fayyinsaanii hin dandeesifne. Kanaafu gara Moorookkootti yoo baqatan Kaabiilaan aangoo qabate.