Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaalalleen keessan isini irratti jaalallee biraan barbaada yoo jedhe maal gootu?
Biyyootaa fi hawaasa hedduu keessatti haadha warraa ykn jaalallee tokkoo ol qabaachuun waan barame miti.
Keessttuu nama tokkoo waliin osoo hiriyyummaa waliin jiranu jaalallee biraa dabalachuun yeroo dheeraaf akka safuutti ilaalamaa ture.
Amma garuu, baay'ee baramaa ta’uu baatus, jaalallee tokko ol qabachuuf namoonni yoo adeeman dhagahamaa jira.
Hiriyyummaan akkanaa kunis fakkeenyaaf dhiirri tokko beekkamtii dubartoota tokkoon olitiin dubartoota lamaa ykn isaan olii waliin wailtti dhufeenya sal- qunnamtii yoo qabaatu jechuudha.
Lammiin US, Dedeker Winsitan, dhiira tokkoo olii waliin hiriyyummaan waggaa kudhanii ol turtee jirti. Haata'u malee, fedhii saal-qunnamtii yeroo tokkoon dhiira tokko olii (open relationship) ta'e waliin qabaattee akka hin beekne dubbati.
Dhiirris ta'e dubartiin yeroo tokkichaan nama tokkoon ol waliin ifatti waliitti dhufeenya quunnamtii saalaa qabaachuun biyyoota hedduutti akka safuutti ilaalama ture.
Ta’us amma haalli akkasii kun kan geeddaramee fakkata. Naannoo bara 2016 keessa “feedhii hiriyyummaa jaalallee tokkoo olii guddaa dabaluu” isa kanan sirriitti hubadhe jeddti Winsitan.
“Yeroo akkanatti ture kanan fedhiin nama tokkoon olii waliin walitti dhufeenya quunnamtii saalaa qabaachuun kun jijjiiramaa dhufusaa hubadhe. Tasa namoonni hedduun intarneeta irratti jaalallee tokko ol akka qabaniifi kaan ammoo feedhii hiriyyummaa akkanaa akka qaban ibsachuu eegalan,” jetti.
Dhaabbata Creative Relating Psychology Psychotherapy jedhamutti Gorsituu Hariiroo Jalallummaa kan taatee Saraa Levinsaan, waggootii kurnan darban keessatti fedhiin hiriyyummaa jaalallee tokko ol qabaachuu dabalaa akka dhufe hubateetti.
“Waggaa kudhan dura dhimmi kun baayyee safuu kan ture ta’us, amma baayyee baramaa dhufeera,” jetti.
Oggeessonni akka jedhanitti, wantoonni shaakala hiriyyummaa barameen ala ta’an filachuu fidan kan aadaafi hawaasa irratti hundaa’an ta’uu malu, weerarri koronaavayirasii ammoo kana keessatti ga’ee qabaachuu mala.
Ta’us garuu feedhiin hiriyyummaa akkanaa dabalaa jiraatus, oggeessonni garuu ammam dabalaa deema kan jedhu irratti yaada walmakaa ta’e qabu.
Dhugaa caalaa hawwiidhaa?
Haata'u malee namoonni hiriyyummaa jaalallee tokko ol qabachuu filatan dabalaa jiraatanis, ilaalchi waliigalaa hiriyyummaa akkanaarratti hawaasa kamu keessa jiru gaarii miti.
Ilaalchi hamaa akkanaa jiraatus namoonni waa’ee hiriyyummaa akkanaa akka yaadan hin dhaabne, ta’us akka isaan hiriyyummaa akkanaa keessatti hin hirmaanne taasisu danda’a.
Dhaabbata qorannoo Kinsey irraa Dr Jaatin Leemiilar, qorannoo waa’ee hawwii saal- qunnamti irratti taasieen “namoonni hedduun waa’ee hiriyyummaa jaalallee tokko ol mala adda addaan jiraachuu barbaadu,” kan jedhu argateera.
Ta’us garuu, jedha Fr Jaatin “hawwii malee jireenya dhugaa keessatti muraasaatu kana shaakala.”
Kunis kan ta’e hiriyyummaan jaalalaa akkanaa akka hiriyyummaa ‘naga qabeessaatti’ waan hin ilaalamneef ta’uu danda’a jetti Leevinsan. Amantiinis namoonni al takkaatti jaalallee tokko ol akka hin qabaanne dhorkuu danda’a, aadaan haawaasa tokko tokkoos akkasuma.
Aadaan biyyootii addunyaa hedduu namoota hiriyyummaa jaalalaa akkanaa fedhanitti gufuu ta’uu danda’a. Hiriyyummaan jaalallee tokko ol qabaachuun ammoo addunyaa maratti harka caalaa safuu akka ta’een jira.