Aartii fakkii kaasuu, huccuu aadaa kabaja ayyaana Irreechaatiin walqabatee dagaagaa jiru

Ayyaanota hawaasni Oromoo bal’inaan waloon kabaju keessaa tokko kan ta’e Irreechi, ogummaa gara garaa jajjabeessuun gabaa faashinii uffata aadaa fi agarsiisa nyaata aadaa, huccuu aadaa fi kalaqa gara garaa yeroodhaa yerootti jajjabeessaa jira.
Haaluma walfakkaatuun ayyaanni Irreechaa ogummaa fakkii kaasuus jajjabeessaa jiraachuu pirezidaantiin waldaa Faayiin-aartii Oromiyaa, artist Umar Goobee BBC’tti himaniiru.
Ogummaan faayiin-aartii (aartii siidaa, fakkii kaasuu fi bobbocaa) bifa bittinnaa’een waan tureef, ALI’tti bara 2010 ogeeyyii bakka gara garaatii walitti qabuudhaan waldaa Faayiin-Artii Oromiyaa akka hundeessanis dubbatu, artist Umar.
Mootumaa, uummataa fi ogeessota biratti ilaalcha gad-aanaa qabaachuu ogummaa fakkii kaasuu kan yaadachiisan pirezidaantiin waldichaa, erga waldichi hundaa’ee as garuu sagaleen ogeessotaa akka dhaga’amu taasisuu fi agarsiisa fakkii bifa qindaa’een qopheessuus ibsaniiru.
Agarsiisni fakkii ammaa kun yeroo shanaffaadhaaf akka ta’e kan dubbatan artist Umar, artistoonni fakkii dargaggoo fi buleeyyii 25 ta’an hirmaachuu dubbatu.
Agarsiisni fakkii shanaffaan kunis mata duree ‘Irreechi Irree Keenya’ jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u qabiyyeen isaa gurguddoon falaasama Irreechaa fi qabeenya uumamaa Oromoo irratti kan xiyyeefatedha.
Ilaalchi uummataas ta’ee qaamni siyaasaa, ogeessi gara garaa aartii fakkii kaasuutiif qabu gadi bu’aa ta’uu kan dubbatan artist Umar agarsiisni fakkii ayyaana Irreechaa sababeeffachuun dhiyaatu ammoo ogummicha daran guddisuufi jajjabeessuuf qooda olaanaa taphataa jira jedhan.
“Namni aartii waami yoo jette jalqaba muuziqaa, itti aansee ammoo diraamaa, fiilmii fi barreessittota hima. Kanaaf aartiin kun [fakkii kaasuu] isa dhumaa irra jira,” kan jedhan artist Umar, akka aartiin kun haalaan guddachuu danda’uuf garuu ogeeyyiin fakkii irratti hojjechuu akka qaban dubbatu.
“Amma ogummaan kun dhageettii argataa jira,” kan jedhan pirezidaantiin waldichaa garuu gahaa akka hin taane dubbatu. Fakkii kaasuun agarsiisuuf qofa otoo hin taane ogeessis dadhabbii isaa gabaatti dhiyeessee irraa fayyadamaa ta’uu akka qabus kaasuun kun ammoo qormaata gara garaan daangeffamuu himu, artist Umar.
Aartii fakkii kaasuu ogummaa yeroo gabaabaa keessatti horii guddaa fiduu danda’u ta’uu illee, ogeessi tokko gaalaarii fakkii itti gurguratu banuudhaaf baasii guddaa waan gaafatuuf xinnoo rakkisaa ta’uu kaasuun qaamni bulchiinsaa dhimmi ilaallatu akka isaan deeggaru dhaamaniiru, pirezidaantiin waldichaa.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Agarsiisni fakkii kabaja ayyaana Irreechaas carraa guddaa namoota hedduutiin wal arguu, walbaruu waan uumuuf ogeeyyii fi ogummicha daran akka jajjabeessus dabaluun himaniiru, pirezidaantichi.
Fakkii kaasuun ogummaa bifa salphaa ta’een Oromoo addunyaatti beeksisu waan ta’eef waajiraaleen mootummaa sadarkaa gara garaa jiran isaan cinaa dhaabachuun ogummicha akka deeggaranis gaafataniiru, pirezidaantiin waldichaa.
Artist Girmaa Bultii ammoo ijoollummaa isaanii irraa kaasuun gara ogummaa fakkii kaasuutti kan seenan yoo ta’u akka dhuunfaatti yeroo 32ffaaf fakkii isaanii dhiyeessuu himu. Artsist Girmaan erga gara waldaa faayiin-aartii Oromiyaatti dhufanii yeroo shanaffaaf fakkii isaanii dhiyeessaa jiraachuu BBC’tti himaniiru.
Fakkiin afaan waliigalaa (universal language) dha kan jedhan artist Girmaan ogummaan fakkii kaasuu namoota aadaa fi afaan gara garaa keessaa dhufaniif salphaatti ergaa dabarsuun akka danda’amu dubbatu.
Ogummaan fakkii kaasuu gidiraa baay’ee qabaachuu kan kaasan, artist Girmaan ogummaan kun galmaa aadaa hunda keessatti xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu akka qabuu fi hoteelonnii fi waajiraaleen gara garaas fakkiilee bitachuun aadaa Oromoo beeksisuu akka qaban dhaamaniiru.
Agarsiisaa fakkii ayyaana Irreecha bara kanaa sababeeffachuun qophaa’e kanas daaw’achuu qofa otoo hin taane gatii madaalawaadhaan bitaachuun akka danda’amu BBC’n odeeffateera.
Waldaa faayiin-aartii Oromiyaa miseensota 40 kan ofkeessaa qabu yoo ta’u gara fuulduraattis karaa ogummaa kanaan aadaa fi seenaa Oromoo himuu fi adduyaatti beeksisuudhaaf karoora jabaa qabaachuu pirezidaantiin waldichaa BBC’f himaniiru.












