Waa’ee adeemsaafi duudhaa Irreeffannaa irratti dhimmoota kunneeen beektuu?

Birraan bari’uun walqabatee ayyaanni galataa Irreechi biyya keessaaf biyya biyya alaatti malkaawwan garagaraatti kabajamuu eegaleera.
“Irreecha jechuun Waaqaaf galata galchuu jechuudha. ‘Waaqa ganna nubaastee birraatti nubaaste, midhaan biqilchitee, biyya nagaa gootee, karaa duraan cufame nuuf bante, magariisallee argine yaa Rabbi galanni si yaa gahu’ kan jedhu Waaqaaf galata galchuudha” jedhu Hayyuun Gadaa Bayyanaa Sanbatuu turtii BBC waliin taasisaniin.
Ayyaanni Irreechaa sirna Gadaatiin akka hogganamu kan himan hayyuun kun, ayyaanichii adeemsa fi duudhaalee hirmaattotni kabajuu qaban akka qabu himan.
Kabaja ayyaana Irreechaa keessaa dhimmi ijoon inni tokko adeemsa yookiin tartiiba eebba abbaa malkaa, abbootii Gadaa fi hirmaattota birooti.
Sirna irreeffannaatiin hirmaattoota hunda dura kan eebbisu Abbaa Malkaati. Abbaan Malkaa eebbisuu isaaniitiin dura garuu haati warraa isaanii (Haati Malkaa) malkaa saaqu.
“Haati Malkaa ibidda gannaa roobni itti roobeeen gootee malkaa saaqxi. ‘Malkaan saaqamte, kunooti kan dibaadhaan ta’e dibaa kana baasne’ jettee dibaa sana irraa kaastee ibidda qabsiisti” jedhan.
“Achii booda Abbaan Malkaa orooroo yookiin bokkuu isaatiin malkaa sana saaqa. Sana booda ni eebbisa” jedhan.
Abbaan Malkaatti aansee kan eebbisu immoo Abbaa Gadaati. Abbaa Gadaatti aansuun immoo hirmaattootni ayyaanichaa iddoowwan garagaraatii dhufan dabareen eebbisu.
Ayyaanni Irreechaa duudhaa hirmaattootni raawwachuu qaban fi gochaalee ayyaanicha irratti hin heeyyamamne ykn safuu ta’an akka qabu Hayyuu Gadaa Bayyanaa Sanbatuu himu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Duudhaalee Irreechaa hirmaattootni ayyaanichaa eeguufii kabajuu qaban keessaa inni tokkos haala uffannaa akka ta’e himu.
“Uffata bareedaa uffattee, huccuu qabdu miiccattee, margakee qabattee, ilillii qabattee deemtee ‘yaa Rabbi egereenillee nagahi’ jettee galata galchita” jedhan.
Dhimmi inni biraan hirmaattootni raawwachuu hinqaban jechuun kaasan marga fi ilillii ittiin irreeffatan malkaa keessatti gatuudha.
“Marga malkaa keessatti yoo gatan margichi ni tortora. Malkaa sana keessammoo qurxummiitu jira. Inni ni bada jechuudha” jedhan.
Kana malees loon, simbirrootni fi bineeldotni bishaan malkaa kan dhugan ta’uu isaaniitiin lubbu qabeeyyii kunneenitti dhibee akka hin fidneef of eeggannoon godhamuu akka qabu dhaaman.
“Erga irreeffattee booda marga yookiin ilillii daariitti baasta. Qulqullina Rabbiiyyuu ni jaalata” kan jedhan Hayyuun Gadaa Bayyanaa Sanbatuu, namootni qabduuwwan bishaanii pilaastikarraa omishaman fi balfa gosa biraa naannoo malkaatti gatuurraa akka of qusatanis dhaamaniiru.
“Oromoon malkaa ofii hin xureessu. Hoolaa itti hin qalu, re’ee itti hin qalu, qotiyyoo itti hin qalu. Yoo qalellee itti hin gatu. Horiituu dhuga. Sirni Gadaallee nama abaara” jedhan.
Kana malees “Irreechi araara; Irreechi galata Waaqaati. Irreechi bakka siyaasaa miti. Irreechi bakka lolaatiis miti” kan jedhan Hayyuu Gadaa Bayyanaa Sanbatuu, ayyaanicha naamusa fi nagahaan kabajuun barbaachisaa ta’uu himu.
Kuni sirna Gadaafii Caffeee keessatti tumaa ta’uu himuun “Abbaa Torbaan si yaa qabdu jetti caffeen. Har’a hunduu humna qaba jedhee Irreecha sana balleessuuf jeequmsa kaasuuf deeme boru ilmoon isaa hin hafu” jechuunis himan.












