Riyaal Maadirid waliin seenaa hojjechuun barbaada- Imbaappee

Riyaal Maadirid 3-1 MaanchisterSiitii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchister Siitiin Saantiyaagoo Bernaaboo irratti harka kenne. Keessumaa Kiiliyaan Imbaappee taphattoota Maanchister Siitiitti taphate.

Saffisa kubbaa fi kubba malee taasisu, dandeettii kubba milmilchuu qabu hundaan taphattoota Maanchester Siitii afuura isaan kute.

Osoo kumaatamni isaan ilaaluu Imbaappee dhaabuus akka hin dandeenye mul'isan.

Peep Gaardiyoolaan ''waanti bara baraan jabaatee hafu hin jiru'' jechuun Riyaal Maadiridiif harka kennuu amanan.

Galchii sadii Kiiliyaan Imbaappeen lakkoofsise akka carraa kana argaman osoo hin taane dhamaatii fi gahumsa taphatichaan kan lakkaa'amanidha.

Maanchister Siitii tapha keessa turuufi dorgomaa cimaa tahee turuuf karoorfatee dirree yoo seenu Imbaappeen yerooyyuu isaaniif hin kennine.

Daqiiqaa arfaffaa irratti galchii lakkoofsise. Amma taphattoota maan Siitiif gaara guddaa tokko bahuu itti tahe.

Taphataa sodaatamu Haalaandi miidama xiqqaa waan qabuuf taa'umsa jijjiirraa irra taa'eera. Kun taphattoota ittisaa Maadiridiif bilisummaa gahaa kennuu hin hafne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

PSG bahee erga Riyaal Maadirid galee taphoota jalqabaa 11 irratti galchii sadii qofa kan lakkoofsise Imbaappeen deegartoota klebichaa fi xiinxaltoota kubba miilaa hedduun qeeqamaa ture.

Innis dadhabina isaa amanee ofirrattan hojjedha jedhee erga dubbateen as taphoota hundaa irratti amma waliigalaan galchii 27 Riyaal Maadiridiif lakkoofsiseera.

''Yeroon kilebichaa fi taphattoota isaatti baruu [madaquu] xumurameera. Amma yeroottan gahumsakoo isa dhugaa itti agarsiisudha'' jedhe Imbaappeen.

''Akka gaariitti taphachuun bara dorgommii kana keessatti seenaa hojjechuun barbaada. Tapha kanas mo'achuu barbaanneerra. Nuuf akka Riyaal Maadirid darbu ifaa ture'' jedhe.

Amma Imbaappeen taphataa sarara duraa akkaan sodaatamuu tahuu isaa agarsiiseera.

Waggoota jaha PSG keessa yeroo taphate taphoota 308 irratti galchii 256 lakkoofsiseera.

Daqiiqaa 78ffaa irratti yeroo jijjiiramee bahu deeggartoonni Maadirid istaadiyeemicha guutan ol ka'anii simachuun akka isa dinqisiifatan agarsiisan.

Peep Gaardiyoolaan akka gareen isaa Saantiyaagoo Bernaabootti salphate amaneera.

Haalaandi tapha Niwkaastil irratti miidhame haala gaariin hin bayyannanne. Kevin De Briruun ammoo tapha Riyaal Maadirid waliin Itihaad irratti gaggeessan irratti gahumsa garii hin agariifne jechuun taa'umsa jijjiirraa irra kaa'e.

Kushaanoov bakka isaa malee taphate.

Sanuu ji'a Amajjii darbe Maan Siitii kan gale taphataan lammii Kaazaakistaan, Kushaanoov halkan hamtuu dabarse.

Taphattoonni Riyaal Maadirid isa irartti xiyyeeffachuun karaa isaa kubba fudhatanii dabarsaa turan.

Maanchister Siitiin waancaa Shaampiyoonsi Liigii bara 2023 mo'ate barana ammoo ganamaan keessaa bahe.

Ijoollummaa irraa eegaluun Kiristaanoo Roonaaldoo dinqisiifataa kan guddate Imbaapeen ammumaaniyyuu rikardiiwwan Roonaaldoo tokko tokko bira waan darbaa jiru fakkaata.

Roonaaldoon bara 2009-10 Shaampiyoonsi Liigii irratti galchii torba lakkoofsiseera.

Imbaappeen bara kana torba lakkoofsiseera. Taphoota hafan irratti kan lakkoofsisu yoo tahe rikardii Roonaaldoo bira darba.

''Waan Imbaappeen hanga ammaa hojjete waan raajiidha'' jedhe Beeliingihaam.

''Jalqaba xiqqoo itti ulfaatee ture. Ama garuu yerootti balali'aa jirudha'' jedhe.

Riyaal Maadirid waancicha yeroo 15 injifachuun kileba seenaa hojjetedha. Gareen amma jiru ammoo walitti aansee waggota lama sadiifiyyuu kan waancicha injifachuu danda'udha.

Gahumsa amma irra jiraniin Riyaal Maadirid hanga dhumaa dhaqabuu danda'a.

Peep garee kana haaromsee ijaaruu akkuma jalqabe yeroo jijjiirraa gannaa dhufuttis taphattoota biroo fiduu mala.

Riyaal Maadirid Atileetiikoo Maadirid ykn Baayern Liiverkusan keessaa tokkoo isaanii wlaiin morkata.