Liiverpuul, Evertanii fi Arne Isloot irratti himanni baname

Arne Isloot, Liiverpuulii fi Evertan irratti himanni baname

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waldaan Kubba Miilaa Ingilizii jeequmsa Roobii darbe xumura tapha kileboota lamaanii irratti uumame hordofee Evertan, Liiverpuulii fi leenjisaa isaa Arnee Isloot irratti himata bane.

Tapha Guudsan Paarki irratti darbii kileboota lamaanii gaggeeffame irratti kileboonni kunneen taphattoonni isaanii ''amala gaarii hin taane akka hin agarsiifneef hin hojjenne'' jechuun himanni isaan irratti baname.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot, murteessaa taphichaa Maayik Ooliver waliin yeroo dubbatan amala gaarii hin agarsiifne, arrabsaniiru ykn jecha namatti hin tollu fayyadamaniiru himata jedhutu irratti dhiyaate.

Gargaaraan leenjisaa Liiverpuul Siipkee Huulshoof osoo kaardii diimaan hin kennamiiniif duras tahe booda amala namatti hin tolle agarsiiseera jedhamuun himatameera.

Himata isaan irratti dhiyaateef kileboonni lameenii fi leenjistoonni Liiverpuul deebii akka kennaniif guyyaan hanga Guraandhala 19tti kennameeraaf.

Jalqaba Arne Isloot tapha lamaaf adabameera jedhamus Piriimer Liigiin deebisee maxxansicha kaaseera.

Arne Isloot ''adeemsa irra jira, murtoo isaanii na kabaja,'' jechuun deebii kenneera.

Islootii fi gargaaraan isaanii taphoota akka hin dursine adabamu moo adabbiin biraas isaanirratti kennama kan jedhu eegamaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphni Liiverpuulii fi Evertan injifannoo Liiverpuul 2-1 xumuramuuf yeroo dhiyaatetti ture daqiiqaa 98ffaa irratti taphataan sarara ittisaa Evertan Jeemsi Tarkowiskii galchii wal qixxeesituu kan lakkoofsise.

Galchiin kun yeroo lakkaa'amte balleessaan taphattoota Liiverpuul irratti tasa hojjetameera yoo tahe jedhamee viidiyoon ilaalameeti galchiin sun kan kenname.

Murteessaan taphichaa yeroo kennameen ol taphachiisaniiru.

Balleessaan nurratti hojjetameera kan jedhan komii Liiverpuul irraa dhagahaman ture.

Yeroo galchiin sun kennamtu taphataan sarara gidduu Evertan Abdullaayi Dookooree gara deeggartoonni Liiverpuul taa'anitti fiiguun fuuldura isaaniitti gammachuu isaa ibsate.

Yeroo kana Kuurtis Joonsi, taphataan Liiverpuul, itti fiiguun Dokooree waliin walitti bu'an.

Jeequmsi ka'e ho'aa adeemuun warreen nagaa kabachiisan dirree seenuun gargar qabaa turan.

Kuurtsi Joonsii fi Abdullaayi Dokooree kaardii diimaan dirreetii baafaman. Tapha dhufu irratti lamaan isaaniiyyuu kilaba isaaniif hin taphatan.

Arnee Islootii fi gargaaraan isaas dirree seenuun murteessatti dubbii jajjabduu dubbachuun kaardii diimaan kennameef.

Jimaata kaleessaa miidiyaaleef yeroo ibsa kennu leenjisaan Liiverpuul ''miirakootu na mo'ate, miira akkasii agarsiisuu hin qabun ture,'' jedhe.

Kileboonni lameen ollaa tahuu qofa osoo hin taane seenaadhaanis walitti bu'u. Deeggartoonni Evertan magaalaa Liiverpuul nutu hundeesse barreeffama jedhus qabatanii istaadiyeemicha galaniiru.

Yeroo hundumaa imala waancaa Liiverpuul taasisaa ture keessatti qormaata guddaa kan itti tahu Evertan baranas qabxii lama isaan dhabsiisaniiru.

Leenjisaan West Haam, Deevid Mooyes waggaa 23 booda gara kilebichaatti deebi'uun kileboota gara dhumaarra jiran irraa qabxii kudhaniin fageesseera.

Yeroo leenjisaa dargaggeessa taatu waan akkanaa waanuma eegamudha.

Aniyyuu yeroon dargaggeessa tahee leenjisaa ture waanuma akkasiin gochaa ture kan jedhe Moyes, Islootiif akka gaddes ibseera.

Kana jechuun kileba kee fi taphattootakeef dhimmita jechuudha jechuun waa'ee miira Isloot irratti morkataan isaa Moyes dubbate.

Taphni Liiverpuulii fi Evertan Guudsan Paarki irratti taasisan isa dhumaati. Evertan waggaa dhufu irraa eegaluun istaadiyeemii haaraatti darbu.

Guudsan Paarki tapha Liiverpuul waliin taasisaa turan irratti guyyaa tokkoofuu callisaan guutamee hin beeku.

Akkasuma Aanfiildi istaadiyeemiin Liiverpuul ammoo adunyaa irraa istaadiyeemii taphattoonni gurguddoonis tahe leenjistoonni beekamoon deemanii achitti morkachuu hin jaalannedha.

Arsen Weenger, Sir Aleeksi Fergusanii hanga Mooriniyootti Aanfiildi istaadiyeemii sodaachisaa tahuu dhugaa bahaniiruuf.

Liiverpuul Arsenaaliin qabxii torbaan caalee sadarkaa tokkoffaa irra jira. Shaampiyoonsi Liigiidhaansi kilebotta 36 keessaa tapha tokko qofa mo'amee sadarkaa tokkoffaan xumuruun gara 16tti makameera.

Mohaammad Saalaan galchii hedduu lakkoofsisuufi kubba mijeessee kennuun gahumsa addaa irra jira.

BBC

Oduuwwan ispoortii biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.