'Uummata bakka na buufateef sagalee ta'uu kootiifin hidhame' - Obbo Yohaannis

Namoota siyaasa hidhaa jiran
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Miseensi Mana Maree Naannoo Amaaraa kan Abbaan Alangaa shororkeessummaan himate, Obbo Yohaannis Buwaayaalew miidhaa uummata isaan bakka buufaterratti raawwatu balaaleffachuu isaaniif hidhamuu himan.

Obbo Yohaannis Kamisa har'aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti wayita dhiyaatan ''dararaafi hammeenya uummata isaan filaterra gahu mormuusaaniin hidhamuu dubbatan.

Qondaalli mootummaa duraanii kun dhaddacha heera mootummaafi yakkoota shororkeessummaatti dhiyaatanii yakka ittiin shakkaman irraa bilisa ta'uu himan.

Obbo Yohaannisiin dabalatee namootni 16 har'a wayita dhaddachatti dhiyaatan jecha amantaafi waakkii kennaniin waakkachuusaanii abokaatoon hidhamtoota kanaa Obbo Solomoon Gazzaaheeny BBCtti himaniiru.

Obbo Yohaannis ''Ministeerri Haqaa anaafi galmee maqaa kootiin waamamu jalatti himatni dhiyeesse guutummaan guutuutti fudhatama hin qabu'' jedhan.

Obbo Yohaannis kan hidhaa bu'an seera cabsuufi yakka raawwachuun osoo hin taane ''Amaara dammaqe, nama siyaasaa fi beekaa'' ta'uusaaniin ta'uu dubbatan.

Dabaluunis ''haqni hin jiru malee ani nama bilisa, manni murtii bilisaan na gadhiisee miidhaa narra gahe maraaf beenyaa naaf kennuu male''jedhan.

Miseensa Paarlaamaa Itoophiyaa kan turan Obbo Kiristiyaan Taaddelee gama isaaniin hojimaata badaa mootummaa saaxiluu isaaniif hidhamuu himanii yakka ittiin himataman waakkataniiru.

Koree dhaabbii bulchiinsa baasii mootummaa fi to'annoo Paarlaamaa Itoophiyaa hoogganaa kan turan Obbo Kiristiyaan hojimaata badaa argan saaxiluun Ministeerri haqaa himannaa akka banu qabsaa'aa akka turan dubbataniiru.

Hojimaata badaa jiru saaxiluu isaaniif karaa idilee hin taanen aanga'ootarraa dhiibbaan irratti godhama akka tureefi dhumarrattis hidhaa akka bu'an sababa ta'uu himatan.

Himatamaan sadaffaa miseensa Mana Maree magaalaa Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar uummata isaan filateef dhaabachuu isaaniin hidhamuu komatan.

''Ani moseensa mana mareeti. Dararaa fi miidhama uummata na filatee mana maree kana keessatti dubbachuu kootiinin hidhame'' jedhan.

Himatama biraan dura taa'aa dhaaba EZEMA kan ta'an Dr Caannee Kabbadaadha. Nama karaa nagaa qabsoo gaggeessan malee ''himannaa dharaa'' shororkeessummaa kan gaggeessan akka hin taane mana murtiitti dubbataniiru.

Tasgabbii dhabuu naannoo Amaaraatti mudateen walqabatee to'annoo jala kan oolan miseensonni mana maree, namootni siyaasaa Abbaa Alangaatiin himannaan erga irratti hundaa'ee ji'ootni 11 darbaniiru.