Bulchiinsa Sudaan Itoophiyaa daangessitutti walitti bu'iinsi namoota 60 galaafate

kaartaa Biluu Naayil, Sudaan
Maxxanfame

Ministeerri Fayyaa Sudaan waldhibdee abbummaa lafaarratti Kibba biyyattii dhalateen lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 60 gahuu beeksise.

Aangawoonni Sudaan bulchiinsa Biluu Naayil jedhamu keessa waldhibdee gosoota gidduutti dhalateen erga namoonni hedduu ajjeefaman booda uggura imala galgalaa kaa'aniiru.

Akkasumas waraanni biyyatti haala jiru tasgabbeessuuf bakkasitti sosso’eera.

Bulchiinsi kuni gama Kibba Bahaa Sudaan, Itoophiyaa ni daangessa.  

Gabaasaaleen gaafa Sambataa bahan lakkoofsi namoota ajjeefaman 31 jedhanis, eegasii lakkoofsi namoota lubbuu dhaban dabaleera.

Kanneen miidhaman baay'ee akka ta'an ibsame. Hospitaalonnis hanqinni dhiigaa isaan mudachuu hordofee gargaarsa gaafataniiru.

Gosoota Bartiifi Hawusaa jedhaman gidduu walitti bu’iinsi jalqaba torban darbe uumame.

Sudaanitti bakka bu’aan addaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) hawaasi naannichaa akka dubbii qabbaneessu gaafataniiru.

Humnoonni nageenyaa biyyattii gidduu seenanii haala ture tasgabbeessuu isaanii dura bakka hedduutti babal’achuu ibsi bulchiinsa Biluu Naayil agarsiisa.

Dabaluunis, namoota du’an alatti namoonni 39 yeroo madaa’an suqiiwwan 16 immoo barbadaa’uu xumura torban darbe ibsamee ture.

Kana boodas magaalota Daamaaziiniifi Rosaayirasitti daangaan sochii galgalaa kaa’ameera.  

Akka jiraattonni Rooyitarsitti himanitti garuu, walitti bu’iinsi gosaa kuni gaafa Sambataallee bakkeewwan bulchinsichaa kaanitti babal’ateera. 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waldaan Doktaroota Sudaan taate mudate irratti ibsa baasen, namoonni miidhaan irra gahe hospitaalota Daamaaziniifi Rosaayirasitti gaafa Sambataallee dhufuu hime. 

Akkasumas, hospitaalonni meeshaalee wal’aansaa gahaa waan hin qabneef ministeerri fayyaa biyyattii deeggarsa akka dhiheessuufi namoota miidhaman xiyyaaraan bakka biraa akka geessan gaafateera.

Ganna lamaan dura gareewwan finciltootaa gidduutti waliigalteen biyyaalessaa mallattaa’us, naannoo qarqara galaanaa bahaa fi Lixa Daarfur dabalatee, bulchiinsota Sudaan hedduu keessatti walitti bu’insi walfakkaataa tahan uumamaa turaniiru.

Gareeleen morkattootaa xixiqqoodha jedhaman waliigaltee kana mallatteessanis, Kordofaan Kibbaafi bulchiinsa Biluu Naayil keessatti kan socho’u gareen finciltootaa Sochii Bilisummaa Ummata Sudaan Kaabaa jedhamu hin mallatteessine.

Walitti bu’insa lubbuu hedduu gaaga’e kanaaf sababa kan tahe, gosoota bulchiinsa Biluu Naayil keessatti argaman Hawusaa fi Bartii gidduutti, abbummaa lafaatiin hokkora kaheen tahuu AFPn gabaaseera.

Humnoonni siyaasaa Sudaan keessaa bulchiinsa kanatti walitti bu’insi dhaabbatee, nageenyi akka bu’u kan gaafachaa jiran yogguu tahu, bulchiinsi waraanaa Jeneraal al-Burhaanin hoogganamu garuu dhimma kanarratti haga ammaa ifatti hin dubbanne.

Ji'ootaan dura bulchiinsa cehumsaa waraanaa irratti yaaliin fonqolchaa erga gaggeeffame booda, biyyattiitti qaawwi eegumsa nageenyaa mudateera jedha AFPn.

Kanumaanis sababa abbummaa lafaa, horii fi marraa-bisaanin walitti bu'insi hamaan gosoota akka akkaa gidduutti babal'achaa dhufuu eera.

Humni waraanaa Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaanin durfamu, fonqolcha mootummaan bulchiinsa cehumsaarraa aangoo erga harkaa fudhatee duuba, ji'oota saddeet darbanitti mormii addaan hin cinne keessummeessaa jira.