Magaalaa Asoosaatti sochiin imala galgalaa daangeffame

Madda suuraa, BENISHANGUL GUMUZ MASS MEDIA AGENCY
Magaalaa guddoo Naannoo Beenishaangul Gumuz kan taate Asoosaatti imalli galgalaa daangeffamuu bulchiinsi poolisii magaalattii beeksise.
Daangaan yeroo sochii kun ALI Adoolessa 01, 2014 irraa eegalee hojiirra oola jedheera poolisiin.
Komishinii Poolisii Naannochaatti gargaaraan Komishinaraa Bushraa Alqariib akkaataa daangaa yeroo sochii kaa'ame kanaan konkolaattonni galgala sa'atii 2 irraa hanga barii sa'atii 12tti, lafoon ammoo galgala sa'atii 3 irraa hanga barii sa'atii 12tti socho'uun dhorkameera.
Qaamni nageenyaa naanochaa yeroo kanatti yeroo sochii daangessuun maaliif akka barbaachisee fi bu'aan argamuuf deemu maal akka ta'e hin ibsine.
Guyyootaan dura MM Abiy Ahmad wayita haala yeroo irratti miseensota paarlaamaaf ibsa kennan, dhiyeenya kana magaalaa Asoosaatti gochi shororkeessummaa aggaamamee ture fashaleera jedhanii turan.
Daangaan sochii kun konkolaattotaa fi lafoo deemuu hunda kan dhorku yoo ta'u, yoo scohii murteessaa ta'e qaamolee nageenyaa eeyyamsiisuun dirqama ta'a.
Akkaataa daangaa sochii kanaan galgala sa'atii 2 irraa hanga barii sa'atii 12tti ambuulaansii fi konkolaattota qaamolee nageenyaa mootummaarraan kan hafe konkolaataan kamuu socho'uu hin danda'u.
Kana malees hoteelonni fi manneen dhugaatii cufaa ta'u, daldalli gosa kamuu gaggeeffamuu hin danda'u.
Yeroo sochii daangeffame kana keessatti balaan tasaa yoo mudate qaama nageenyaa dhiyeenyatti argamurraa eeyyama fudhachuun socho'uun ni danda'ama jedhan gargaaraan komishinaraa Bushraa Alqariib.
Shakkiin nageenyarratti balaa fidu yoo dhagahame hawaasi hatattamaan qaamolee nageenyatti eeruun tumsuu qaba jedhan qondaalli kun.












