Magaalaa Gambeelaatti daangaan sa’aatii kaa’ame

Madda suuraa, Gambella press secretatiat office
Naanoo Gambeelaa, magaalaa guddoo keessatti daangaan sa’aatii kaa’amu motummaan naannichaa beeksiise.
Naannichi akka beeksiiseetti, daangaa sa’aatii kana kaa’un kan barbaachise haala naannoo Gambeelaa keessatti argamuun wal qabatee ‘‘sochiiwwan seeraan alaa to’achuuf’’ ta’u ibsa waajjirri dhimmoota kominikeeshinii motummaa naannichaa baasee ibseera.
Baatii tokkoon dura, jechuunis ALI Waxabajjii 07, 2014tti, hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan motmmaan shororkeessaa jedhuuniifi hidhattoonni Adda Bilisummaa Gambeellaa magaalattii irratti haleellaa raawwachuun, sa’aatiiwwan muraasaaf kutaalee magaalatti muraasa to’achun isaanii ni yaadatama.
Yeroo sanattis tarkaanfii humnootiin nageenyaa naannichaa fudhataniin hidhattoota magaalaa keessaa baasuun kan danda’an yoo ta’u, haleellichaan walqabates namoonni baayyeen ajjeeffamunsaanii himamee ture.
Haleellaa kana hordofunis rakkina nageenyaa naannichatti tibba sana umamee to’achuuf karaa pirezidaantii naannichaatiin daangaan sochii halkanii kaa’amulleen, to’annoon cimaa akka hin turre ittigaafatamaan waajjira komunikeshiinii naannichaa Obbo Ugatuu Adiingi himaniiru.
Haleellaa hidhattoonni magaalaa guddoo naannichaa irratti raawwataniin booda, Kamisa Adooleessa 14, 2022 irraa kaasee hojiirra kan oolu daangaa sa’aatii cimaan kaa’amu ibseera.
Kana hordofunis magaalaa Gambeelaa keessa galgala sa’aatii 2 irraa kaasee hanga barii sa’aatii 11:30tti keessa ambulaansiiwwanii fi konkolaataawwan humnootii nageenyaa malee, sochiin namootaafi konkolaataa kamuu dhorkameera. Daangaa sa’aatii magaalaa Gambeelaatti kaa’ame kunis hanga yoom akka turu kan jedhamee hin jiru. Ittigaafatamaan waajjira Komunikeeshinii akka jedhaniitti, haalli ammaan tana naannicha keessa jiru nagaa ta’u ibsanii, humnootiin nageenyaa naannichaas eegumsa cimaa taasisaa jiraachu dubbatan. Torbana darbe keessa ALI Adooleessa 1, 2014 irraa kaasee naannoon ollaa Gambeelaa Beenshaangul Gumuzis magaalaa guddoo ishee Asoosaatti daangaa sa’aatii kaa’un ni yaadatama. Daangaan sa’aatii Beenishaangul Gumuzitti kaa’ame ammo namoota lafoo deemaniifi konkolaataadhaaf sa’aatii garaa garaatu kaa’ame. Haaluma kanaanis konkoolaataan galgala sa’aatii 2 hanga barii 12tti akkasumas namoonni lafoo deeman ammo galgala sa’aatii 3 hanga barii 12tti socha’u hin danda’an.








