Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal ammas mo'amee carraa liigii dursuu dhabe, morkattoonnisaa injifatan
Arsenaal dirreen ala Fulihaamiin 2fi 1’n mo’amee Waggaa Haaraa 2024'tti mataa kilaboota Ingilizii carraa ta’u dhabe.
Bukaayoo Saakaan galchii Arsenaal ittiin durse galchuus adabbiirraa kan deebi’e Jimeneez, akkasumas boqonnaa booda Riid galchii Fulihaam ittiin mo'ate galchan.
Bara dorgommii baranaa Arsenaal yeroo jalqabaaf taphoota sadii walitti aansee injifachuu hindandeenye.
Liivarpuul waliin qixa, West Haamiifi Fulihaamiin immoo mo’ame.
Guyyoota saddeet keessa tapha sadii taphate qabxii tokko qofa kan argate Arsenaal, gabatee liigichaa keessaas gadi mucucaataa jira.
Arsenaal mo’amuu isaatti liigicha kan dursaa jiru Liivarpuulirraa qabxii lamaan fagaatee sadarkaa afraffaarra taa'e.
Liivarpuul immoo tapha qixxeessituu Wiixata qe’eetti Niiw Kaasil waliin taphata. Yoo injifate garaagarteen shanitti guddata.
Gama kaaniin, Tootanhaam Barnimaawuz 3fi 1’n injifachuun qabxii isaa 39’n gahateera. Arsenaalitti aanee shanaffaarra taa’eera.
Guyyaa Sambataa Maanchistar Siitiin galchiiwwaan boqonnaa duraafi booda Rodriifi Alvaarez galchaniin godina balaawaa keessa kan jiru Sheefaldiin 2fi 0’n injifateera.
Kanaanis, gabatee liigichaan qabxii 40’n gara sadarkaa sadaffaatti ol dhufe.
Yeroo ammaa garaagarteen kilabii liigicha dursaa jiru Liivarpuuliifi Siitii gidduu jiru qabxii lama qofa.
Dirreen ala Barnileey kan morkate kilabiin barana sochii bareedaa agarsiisaa jiru, Aston Viilaa, galchii xumurarratti galcheen Barnileeyiin 3fi 2’n mo’atee.
Yeroo ammaa qabxii 42’n ida’ama galchiin caalamee sadarkaa lammaffaarra jira.
Taphoota kaaniin Chelsiin dirreen ala Lutoon 3fi 2’n yoo mo’atu, Paalaasiifi Woolvisis morkattoota isaanii mo’ataniiru.
Yunaayitid 'gad-deebi'e'
Maanchistar torban dura onnatee duubaa ka’ee Aston Viilaa mo’atus Sambatammoo Nootingihaam Foorastiin 2 fi 1’n mo’ameera.
Yeroo kuni ta’u daarektara haaraa kilabichaa ni ta’u jedhamee kan eegamu Sar Deev Bireelisford leenjisaa seena dalagan Sar Aleekis Farguusan bira ta’anii daawwataa turan.
Yunaayitid bara dorgommii baranaa kan mo’an (12) irraa kan mo’amanitu (14) caala. Tapha walitti aansanii kan mo’an si’a lama qofa.
Taphattoonni haaraa kilabicha seenan injifannoo fidaa hin jiran, kan maqaa guddaa qabanis waan ija godhatu dalagaa hinjiran.
Leenjisaan Yunaayitid Erik ten Haag waan taphattoonni duraa miidhamaniif akka mo’aman sababa godhachuu akka hin barbaanne himu.
Ammo kanneen miidhaman Kaazimeroo, Lisaandiro Maartinez, Meesan Maawunt, Viktar Lindeloof, Hoyiland fi Magauwer gaafa deebi’an akka mo’an dubbatu.
Xiinxalaan kubbaa miilaa fi dursaan taphattoota duraanii Yunaayitid Gaari Neevil qeeqa dhiheesseera.
‘’Maanchistar Yunaayitid garuma dur turanitti gaduma deebi’an, ga’umsa fulla’u hinqaban, waan fokkisaadha,’’ jedhe.
Utubaan Yunaayitid Kiristiyaan Eriksaniis kanaan waan waliigalu fakkaata.
‘’Bara dorgommii baranaa walumaagala tarkaanfii tokko fuulduratti deemnee tarkaanfii lama duubatti deebi’u ta’eera, har’as kanuma ta’e. Haalonni ni sirratu,’’ jedhee akka abdatu hime.
Jifataan duraanii Bilaakibarn Rovars Kiriis Satan gama isaan ‘‘namni tokko ergaa natti barreessee Maanchistar Yunaayitid kilabii daawwachuuf nama hin hawwinedhaa jedhee na gaafate,‘‘ jechuun dubbate.
Qeeqi kan itti baay’ate Yunaayitid fi dhiibbaan kan itti cime leenjisaan isaa akka haalonni sirratan himu.
Haa ta’u malee, waan abdii namatti horu argaa hinjirru jedhu deeggartoonni. Erik ten Haag bara dorgommii jalqabaa isaanii waan mul’atu dalaganiiru.
Haa ta’u malee, barana yeroodhaan Chaampiyeens Liigiifi Waancaa Liigii keessaa bahan. Kilaboota ijoo afran jedhaman keessaas fagaataniiru.
Dureessi beekamaa UK qooda kilabichaa 25% dhihoo bitan waan kilabichaaf ta’u murteessuu kan eegalan Guraandhala keessaa eegaleeti.