Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni taphataa Maan Siitii, Jaak Giriilish saamame
Manni jireenyaa taphataa Maanchister Siitii Jaak Giriilish gaafa Roobii darbe yeroo kilebni isaa Everteen waliin taphachuun 3-1 mo'ate saamame.
Leenjisaan Maan Siitii Peep Gaardiyoolaan taphattootni erga manni Giriilish cabee ''of eeggannoo'' gochuu qabdu jedhan.
Maan Siitiin Everteeniin 3-1 mo'atee yoo deebi'u manni Girilish kutaa bulchiinsa Chaashaayir keessa jiru cabuun saamameera.
Poolisiin bakichatti waamamuun barbaacharra ture. Gaazexaan Ze San [the Sun] jedhamu akka gabaasetti, hattootni faaya adda addaa fi sa'aatii harkaa qaalii waliigalaan doolaara miliyoona tokko baasu jalaa saaman.
Hattootni mana cabsanii kan seenan osoo jaalallee fi maatiin isaa mana keessa jiraniiti.
''Eegdota qabu ture. Aka carraa tahee garuu kun mudateera. Waan akkasii yeroo baay'ee ni mudata'' jedhe Gaardiyoolaan.
"Taphattootni [Manchester] Yuunaayitidis akkasuma of eeggannoo gochuu qabu. Landan hedduu hin beeku. Garuu achittis raawwataa ture, garuu Katalooniyaatti akka mudataa tures nan beeka,'' jedhe Gaardiyoolaan.
Bakka maatiinkoo jiraataa jiranitti waan hedduun mudateera jedhe.
''Har'a sirriitti of eeggachuu qabda. Miidiyaa hawwaasaa irratti eeggannoo gochuu qabda. Waan ati itti jirtu beekuu hin qaban. Namoonni maal akka gochaa jirtuu fi eessa akka jirtu baruuf si eeggatu'' kan jedhan Gaardiyoolaan taphattootni eeggannoo cimsuu aka qaban dhaaman.
Miseensonni maatii Giriilishii fi jaalalleen isaa Sashaa Atwuud yeroo kun raawwatu mana turan.
Jeequmsa dhagahanis gabaasa godhan. Poolisin saroota sakkatta'insaaf gargaaran fayyadamuun barbaacharra ture.
Helikopteras fayyadamaniiru. Garuu homaa garatti goran argachuu hin dandeenye.
Taphataan sarara ittisaa duraanii Maan Siitii Jaayo Kaanseeloo, bara darbe yeroo saamtonni mana isaa seenan haleelamee ture.
Raahim Isterliingi, Obaamiyaangi, Angel Dimaariyaa fi Pool Poogbaan fa'as akkasuma hanna akkasiif saaxilamaniiru.
Gaardiyoolaan '' faaya, maallaqas haa tahu waan fedhe, waan ulfaataadha, keesumaa maatii achi keessa jiruuf adeemsa ulfaataadha.
"Jaakiif baay'ee ulaafaadha akkuma kana dura Jaayo Kaanseloo mudate," jedhe.
Giriilish gaafa Kamisaa maatii isaa wlaiin waan dabarseef shaakala hin hojjenne.
Gaardiyoolaan gaafa Sanbataa tapha Sheefiildiif qophii tahuu isaa ilaallee murteesina jedhe.