Arsanaal qe'eesaatti hiree liigicha dursuu dhorkame; liigicha eenyu injifata?

Maxxanfame

Morkiin injifataa Piriimiyeer Ligii Ingiliz bara kanaa ta'uuf godhamu kallattiisaa jijjiiruutti argama.

Onkololessa darbe Tootenhaam fiixee gabatee liigichaa dursuun saffisaa ture. Sadaasa keessammoo Maanchister Siitiin dursa qabatee alantummaasaa itti fufsiisuufi tilmaama jedhu dabalee ture.

Ammoo taphoota walitti aanan jaha keessaa tokko qofa injifachuu isaatiin hanga sadarkaa arfaffaatti gadi bu'uu danda'eera.

Ergasii Arsanaal fiixee gabatee qabatee hamma ta'e turuuf galgala edaa dirreesaa Emireetsitti masaanuusaa magaalaa Landan Weestihaamiin hiree dhorkameera.

Arsanaal to'annoo kubbaa, yaalii gooliifi kaaniin olaantummaa agarsiisuus, kubbaa gooliitti geeddaruuf rakkateera. Weestihaam 2-0n Arsanaal injifate. Arsanaal carraa liigicha dursuutti deebi'uuf argate osoo hin milkeessiin hafe.

Kunis hanga ammaa gareen yaaddoo malee torbanootaaf gabatee liigichaa qabatee turuu danda'u akka hin jiraanne agarsiiseera.

Amma Liivarpuul qabxii 42n dursaa jira. Garaagartummaan Liivarpuuliifi garee sadarka shanaffaarra jiru, Tootanhaam gidduu jiru jaha qofa.

Seenaa liigichaa keessatti Mudde 28 gubbaatti garaagartummaan qabxii isa tokoffaa fi shanaffaa gidduu jiru jaha gadi xiqqaa ta'ee kan beeku bara dorgommii 1992-93 fi bara 1996-97 qofa ture.

Maarree morkii shaampiyoonummaa jabaa tokko arguuf jirraa?

Ittisni duraanii Liivarpuul Jiimii Kaarager ''bara kana hanga ammaatti tapha miidhagaa ilaalaa baane'', jechuun qabxii gatuun kun itti fufaa laata jechuun X gubbaatti barreesse.

Jifataan maqaa guddaa duraanii Arsanaal Teerii Henerii Caamsaa dhufu eenyutu injifataa Piriimiyeer Liigichaa ta'a jedhamee yoo gaafatamu ''Guraandhala dhufu na gaafadhaa'' jedhe.

Yeroo Kiriismasii (Ayyaana Qillee faranjoota) liigicha wayita dursinutti yeroo hedduu waancaa hin nyaannu, kanaafuu amma dursuutti waan hin jirreef nan gammada'' jechuun Amazon Prime'tti himeera.

Itti dabaluunis garee waancaa liigichaa nyaatu kan tilmaamu tibbi ayyaana Kiriismasiifi bara haaraa faranjootaa kun darbuu booda ta'uu hime.

Morkii Arsanaaliifi Weestihaam irratti gooliin jalqaba gareen keesssummaa galchee kubbaa taphaan ala taate irraa argame falmii jedhu, yeroo murteen goolii dha jedhu darberraa kaasee hanga ammaatti dubii ijoo ta'eera.

Jifataan duraanii Niiwkaasil Yunaatiid Aleen Shireer goolii Arsanaal irratti gale kanaan 'deja vu' dha jedhee ibse.

Daqiiqaa 13ffaarrtti Jaareed Baawon kubbaa sarara keessaa baate fakkaatu deebisee waahilasaaf kennetu gooliitti jijjiirame.

Shirar kubbaan sun taphaan ala ture jedhanii murteessuuf ragaan amansiisaan hin jiru jedha. Murteen VAR qabatamaatti kubbaan sun taphaan ala ta'uusaa agasiisuu akka hin jirre akeekeera.

Wanti akkasii Arsanaalitti deddeebi'aa jira. Ji'a darbes dirree Niiwkasiil Sent Jems Paarkitti kubbaa Gordoon sararaa baate deebisee taphateen Arsanaal 1-0n injifatameera.

Yeros leenjisaa Mikeel Arteettaa gooliin sun haqamuu dhabuutiin ''qaanessaa'' jechuun qeeqee ture.

Westihaamin injifatamuu booda Arteettaan yaada kenneen ''ammatti teeknoolojiin kubbaan sun bahuu mirkaneessu hin qabnu'' jedhe.

Sababa VAR Arsanaal qabxii jaha akka dhabetti ilaalamaa jira.

Kun yeroo lammataaf Arsanaalirratti ta'e kan jedhu Heneriin, ''murteessaa taphichaa kubbaan sararaa bahuu ifatti akka adda baafatu gargaaruuf gubbaa kubbaa saniirra ta'uun barbaachisa.

Bara 2023 keessa, inumaa 2024 galaa jirra. hanga ammaa gubbaa kubbaarraa kaameraa hin qabnu. Irra deddeebiin mudataa jira...callisaanii ilaaluun hin ta'u'' jedhe.

Murteessaan Piriimiyee Liigii duraanii Maark Klaatenberg gooliin flmisiisaan sun kennamuun sirriidhuma jechuun fuulduratti garuu martee falmisiisoo akkasii hanqisuuf kaameraan kubbaawwan ittiin taphatan irra godhamuu akka qabu dubbate.

'Goolii duratti of fooyyessuu qabna'

Tapha eedarratti Arsanaal saanduqa goolii eegaa Westihaam keessatti si'a 77 kubbaa tuttuqaniiru. Yaalii goolii 30 yaalaniiru. Tuttuqqaawwan kanneen erga bara 2008-2009 inni isa olaanaadha.

Gareen Artettaa bara kana gooliin hanga ammaa lakkoofsise kan morkattootasaan gadiidha. Jifataan isaanii goolii hedduu galche Bukaayoo Saakaa hanga ammaa goolii shan qofa lakkoofsise.

Jifataan Siitii Haalaand 14, kan Liivarpuul Mohaammad Saalaa 12, kan Westihaam Boowenillee 11. Boowen kophaatti goolii jifattootni Arsanaal sadan walitti hanga ammaa lakkoofsisan caala galcheera.

''Daqiiqaa 1000f olaantmmaa qabna ture. Yeroo carraan dhufu saanduqa Westihaam keessatti taphattoota hin qabamne qabna ture'' jedhe Artettaan.

Dursaan taphattootaa Arsanaal Martiin Odegaard ''carraa hedduu uumnee, goolii galchuuf hiree argannee ture garuu saanduqa keessatti gaarii hin turre'' jedhe.

''Rakkoon ku kan taphattoota muraasaa qofa miti. Goolii duratti of fooyyessuu qabna, kunimmoo gaafatama maraati'' jedhe.

Waancaa bara kanaa eenyu injifata?

Baroota muraasa darban Maanchistar Siitiin olaantummaa fudhate bara kanas irra deebi'uu danda'a tilmaamni jedhu olaanaadha.

Siitiin bara haaraa booda yeroo mara morkii jabaa godhuun beekamaadha. Akka Opta'n jedhutti amma arfaffaarra haa jiraatuyyuu malee Siitiin waancaa ni injifata tilmama jedhuuf 55.3% kenneera.

Itti aansee hiree injifachuu olaanaa qaba jedhamee kan tilmaamame Liivarpuuli. Tilmaama 26.7% argate. Itti aansee Arsenaal tilmaama dhibbeentaa 15.4% argateera.

Astoon Viilaa fi Tootnham ammoo walduraa duubaan tilmaama dhibbeentaa 2.2% fi 0.3% argatan.