Walitti bu'insa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humnoota Tigiraay gidduutti mudateen yaadda'eera- Aminastii Internaashinaal

Taankii waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Tigiraay keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humnoota Tigiraayii gidduutti irra deebiin walitti bu'insi ka'uun jiraattota naannichaa sarbama mirga namoomaa biraaf saaxila jechuun Aminestii Internaashinaal yaaddoo isaa ibse.

Aminestii Internaashinaalitti Daarikterri Naannoo Bahaa fi Kibba Afrikaa Tigeeree Chaguutaa, ''naannichatti irra deebiin walitti bu'nsi ka'uun uummata naannichaa miidhaa waraana kana duraa irraa hin bayyaannannee fi haqa hin arganne balaaf saaxila'' jette.

''Sarbama mirga namoomaa sababa walitti bu'insa hidhattootaa fi humnoota mootummaan naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti raawwataa jirus hordofaa fi galmeessaa jira'' jedhe Aminestii Internaashinaal ibsa Hagayya 3 bara 2026 baaseen.

''Biyyicha keessatti dhaabbileen naannoo fi idil-addunyaa sarbama mirga namoomaa dhaqabu akka qorataniif eeyyamamuu qaba'' jechuunis waamicha godheera.

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Sadaasa 2020 hanga Sadaasa 2022tti gaggeeffameen waliigalteen nagaa mallattaa'uun xumurame Aminestii Internaashinaal sarbama mirga namoomaa hamaa, baay'een isaanii ammoo kan yakka waraanaa fi yakka namoomaa tahuu malan raawwatamuu galmeesseera'' jedhe.

''Mootummaan Itoophiyaa sarbama mirga namoomaa raawwatame irratti qorannoo qabatamaa gaggeessuu dhiisuu fi namoota yakkicha raawwatan seeratti akka hin dhiyaanne gochuu dhiisuu amaleeffachuu hin qabu.''

''Aminestii Internaashinaal mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigiraay qajeeltoo kabaja mirga namoomaa idil-addunyaa fi mirgoota namoota nagaa akka eeganiifi kabajaniif waamicha godha'' jette.

Hagayya 1 bara 2026 Lixa Tigiraay naannoo Sharariinaa jedhamutti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humnoota Tigiraay gidduutti wlaitti bu'insi mudachuu gabaafameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

TPLF mootummaa Itoophiyaatu humnoota keenya irratti haleellaa bane jedhan.

Ganama jalqabee haga waaree boodaatti itti fufuun akka dhaabbachuu TPLF haa himu malee mootummaan Itoophiyaa dhimma kana irratti deebii hin kennine.

Walitti bu'insicha hordofee jiraattonni Tigiraay dhibbaan lakkaa'aman gara Sudaanitti baqachuu AFP'n gabaaseera.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF Eertiraa dabalatee qaamolee guddina Itoophiyaa hin barbaanne waliin tahuun biyya jeequuf hojjeta jechuun yeroo adda addaa himataa ture.

Eertiraa akkasumas biyya keessaa hidhattoota Faannoo waliin tahuun waraana banuuf akka qophii gochaa turanis mootummaan himeera.

Aminestii Internaashinaal dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa fi miiidyaaleen dhorkaa tokko malee Tigiraay keessaa naannoo waraanaan miidhame keessa galuun qorannoo akka gaggeessaniif hawwaasni idil-addunyaa mootummaa Itoophiyaa fi qondaalota TPLF waliin mari'achuu qaba jedhe.

Dhaabbileen Mirga Namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee sarbama mirga namoomaa irra gahe qorachuu jalqaban eeyyamni isaanii adda cituun qorannicha dhaabaniiru.

UNtti Komishinii Ogeessota Qorannoo Mirga Namoomaa Idil-addunyaa jedhamuun Itoophiyaa keessatti qorannoo akka gaggeessaniif kan hundaa'ee fi Gamtaa Afrikaatti Komishinii Qorannoo Mirgoota Namoomaa hojii qorannoo eegalan addaan citeera.

Haqa Yeroo ce'umsaa jechuun mootummaan hojii jalqabe itti fufuu dhiisuu isaa irraa kan ka'e miidhamtootaaf haqi hin baane jedhe Aminastii Internaashinaal.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lama ture keessatti namoonni 600,000 ajjeefamuu Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa kan tahan Olesegun Obaasaanjoo himaniiru.

Aminestii Internaashinaal ji'oota lamaan darban ammoo qondaalonni TPLF miidiyaalee walabaa ugguruu, humnaan dargaggoota dabalatee namoota hedduu loltummaa leenjisuu fi sochii uummataa daangessuudhaan sarbama mirga namoomaa raawwachaa turuu isaanii dhaabbileen mirga namoomaa galmeessaa turuu hime.