Tiraamp mariin nagaa Iraan waliin Wiixata har'aa akka jalqabu ibse

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haleellaa raawwachuuf ture dhiisuu erga ibsee booda marii haaraan Iraan waliin Wiixata har'aa akka jalqabu ibse. Garuu eessatti akka mari'atamu hin eerre.

Guduunfaa

  • Tiraamp marii haaraan Iraan waliin Wiixata har'aa eegala jedhe
  • Pirezidantiin US kun kana ibsuu dura karoora Iraan haleeluu haquun, ''hatattamaan waliigalteerra ga'uu'' akka fedhu ibsee ture
  • Mikeel Artettaa torbanoota jijjiirraa taphattootaa hafanitti 'callisnee hin teenyu' jedhe
  • Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Iboolaa DRC seenaa biyyattii keessatti isa hamaa ta'uu ibse
  • Xiyyaarri daawwattoota feete Peeruu keessatti kuftee namootni 13 lubbuu dhaban
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, Facebook, YouTube, WhatsApp fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sigiga lafaa Godina Shawaa Kaabaa naannoo Amaaraatti mudateen amantootni 14 lubbuu dhaban

    Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa naannoo Gadaamii Tsaadiqaanii Maariyaam jedhamutti sigiga lfaa mudateen amantootni 14 lubbuun darbuu waajirri Poolisii godinichaa ibse.

    Sigigni lafaa kun ALI Adoolessa 27/ 2018 qaqqabe.

    Namoota biroo torbarra ammoo miidhaan irra gaheera.

    Namoota sigiga lafaan lubbuun darbe

    Madda suuraa, Qajeelcha Poolisii Sawaa Kaabaa

  2. Haleellaa diroonii qarqara galaanaa Raashiyaatti raawwateen namootni jaha ajjeefaman

    Haleellaa diroonii

    Madda suuraa, Telegram

    Bulchaan bulchiinsa Raashiyaa tokko haleellaa diroonii kanaan ijoollee sadi dabalatee namootni jaha Kibba Lixa Raashiya bakka qarqara galaanaatti ajjeefamuu ibseera.

    Diroonichi uummata bashannanaa jiru haleeluu haata'u qiyyaafannoo biraa qabaachuun adda hin baane. Tilmaamni kennamu ammoo dhiyeenya sanatti buufata humna galaanaa Raashiyaa jirutu qiyyaafannoo haleellaa kanaati kan jedhudha.

    Namoota ajjeefamanitti dabalataan namootni 40 ta'an miidhamaniiru.

    Gama kaaniin Raashiyaan doonii fe'isaa Yukireen afur rukutuun gabaafameera.

    Dooniiwwan geejiba omishaalee kunniin kan rukutaman Blaak Siifi buufata Mayikooliiv gubbaatti ta'uun gabaafameera.

    Ministirri Ittisaa Raashiyaa buufata doonii Mayikooliiv gubbaatti dooniiwwan meeshaa waraanaa buusaa turantu rukutame.

    Kan biroo lama kan Bilaak Siii keessatti kan rukutamanis meeshaa waraanaa fe'aniiru.

    Gama Yukireeniin haleellaawwan kunneen ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

  3. Toteenhaam jifataa lammii Naayijeeriyaa Viktoor Osimeen fudhachuuf gaafate

    Viktor Osimeen

    Madda suuraa, Getty Images

    Totenhaam Hotispeer jifataa lammii Naayijeeriyaa kilabaa Turkii Gaalataassaraayiif tapahatu Viktor Osimeen fudhachuuf gaaffii dhiyeessuun gabaafame.

    Totenhaam jijjiirraa taphataa kanaaf hanga paawundii miliyoona 55 kan dhiyeesse yoo ta'u shaampiyoonaan Turkii Gaalataasaraay garuu hanga paawundii miliyoona 65 gaafateera.

    Taphataan ganna 27 kun bara dorgommii darbe taphoota 52 irratti hiriiree goolii 41 lakkoofiseera. Kubbaa gooliif mijate ammoo 10 hiriyootaaf kenneera.

    Leenjisaan haaraa Totenhaam Robeertoo De Zeerbii taphataa lakkoofsa 9 gahumsa gaarii qabu waan barbaaduuf kilabichi ija irra buufate.

    Totanhaam jifataa Liverpuul Koodii Gaakpoos gaafatee ture. Liivarpuul garuu gurguruuf fedha hin agarsiisne jedhame. Atileetikoo Maadriids taphataa kana gafachaa jira.

  4. 'Dirooniin waraana biyyaalessaa Sudaan namoota 35 dhaddacha aadaarra turan galaafate'

    Alaabaa Sudaan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Dhaabbatni mirga namoomaa Sudaan dirooniin waraana biyyaalessaa namoota dhaddacha aadaarratti hirmaachaa turan haleeluun namootni 35 du'uufi kaan madaahuu beeksise.

    Haleellaan diroonii kun Dilbata waaree booda Kaaba bulchiinsa Daarfuur keessatti raawwachuu dhaabbatni The Emergency Lawyers Group jedhamu ibseera.

    Akka qaamni sarbama mirgaa namoota nagaarra gahu hordofu kun jedhutti haleellaan diroonii kun bakka Humni Dafee qaqqabaa RSF to'atee jiru keessatti raawwate. Waraanichi ammatti hin mirkaneessine.

    RSF kutaalee Daarfuur hedduu to'atee jira. Qaamoleen lamaan waraana waliinii waggoota sadiif gaggeeffamaa jiruun kumoota kudhaniin kan lakkaa'aman fixuun biyyattii akkaan malee mancaasaniiru. Miliyoonotni qe'eesaanii gadhiisanii buqqa'aniiru.

    Namni haleellaa diroonii Dilbataa ijaan arge tokko yaada AFPf kenneen dhaddachi murtii aadaa kun muka jalatti jaarsolii biyyaan gaggeeffamaa ture'' jedheera.

    Akka namni ijaan arge kun jedhutti hogganootni gosaa afuriifi ajajootni RSF lama warra ajjeefaman keessaati.

    Marsariitiin Daarfuur 24 jedhamu ammoo haleellaan kun diroonota lamaan raawwatamuu warra ijaan arganirraa iyyaafateera. Naannicharra erga marsanii booda misaayeloota afur dhukaasuus gabaase.

    The Emergency Lawyers Group haleellaa namoota nagaafi bu'uraalee misoomaa namoota nagaarra gahu kana cimsee balaaleffateera. Akka qoratamus gaafateera.

  5. Itoophiyaan Kora COP 32 dursuun duula guyyaa tokkotti biqiltuu miil 800 dhaabuu eegalte

    MM Abiy Ahmad Giifti Duree Zinaash Taayyaachoo waliin biqiltuu dhaaban

    Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

    Mata duree 'Ashaaraa Magarsiisaa' jedhuun waggaa saddeet dura kan eegale sagantaan biqiltuu dhaabuu kun, hirmaannaa kutaalee hawaasaa fi qaamolee mootummaa hundaan raawwatama.

    Sagantaan kun galma ijoo bulchiinsa isaanii ta'uu Ministirri Muummee Abiy Ahmad irra deddeebiin ibsaa turan.

    Sagantaa biqiltuu dhaabuu kanarratti Ministira Muummee Abiy dabalatee qondaalonni mootummaa biyyattii ni hirmaatu.

    Sagantaan kun bara 2019 mootummaa Ministira Muummee Abiyyiin kan eegale yoo ta'u lakkoofsi biqiloota dhaabanii waggaa waggaan dabalaa jiraachuu ragaa mootummaa biyyattii ni mul'isa.

    Kan baranaas lakkoofsi kan kanaan duraarra dabaleera.

    Guyyaatti biqiltuu miiliyoona 80 dhaabuuf karoorfame.

    MM Abiy wayita sagantaa baranaa jalqabsiisan ''har'a Itoophiyaanonni ashaaraa waaraa dhaloota itti aanuuf darbu keewwachuuf guyyaa sagantaa dhaabbii biqiltuu waggaa biyyaalessaa guyyaa tokkootiif itti walgahanidha,'' jedhan.

    Itoophiyaan ji'oota afur booda yaa'ii jijjiirama qilleensaa COP 32 kan qopheessitu yoo ta'u, dhaabbiin biqiltuu kunis kora guddaa addunyaa kanarratti akka fakkeenyummaan dhihaatu barbaaddi.

    ''Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo akkasumas miseensota Koree Biyyaalessaa COP 32 waliin taanee ashaaraa keenya keewwachuudhaan imala waloo kanaaf gumaacha gama keenyaa gooneerra,'' jedhan MM Abiy.

    Lammiileen Itoophiyaa hundi guyyaa guutuu itti fufuun galma biqiltuuwwan miliyoona 800 dhaabuuf kaa'ame akka milkeessanis dhaamaniiru.

    Bara 2019 wayita duulli ashaaraa magariisaa eegalu guyyaatti biqiltuun miiliyoona 350 ta'u dhaabamuutu ibsame.

    Har'a ammoo biqiltuu miiliyoona 800 akka dhaabamu ibse mootummaan.

    Waliigalatti hanga yoonaa biqiltuun biiliyoona 48 ta'u dhaabamuu ragaan mootummaa biyyattii ni mul'isa.

  6. Israa'el erga Hamaas karoora nagaa Tiraamp fudhachuun hidhannoo hiikkachuutti waliigalee Gaazaatti namoota 18 ajjeeste

    Haleellaa Israa'el

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp erga Hamaas meeshaa waraanaa hiikkachuutti waliigalee karoorri nagaa Gaazaa akka milkaa'u ibse eture.

    Karoorri nagaa Board of Peace jedhamu kan inni bara darbe baase guutummaatti hojiitti hiikamuun milkaa'inni argamaa jiraachuu ibsee ture.

    Garuu Israa'el erga Hamaas hiikkachuutti waliigaluu ibsee boodallee haleellaa Gaazaa hin dhaabne.

    Ministeerri fayyaa Filisxeem humnoonni Israa'el haleellaa hamaa kaaba magaalaa Gaazaa, magaalaa giddugala Gaazaa-Deir al Balah fi kibba Gaazaa magaalaa Kaan Yuunis keessatti raawwachuun lubbuu namoota 18 galaafachuu ibse.

    Doonaald Tiraamp karoorri nagaa Gaazaa kun akka milkaa'u abdatus gochi Israa'el garuu karoora kana waan gufachiisaa jiru fakkaata.

    Tiraamp hidhattoonni akkuma hiikkataniin loltoonni Israa'el Gaazaa gadhiisu jedhee ture.

    Garuu loltoonni kunneen ammallee haleellaa cimsuun adeemsa nagaa kana gufachiisaa jiru.

  7. Tiraamp mariin Iraan waliin Wiixata har'aa akka eegalu ibse

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Tibbana haleellaa haaraa Iraan irratti raawwachuuf karoora qabate haquu kan ibse Tiraamp, marii haaraan Iraan waliin Wiixata har'aa eegaluu akka danda'u yaada dhiheesse.

    ''Balaa waraanni qabu arganiiru. Amma karaa mariitiin itti dhihaachaa jirra. Mariin kun har'a waaree booda eegala,'' jedhe Tiraamp.

    Tiraamp karoora Iraan haleeluuf baase gaaffii fi yaaddoo Iraan fi biyyoonni Baha Giddugaleessaa dhiheessan booda haquu miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti barreessee ture.

    Iraan yaada Tiraamp kanarratti hanga yoonaa ibsa hin kennine.

    Tiraamp marii nagaan waraana kana dhaabuun dhihaateera jechuun yeroo garaagaraatti ibsaa ture, garuu kan mul'atu haleellaadha.

    Tiraamp ibsa isaa kana keessatti mariin Iraan waliin eegaluuf jedhu kun yoom akka xumuramuu fi eessatti akka gaggeeffamu hin ibsine.

  8. Mikeel Artettaa torbanoota jijjiirraa taphattootaa hafanitti 'callisnee hin teenyu' jedhe

    Mikeel Arteettaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Waggoota 22 booda shaampiyoonaa Ingiliz kan ta'e Arsenaal yeroo jijjiirraa taphattootaa hafe keessatti callisee akka hin teenye leenjisaa Mikeel Arteettaa hime.

    Arsenaal tibba jijjiirraa bona kanaan karra eega Ilaan Meslieer akkasumsa jifataa Kiristoos Toolis jedhamu mallatteeffateera.

    Taphataa sarara gidduu Niiwkaasiliifi Biraazil Buruunoo Gamareezh harkaan gahachuuttis jira.

    Ammoo jifataa Riyaal Maadriid Viniishiyees Juuner waliinis maqaansaa ka'aa jira.

    Arteettaan kallattiin waayee Viniishiyees hin dubbanne. Ammoo dhugumatti torbanoota dhufan keessatti sochii ni goona '' jedhe.

    Fooyya'uu barbaanna akkuma garee kamuu, gabaa jijjiirraa taphattootaa argaa jirtu, falmattoota keenyas argaa jirtu ...callisnee hin teenyu. Wanta hojjennurratti akkaa ol hiixannee milkeessuu yaalla'' jedhe.

    Viniishiyees kontiraatasaa Maadriid waliin haaresuurratti waliigalteerra gahuuf rakkachaa akka jiru gaabafma. Yaadni Arteettaa kun Viniishiyeesiin ilaallata kana jedhanis jiru.

    Arteettaan fooyya'uu barbaanna, sadarkaan hundaa dabalaa jira. Dorgommii keessoo cimsuu barbaanna'' jedhe.

  9. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Iboolaa DRC seenaa biyyattii keessatti isa hamaa ta'uu ibse

    Iboolaa

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Iboolaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti mul'ate seenaa biyyattii keessatti isa hamaa ta'uu labse.

    Hanga Adoolessa 30tti namoonni 3,605 Iboolaan qabamuun isaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, namoonni 1,587 ammoo du’aniiru.

    Carraan du'aa dhibee kanaa %44 irratti argama. Weerarri yeroo ammaa kun gosa vaayirasii Bundibugyo jedhamu irraa kan maddedha.

    Weerarri vaayrasii koroonaa erga bara 2018 hanga 2020tti mul’atee booda isa hamaa ta’uu himama.Weerarri kun bara kana Caamsaa 15 ifatti labsameera.

    Bara 2018 hanga 2020tti namoonni 3,500tti siqan vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 2,300 ammoo du'aniiru.

    Yeroo ammaa kana talaalliin gosa Bundibugyo kanaaf hayyama qabu hin jiru. Haa ta'u malee, Yunaayitid Kingidam fi Singaapoor keessatti talaalliin hojjetamaa jira.

    Dhangala'aa qaamaatiin namarraa gara namaatti kan daddarbu Iboolaan waggoota 50 darbanitti guutuu Afrikaatti namoota 15,000 ajjeeseera.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibsa marsariitii isaa irratti baaseen, weerarri vaayrasii koroonaa ''babal'achaa jira'', ''lakkoofsi namoota du'uu gabaafame dabalaa jira'' jedheera.

  10. Xiyyaarri daawwattoota feete Peeruu keessatti kuftee namootni 13 lubbuu dhaban

    Balaa xiyyaaraa Peeruu

    Madda suuraa, EPA

    Miidiyaaleen Peeruufi aanga'oonni akka jedhanitti xiyyaarri xiqqoon tuuristoota feetee turte kuftee caccabuusheetiin namootni keessa turaan 13 martuu du'aniiru.

    Xiyyaarri Cessna Caravan C-208 jedhamtu iddoo hambaa Arkiyoolojii Nazca Lines ​jedhamurra balali'aa osoo jirtuu kufte. Paayiletoota lamaa fi imaltoota 11 keessa ture.

    Lammiilee Jarmana lama, kan ispeen lamafi kan Xaaliyaan torbatu keessa ture jedhan midiyaaleen Peeruu. Sababni xiyyaarichi kufeef ammatti ifa miti.

    Nazca Lines hawwata tuurizimii guddaa UNESCON galmaahe yeroo ta'u Kibba Peeruutti argama. Fakkii bineensota durii gammoojjii keessatti dur kaafamee of keessaa qaba.

    Baayyina fakkiiwwan kanaa ilaaluuf turistootni baayyinaan xiyyaarota xixiqqoon daawwatu.

    ''Hammeenya balaa kanaarraa kan ka'e, namni lubbuun oole hin jiru. Ammatti reeffa nama afurii arganneerra'' jechuun hogganni Poollisii AFP tti himeera.

    Balaa Sambata qaqqabe kana booda Rooyitarsi viidiyoo wayita hojjettootni farra ibiddaa caccabaa xiyyaarichaatti bishaan biifan agarsiisu qoodeera. Arri keessaa bahaa ture.

    Naannoo kanatti xiyyaarri yoo kufu kan jalqabaa miti bara 2022 namni torba, bara 20010 ammoo namni jahaa balaa xiyyaaraan naannichatti du'eera.

  11. Restoraantii Mooskoo keessa jirutti boombiin dhoye nama galaafate

    Poolisii Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhuka'aan mana keessatti hojjettame kan akka boombii restoraantii Xaaliyaan keessatti dhoyee namootni sadii lubbuu dhaban, 21 kan ta'an ammoo miidhaman.

    Akka Koreen Farra Shororkeessummaa Biyyaalessaa Raashiyaa jedhutti dubartiin boombii kana baattee turte restoraantii Xaaliyaanii magaalaa Mooskoo jiru seenuuf yeroo jettu eegdotaan dhaabsifamti. Battala sanatti boombichi dhoye.

    Dubartiin boombicha qabattee turte, eegduun tokkoofi namni restoraanticha fayyadamuuf deeme tokko lubbuu dhabaniiruu jedhe waajirichi.

    Aanga'ootni xiyyeeffannaan haleellaa kanaa eenyu akka ta'e ifa hin goone.

    Namootni ijaaan argan dhukaaasa kana booda namootni dhiigaan laaqamanii restoraanticha keessaa baasamaa turan jedhan.

    Marfatni naannichaa cufamee qaamoleen nageenyaa akka ta'utti hidhatan naannichatti bobbaafamaniiru.